Zechariah 9:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Anini gaari lolaa, ka fardi hirkisu, Israeli keesaa balleese, fardoole Yerusalemu iraa fuud'a; ammalle guube lolaa ch'ufa imballeesani. Hayyuuni keesani gosa ch'ufa nagaya tolche, baariini toko fuud'e baariini d'ibii d'aabe, Galaana Efratiiti fuud'e muumme lafale ch'ufati d'aabe lafa ch'ufa fida.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Ani gaarii fardaa Israa'eliin keessaa, faradoo lolaa Yerusaalemiin keessaa hin balleessa; buundhee lolaa hin caccabsa; mootichi kee akka banii keessa nageenni jiraatu godha; bulchiinsi isaa galaanaa haga galaanaatii fi laga gudda'aa jalqabee haga qaccee lafaa ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Ani Garreettaa fardaa Efreem keessaa, fardoo lolaa Yerusaalem keessaa hin balleessa. Guubeen lolaalle hin baddi; Mootichi keeti gosa biyya adda addaatiif, nageya hin lassa. Bulchiisi isaa abbaayaa irraa, haga abbaaya'aa, laga Efraaxiisii irraa haga dhuma lafaa ti.