bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Timothy 2
2 Timothy 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 3 →
1
Atin, ilma kiyya! Mar. roo eebba Kiristoo keessa jirtu qabduu jabaadu.
2
Dubbii tiyya ta anin si duraatti nama hedduu barsiisee, atilleen nama dhugeffatu, ka danda'ee nama dhibillee barsiisutti kenni.
3
Akka loltuu Kiristoo Yesusiitti, qooda kankee ka gaargalaa fudhadhu.
4
Warrii waraanaa hujii hojjatuun guddaa isaanii gammachiisuu fedha, malee waan dhibii ka hujii warra waraanaa hinta'in keessa seenuu hinfedhu.
5
Namii utaaluu, aadaa waldogoomsuu guutu malee, homaa hinargatu.
6
Abbaan oobruu ka akka dansaa hojjatee, midhaan qaraa ka oobruu ufii argachuu male.
7
Waan anin siin jedhe kana herregi, Aabboon waan cufaa si hubachiisaa.
8
Yesus Kiristoo ka du'a keesaa kaassan, ka dhaloota Daawiti, akkuma oduu dansaa anin barsiisu keessaatti himan qaabadhu!.
9
Waan anin oduu dansaa haasa'eef na gaargalchanii, ammallee akka nama wa yakkee na hidhani. Dubbiin Waaqaa ammoo hidhaansa keessa hinjirtu;
10
marroo waan kanatif anin gumii Waaqii foohatee jedhee obsa, akka warrilleen baafama karaa Kiristoo Yesus gula jiruu guddinna hegerii waliin argatu.
11
Jechii kunin jecha dhugaati: Nu yo Kiristoo waliin doonee, isa waliin jiraanna;
12
yo obsine, isa waliin lafa finna: Yo nu isa mormanne, inniilleen nu mormata;
13
innii waan danda'ee nafa ufii hinmormaneef, adoo nu dhugeeffachaa irraa gorreellee, innii kama dhugeeffatan.
14
Gumii tantee waan kana qaabsiisii, Waaqaa duraatti gorsi; akka warrii marroo dubbiitiif wali hindinne. Wantii sun ufumaa warra caqasu callaa balleessiti malee, homaa namaa hinbaatuu.
15
Ati akka Waaqi hujii tanteetti quufu, akka hojataa huji ufiitti hinceeree, ka dhaamsa Waaqaa qajeelchee himuu ufi qorqoradhu.
16
Haasa bu'aa hinqamne, ka nama Waaqaa hinbeennee, ka Waaqaa irraa nama fageessuu, irraa fagaadhu.
17
Wantii warri barsiisu akka madaa qoramtee namaa nyaanyaatu jirti. Himnewosii fi Filexoosiilleen warra waan akkanaa kana barsiisu keessa jiran.
18
Warrii kunin “Du'aa ka'iisii keenna ya dabree” jedheetti, karaa dhugaa lakkissee, dhugeeffachaa nama gariillee balleesse.
19
Ammoo yayabii Waaqii keeyyate hinchocho'u; ammallee dubbii tana irraatti barreessiin: “Aabboon warra isaa cufa fuula beeka, ammallee namii ‘Nama Waaqaa’ ufiin jedhu hameenna lakkisuu male” jetti.
20
Mana guddaa tokko keessa mi'a gosa hedduutti jira. Ka garii qarsii, warqii, ka garii faaraa fi muka; ka garii gatiin guddoo ka garii gatiin diqqoo.
21
Namii yo waan hamtuu cufa irraa ufi dhowwee, ya ufi qulqulloomse, waan innii akka hujii dansaa cufa hojatu ufi baasee abbaa ufiitii wa ba'eefii, nama sunii waan jabdu tolchan.
22
Dharraa ka'imoomaa lakkisii, jara garaa qulqulloon Aabboo yaamatu waliin dhugeeffadhu; dhugeeffachaa, jaalalaa fi nagaa barbaad!.
23
Ammoo haasaa daallumaa ka nama homaa hinbeenne irraa fagaadhi; wantii kunin waldiddaan dhufti, inbeettaa.
24
Hojjataan Aabboo nama cufaa na'ee, barsiisaa dansaa fi ka obsa qabu ta'uu male, malee namaan waldiduu himmalle,
25
innii ka laanatuu karaa nama isaan morkuu garsiisu ta'uuu male; hegerii Waaqii daba irraa warra deebiseetti, dhugaa warra barsiisafaa.
26
Duuba qalbiin warraa deebinaan xuruuraa Sheexanii warraan qabee moo'ate keessaa baqatan.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4