Zechariah 9:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri deebie fooni d'iiga keesaa imbahini inyaatu, yokhaani waan nami nyaachu himmalliini innyaatu. Nami hafuleeni gosa tiyyati darame balbala gosa Yuda taha. Ammalle Ekroni gosa tiyyati daramti, akuma gosa Yebusi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan ammaa achi foon dheedhii dhiiga qabu yookaan nyaata dhooggame kamiinuu hin nyaatan; worri isaan irraa hafe banii kiyyatti makame gosa Yihuuda'aa woliin tokko ta'an; baniin Eeqaroonii akkuma banii Iyyaabusii akkasuma banii kaawwaniin wolitti makaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan haganaa achi foon dhiiga qabu yookiin sagalee dhooggante hin nyaatanu. Worri hafe Waaqa keennaaf hin te'a, biyya Yihuda'aa keessatti sooreyyii hin te'an. Worri Eqroonille akkuma worra Yibusootaa hin te'a.