Zechariah 6:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami lafa fagooti d'ufe ijaarsa Mana Waaqaa qarqaara. Eegi jaarani, aka AABBO Waaqi Guddaani na erge beetani. Yo isani seera AABBO Waaqa keesani aka dansaa guuttani, wonti kuni ch'ufti intaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san namoonni fagoo jiraatan hennaa manni woyyumma'aa haarawoomu gargaaru'uuf dhufan, hennaa manni woyyumma'aa haarawoome isin akka Rabbi Gooftaan banii maraa gara keessan na erge beettan; kun maruu ka raawwatamu yoo isin dubbii Rabbii Waaqa keessaniitii garaa guutu'uun ajajamtan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Worri biyya fagoo le'anu, Galmi Waaqaa deebifamee yennaa ijaaramu qarqaariisaaf hin dhufan. Galmi Waaqaa yennaa deebifamee ijaarame, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade gara keessan akka na erge hin beettan. Yoo isin guutumatti Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajantane tun marti hin teeti» naan jedhe.