Zephaniah 3:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja guyyaani sunini d'ufu, anini nama keesani ka boojiani galche, lafa ch'ufa keesa maqa dansa isanii kenne, ammalle hormaata isanii deebisa. Nami dubbi tana jed'e AABBO Waaqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, Ani hennaa san wolitti qabee gara biyya keessanii isin deebisa; ani hennaa qabeenna keessan maraa uduu ijji teessan argitu deebise isin banii lafa irra jiraatan maraa afo'otti worra gurra bayee fi worra galataa taatan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa sanitti ani wolitti isin qabee, biyya teessanitti isin hin galcha; boojuu teessan, adoo isin ilaaltanuu isiniif hin deebisa. Ani kolbaa gosa adda addaa ta lafa irraa mara oddu'utti, ulfinnaa fi leellisa akka dhaggattanu isin hin godha» jedha.