Zephaniah 2:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqa barbaada, isani worri balchichi, ka seera isaa guutu. Waan qajeela barbaada, AABBO Waaqa durati ufi balchoomsa. Hegeri guyya dallansu AABBO Waaqa duraa baatanifa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin fayyaaleyyiin ajaja Rabbii raawwata'aa jiraattan gara Rabbii deebi'aa'a; hujii qajeellumma'aa hojjadhaa'a; gara laafumma'aan gad uf qabaa'a; akkaataa kanaan maal laataa guyyaa Rabbi dheekkamsa ufii mudhisu adabbii jalaa bawuu dandeettan ta'aa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin worri gad ifi qabee lafa irra le'u, ka ajaja isaatiif ajajantanu, hujii balchittii huja'a; Mootii Waan Maraa duratti ifi gad qaba'a! Guyyaa mufii isaa san isin hin milixxan fa te'a.