bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Peter 3
2 Peter 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
1
Jaallan tiyya, ergaan lammeessoo ta anin isanii barreesse tana. Ergaa tana lachuu keessatti anin ya herrega dansaa isanii kennuu fedhe, waan kana isan qaabsise.
2
Dubbii raagootii qulqulloon durii jettee fi ammallee seera Aabboo fi fayyisaa harka ergamaa isaatiin isanii kennee qaabadhaa.
3
Akka guyyaa eegee namii garii ka dharraa nafa ufii callaa fedhu dhufu, qaraa fiixee hubachuu maltan. Isan koblaanii,
4
“Innii indhufa jedheeyyuu? Amma meeti? Ababootiin teenna durii doote, ammoo wantii cuftii haga lafa uumanii akkuma takkaa jirti” jedhan.
5
Warrii sun adoo beekuu, waan kana dida, durii Waaqii dubbannaan lafaa fi gubbaan uumamte. Lafa sun bisaan keessaa fi bisaaniin uuman,
6
bisaanumaan durii wanti lafa irra jiraa cufti bulbulamte badde.
7
Ammoo lafaa fi gubbaa amma jirtu tanaa akka ibiddaan balleessan dubbuma Waaqaa suniin ya olkaa'an. Innii guyyaa nama dabaa cufa itti muraan balleessaniif olkaa'e.
8
Jaallan tiyya, ammoo waan kana hindedhinaa! Waaqaa duratti guyyaa tokkoo fi gannii kuma tokkoolleen haguma takkaa.
9
Akka namii garii se'e hinturuu, Aabboon kakuu ufii inuma guuta; ammoo innii guddoo isan obsa; wantii akkanaatiif innii nama tokkoollee ka badu hinfedhu, nama cufaa ka daba irraa deebi'u fedha.
10
Ammoo Guyyaan Aabboo akka hattuu dhufa. Guyyaa sun gubbaan iyyanna guddoon badde, wantii gubbaa jiraa cuftii gubatteetti hobbaati, lafaa fi wantii isii keessa jiraa cuftii baddi.
11
Mar. roo wantii kunin cuftii akkana badduuf, isan nama akkam ta'uu maltan? Jireennii keessan cuftii ha qulqullaa'ee Waaqaa duratti qixxaa'uu,
12
Akka guyyaan sun hurrisee dhufu, adoo guyyaa Waaqaa eeddanuu jabaadha! Guyyaa gubbaan gubattee baddee, wantii gubba jiraa cuftii baxxee baddu.
13
Ammoo nu waan Waaqii nuu kakate lafa haareetii fi gubbaa haareettii qajeelumaan guutamte teenne eeganna.
14
Tanaaf jaallan tiyya, adoo guyyaa sun eeddanuu, jabaadhaa akka fuula Waaqaa duratti qixoomtan, wallaala malee nagaan isa waliin teettan.
15
Akkuma obboleessii keenna Phaawulos qarooma Waaqii isaa keenneen isaanii barreessee akka obsii Aabboo keennaa baafama nuu ta'u qaabadha.
16
Wantii innii ergaa ufii cufa keessatti barreessu tana. Waan jajabduutti ergaa isaa keessa jira, ka namii homaa hinbeennee fi lallaafaan qonyisu, akkuma warrii waan barreessii qulqulloo keessatti barreessan ka garii tolchee, akkanaan ufi balleessu.
17
Ammoo isan jaallan tiyya, duuba akka wallaalii nama seera hingunnee isan balleessee dhaabbi teessan dansaa indhamne, waan kana qaraa beettanii ufi tissaa.
18
Ammoo eebbaa fi hubachaa Aabboo fayyisaa keenna Yesus Kiristoo keessa guddadhaa. Guddinnii ka isaati, ammaa fi haga jiruu jereennaallee! Ee'e jenne
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
All chapters:
1
2
3