Zephaniah 2:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo anini d'uguma Waaqa Israeli taate, anini worra Moabutiifi ka Amoni akuma Sodomafi Gomora balleesani balleesa. Lafti suni doobifi boola soodda taate haga jirtu badi. Nami kiyya ka hafu worra suni saame lafa worraa fud'ata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii jiraataa waan ta'eef Moo'aab akka Sodoomii, Amoon ammo akka Gamoora'aa ta'an; lafti doba'aa fi akka boolla sooqiddi keessaa bayuu hennaa dheera'aaf diiggamtee ona taati; baniin kiyya ka du'a irraa hafe isaan saamanii qabeenna isaanii dhaalan»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, ani dhugumaan jiraata'a; worri Mo'aabii akka worra Sodoomii worri Amooniille akka worra Gomora'aa addee midhaan ijjumaa itti hin lannee fi addee boolla sooddaa, addee haga bara baraa diigante hin te'an; kolbaan tiyya worri lubbu'uun hafe karra isaanii hin saaman; lafa isaanille hin dhaalan» jedha.