bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 John 2
1 John 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 3 →
1
Ijoollee tiyya, akka isan cubbuu hintolchinee anin waan kana isanii barreessa, ammoo yo namii cubbuu tolche, nu Yesus Kiristoo qulqullicha ka Abbaa duratti nuu dubbattu qamna.
2
Mar. roo hujii isaatiif cubbuu teenna nuu araaraman, teenna callaaniti ammoo ta nama lafa cufaalle.
3
Akka Waaqaa beennu yo seera isaa guunne beenna.
4
Namii “Anin isa beeka” jedhee, ammoo seera isaa hinguunne dharticha, ammallee dhugaan isa keessa hinjirtu.
5
Ammoo namii dubbii isaa guutu cuftii ya akkuma dhugaa qixeessee Waaqaa jaalate. Mar. roo waan kanaatiif nu akka karaa Waaqaa keessa jirru inbeennaa,
6
namii, “Anin karaa Waaqaa keessa jira” ufiin jedhu, jireenna ufiitiin Kiristoo fakkaachuu male.
7
Jaallan tiyya, anin seera haaraa isanii barreessuutti hinjiruu, ammoo seera duruu jiru barreessuu jira. Seerii duruu jiru sun dubbii isan duruu dhageettan.
8
Taatuullee, seerii anin isanii barreessuu haaressa, ka akka innii dhugaa, isanii fi Kiristoollee keessatti argan. Wantii akkanaatiif dukkantii dabruutti jirti, ibseen dhugaa yaa ibsite.
9
Namii, “Anin ibsee keessa jira” jedhee ammoo obboleessa ufi jibbu ammallee dukkana keessa jira.
10
Namii obboleessa ufii jaalatu ibsee keessa taa'a, wantii isa gufachiisaa tokkolleen hinjirtu.
11
Ammoo namii obboleessa ufii jibbu dukkana keessa jira, ammallee dukkana keessa dedeema, waan dukkantii lafa argu dhoorteef, gara deemuullee hinbeeku.
12
Ijoolle! Waan cubbuu teessan marroo Kiristootiif isanii araaramaniif anin isanii barreessa.
13
Aabbootii waan isan ka qaraa fiixe jiru beettaniif anin isanii barreessa. Isanii warraa kahimaa! Waan isan hamaa sun dabsattaniifii anin isanii barreessa.
14
Ijoolle! Waan isan Aabbaa beettaniif anin isanii barreessa. Aabbootii! Waan isan ka qaraa fiixe jiru beettaniifii, anin isanii barreessa. Isanii kahimaa! Waan isan jabaattanii, dubbiin Waaqaa isan keessa jirtuufii, ammallee waan isan hamaa kaan dabsattaniifii, anin isanii barreessa.
15
Lafaa fi waan isii keessa jiraa tokkoollee hinjaalatinaa! Namii yo lafa jaalate, jaalaltii Aabbaa isa keessa hinjirtu.
16
Wantii lafa keessa jiraa cuftii, dharraa nafaa, kajellaa ilaatii fi qabeenni namii dhaabbatu gara Aabbaati hindhumnee, ammoo lafuma keessaa dhufte.
17
Lafaa fi dharraan isiilleen indabarti, ammoo namii fedhii Waaqaa tolchu haga jiruu jereennaa jiraata.
18
Ijoollee tiyya, muummeen ya dhi'aatte! Akka nyaaphii Kiristoo dhufu ya isanitti himan; nyaaphii Kiristoo hedduun amma yaayyuu mullatee, tanaaf akka muummeen dhi'aatte inbeenna.
19
Warrii kunin qaraallee gumii teennaanitii, tanaaf nu biraa yaa. Yo silaa gumii teenna keessa jiraattan, nu waliin ta'a. Ammoo wantii warrii nu biraa yaa'eef akka jarii tokkoolleen gumii teenna hintahiin agarsiifti.
20
Hafuura Qulqulloon ya isan muudani, tanaaf isaniin cuftii dhugaa beettan.
21
Anin waan kana marroo isan dhugaa hinbeenneef isanii hinbarreessinee; ammoo marroo isan dhugaa beettaniif isanii barreesse, ammallee, akka dhartii tokkoolleen dhugaa keessaa hinbaane isan inbeettan.
22
Eentu dharticha, nama Yesus Kiristoonitii jedhu male? Namii kunin Nyaapha Kiristooti, Abbaa fi Ilmallee indida.
23
Namii Ilma didu Abbaallee ya dide, ka Ilma fudhatu Abbaallee ya fudhate.
24
Wantii isan haguma duriiti dhageettan ha isan keessa teettu. Yo wantii isan haguma duriitii dhageettan isan keessa teetee, isan Ilmaa fi Abbaa keessa teetan.
25
Tunin waan Kiristoon akka jireenna hegerii nuu kennu nuu kakate.
26
Anin waan kaan marroo warra isan sobuu fedhuutif barreesa.
27
Afuura Kiristootin Yaa isan muudan; haga hafuurii sun isan waliin jiru, nama isan barsiisu hinfeettan. Hafuurii waan cufa isan barsiisa, wantii innii isan barsiisuu waan dhugaati, dharaaniti. Barsiisa hafuuraa caqassaa, karaa Kiristoo keessa jiraadhaa.
28
Ee, ijoollee tiyya, akka guyyaa Kiristoon mullate, nu hinceeree ammoo akka sodaa malee jabaannee dhaabannu, karaa Kiristoo keessa taa'aa!
29
Isan yo akka Kiristoon qajeellaa beettanii, akka namii waan qajeelaa hojjatu cuftii ijoollee Waaqaa inbeettan.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5