Zephaniah 3:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi kanke si woliini jira, irre isaatiini nama dabsata. AABBO Waaqi siraa gammade, jaalala isaatiini jireenna haraa sii keenna. Inni sirbe siraa gammada,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Waandhi kee si woliin jira; hunna ufiitiin mootee sii kenna; Rabbi sitti gammada; jaalala ufiitiin si haarawoomsa; baniin akkuma guyyaa ayyaanaa faaruu faarfatan; akkasuma inni sitti gammada jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jira; hunni isaa injifannoo sii kenniti; inni guddoo sitti hin gammada; jaalala ifiitiin jiruu teeti hin haaressa; inni faaru'uun si'itti hin gammada» hin jedhan.