Zephaniah 3:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami lafa Israeli keesati hafe waan hamtu nama intolchu, d'arale dubbate nama insobu. Worri, ka woma insodaanne, marrafi bisaani aka dansaa soorate quufa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin Israa'elii ka boojuu irraa hafan eennuun irrattillee waan hamaa hin godhan; soba hin dubbatan; arraba ufiitiin nama hin soban; kanaafuu isaan nyaata'aa nagayaan jiraatan; ka isaan sodaachisullee hin jiru.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Israa'elooti worri hafane haganaa achi hin yakkanu; dharalle hin dubbatanu; namalle hin sobanu; isaan nyaatanee hin irkatan; ka isaan sodaachisulle hin jiru» jedhe.