Zechariah 9:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi guddaani gumi ufii qorqorate, worrileeni nyaapa ufii balleesa. Worri aka nama farso d'uge machae lola keesati iyye, d'iiga nyaapa ufii jissa; d'iigi suni aka d'iiga sorio, ka qori keesa, fulla sorio irati baasaniti jigu, jiga.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Gooftaan banii maraa banii irraa ittisa; isaanillee diintota ufii hin fixan; furaanfurrisa diinni dhaga'aan darbatullee irra deeman; akka nama daadhii woyini'ii dhugee machaayeetitti wocan; dhiinni diintota isaanii akka dhiiga ciinca'aaf dhiyaatuu ka gabatee guutee irra jiguutitti jiga.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, kolbaa ifii irraa hin dhoogga; isaanille dhakaa looyya'aatiin diina ifii hin balleessan; akka nama daadhii woyni'ii unee machowee hin iyyan; akka qorii dhiiga ittiin fiffixanu ta roga addee ciinca'aa hin guutaman.