bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Peter 2
1 Peter 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 3 →
1
Hameenna cufaa lakkisaa; nama hin sobinaa, olufi hinfuudhinaa, walhinqoxxisinaa, maqaa walhinxureessinaa!
2
Akka ijoollee dhiyoo dhalattee aananii boottuu, isaniilleen, akka dhuddanii gugurdattanii baafamtan dubbii Hafuura Qulqulloo sunii dharraa.
3
Wantii akkanaatiif isan ya arjooma Waaqaa gartan.
4
Gara Aabboo koottaa, innii dhakaa jiraata, fuula Waaqaa duratti gatii guddoo qabu, ka biyyitii cuftii diddee, ammoo Waaqii foohate.
5
Akka mana hafuuraa isan jaaranii, qaallolee qulqulloo taatanii, sooriyoo dansaa, ta waaqii fedhu, karaa aabboo Yesus Kiristootiin dhiyeessitan, akka dhakaa jiraataa tahaa koottaa.
6
Wantii akkanaatiif barreessiin, “Anin dhakaa gatii guddoo qabu fohadhee, akka dongoraa manaa ta'uu Xiyoonii keessa dhaaba. Nama isa dhugeeffatu tokkoollee hinceersan” jettu.
7
Tanaaf isan warra dhugeeffatuu, dhakaan kunin dhakaa jabaa; ammoo warra hindhugeeffannee. “Dhakaan jaartuun tuffattee diddee, yaayyuu dhakaa jabaa tahe” jetti.
8
Barreessiin dhibiilleen, “Dhakaan nama gufachiisu kana, Siidaan nama buusulleen isuma” jetti. Warrii waan dubbii hin dhugeeffatiniif gufataa; wantii Waaqii warraa herrege tana.
9
Isan ammoo gosa Waaqii foohate, qaallolee hayyuuti, gumii qulqulloo, warra Waaqaa ka akka hujii Waaqaa ta mamaa himtaniif foohatan, ka dukkana keessaa ifa isaa ta mamaatti yaaman.
10
Isan durii gumii Waaqaatiinii, amma ammoo gumii isaati; durii naasuu Waaqaa hinbeettanii, amma ammoo ya naasuu isaa argattan.
11
Anin isanii kadhadhaa, jaallan tiyya, ta akka keessummaatii fi akka nama baqaa waan taataniif, yo lafa tana keessa jiraatan; dharraa nafaa, ta cubbuutti nama geessitu, ta yo cufa Hafuuraan wal haatu gula hinbadinaa.
12
Amalii keessan warra Waaqaa hinbeennee ha dansaa tahuu, akka yo warrii hammeenna isan himatellee, hujii teessan dansaa arganii, guyyaa Waaqii dhufee nu laalu isa guddisan.
13
Mar. roo maqaa Aabbootiif aadaa fi seera namii baasu cufa guutaa. Hayyuu ka waan cufa harkaa qabuu fi
14
warra gugurdaa dhibiillee, ka innii akka warra waan hamtuu tolchu gaargalchee warra waan dansaa tolchu saaduu fi ergellee guutaa.
15
Fedhiin Waaqaa tana, akka isan haasaa daallumaa, ka warra homaa hinbeennee, hujii teessan dansaan callisiiftan.
16
Akka nama balchaa taa, ammoo balchooma keessan golla uji hamtuu hintolchinaa, akka hojjattuu Waaqaa taa.
17
Nama cufaa ceeraa, obboleeyyan dhugeeffatte jaaladhaa, Waaqaa sodaadhaa, hayyuullee ceeraa.
18
Isaniin tisseelleen, abbootii teessani saalfadhaa, warra laanaa ka isanii na'uu callaanitii, ammoo ka isanii hin naaneelle seera warraa guutaa.
19
Tanaaf yo isan waan fedhii isaa guutaniif, gaargala isanii hinmalin argatanii, Waaqii isan eebbisa.
20
Yo wallaala tolchitanii isan dhaananii, ammoo wallaala sun obsitanii, maan isanii baati? Ammoo yo waan qajeelaa tolchitanii gaargala obsitan, Waaqii marroo suniif isan eebbisa.
21
Waan kanaatti Waaqii isan yaame; wantii akkasitiif Kiristoon durii akka isan faana isaa gula yaatan marro teessaniif gaargalee akeeka isanii tahe.
22
Innii takka cubbuu hinhojjanne, yokaan namii tokkoolleen isaa dhara dubbatu hindhageenne.
23
Gaafa isa arrabsan innii takkaa nama hinarrabsine; isa gaargalchinaanii innii nama tokkoollee hinsodachiimne, abdii ufii ammoo, Waaqaa dhugaa ka murtii dhugaa muru, irra keeyyate.
24
Kiristoon cubbuu teenna nafa ufitiin baatteetti fannootti ol ba'e; akka nu cubbuu dhumannee qajeelumaa jiraannu. Madaa inni madaa'een isan fayyitan.
25
Isan qara akka hooliyyee karaa irraa baddee jirtan; amma ammoo ya tissituu fi qorqorattuu lubbuu teessanitti deebitan.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5