Zechariah 8:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle isani, worra Yudatifi ka Israeli! Duri nyaapi woli abaare waan woliini jed'e, Akuma Yerusalemufi Yudaani gaargala argate, Waaqi isani gaargalchinna! Ammo eegi anini taka tana isani baasu, nyaapi kaani akana woli eebisa: Waaqi akuma Yudafi Israeli eebise isani eebisinna! Tanaafi jabaad'a, insodaatina!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin banii Yihuuda'aatii fi banii Israa'elii ka banii biraa biratti akka worra abaarsaatitti isin laalan! ani isin oolcha; worra eebbaaf ta'u isin taasisa; kanaafuu hin sodaatinaa'a! jabaadhaa'a» jedhee natti dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin worri Yihuda'aatii fi worri Israa'elii, dur kolbaa biyya adda addaa oddu'utti akka abaarsaatitti laakkowamaa turtane; ammaa ammoo ani abaarsa kana jalaa isin hin fayyisa, eebballe hin teetan; tanaaf jabaadha'a malee, hin sodaatina'a!