Zechariah 6:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami Mana Waaqaa jaare guddinna hayyu argate gosa ufii fidu isuma. Qaallichi toko barch'uma isaa ka hayyu d'aatu eje, wold'agayani woliini taani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni mana woyyummaa Rabbii bulchu isa; inni ulfinna mootumma'aa uffatee teessoo ulfinnaa ufii irra taa'ee bulcha; gadichi tokko teessoo isaa ka ulfinnaa ladda dhaabata; isaan lamaanuu wol ta'anii nagayaan hojjatan»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka Galma Mootii Waan Maraa ijaaru isa. Ulfinna mooti'ii qabaatee, barcumaa mootumma'aa irra tee'ee hin bulcha. Hayyichi tokko barcumaa mootummaa isaa bira dhaabbata; isaan lamaanuu woliigalaa fi nageyaan hujan› jedha;