Zephaniah 3:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Diquma na eega, guyya anini kae gosa ch'ufa himad'u eega. Anini ya kutad'e, aka gosa ch'ufa wolti yaame dallansu tiyya ira buusu. Lafti tunini ch'ufti dallansu tiyyaani baddi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Isin diqqoma naa obsaa'a; hennaan ani isaanitti murteessu hin dhufa; bani'ii fi mootota wolitti qabee dheekkamsa kiyya jabaa isaanitti buusa; sababaa dheekkamsa kiyya jaba'aatiif ardiin maruu hin baddi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa, ‹Guyyaa ani dhugaa baasiisaaf ka'u sanitti na eegadha'a! Ani gosa biyya lafaa wolitti qabiisaaf, mootummootalle wolitti raree, aarii tiyya ta bobeettu maraayyuu isaan irratti dhangalaasiisaaf murteeffadheera; biyyi lafaa martinuu hinaaffaa tiyya ta akka ibiddaatiin hin gubatti› jedheera.