bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 16
Acts 16
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 17 →
1
Phaawluos deemuumadeemee dira Derbee dhufee gara dira Lisxiraatti dabre. Achi ammoo nama Yesusiiti dhugeeffatte ka Ximotewos jedhan tokkootti jira; haatii isaa niitii Yihudii ta Yesusiitti dhugeeffatte takka; abbaan isaa ammoo gosa Griikii.
2
Ximotewos obboleeyyan dhugeeffatte ta Lisxiraatii fi ta Iqoniiyum jirtu, biraatti nama maqaa dansaa qabu.
3
Phaawulos akka innii isa waliin deemu isa foohatee, waan Yihudiin fulaa sun jirtu cuftii akka abbaan isaa gosa Giriikii beetuuf fuudhee dhaqaanqabaa qabeef.
4
Warrii dira cufaa keessa yayaa'ee aadaa seera ergamtootaa fi jaarroleen Yerusaalemitti murtee, gumiitti kennee, akka jabeessanii eegan gorse.
5
Tanaaf gumiin Waaqaa dhugeeffachaan jajjabaattee, guyyaa cufaa ittuma ida'amaa heddatte.
6
Warrii Hafuurii Qulqlluoon akka Asiyaa keessatti dubbii sun hinhaasoomne isaan dhowwee jennaan, Friigiyaa fi Galaatiyaa keessa dabre.
7
Warrii Miisiyaa geennaan Bitiinyaatti dabruu fedhee, hafuurii Yesus ammoo achi dhaquu warra dhowwe.
8
Tanaaf warrii Miisiyaa bira yaa'ee dabree Xro'aasitti gadbu'e.
9
Halkan tokko Phaawulos namicha lafa Maqedooniyaa tokko ka isa dura ejjee, “Maqedooniyaatti koottii, nu qarqaari” jedhee isa kadhatuu daayyaan arge.
10
Akkuma innii daayyaa sun argeen, waan akka Waaqii nu yaamee oduu dansaa warraatti haasa'aa nuun jedhee midhaaffaneef, yoma tokkoon akka Maqedooniyaa yaanu buufanne.
11
Jennaan nu hoboloo yaabbannee Xro'aasii kaanee, Saamotraaqootti qajeellee, boriyyaa Ne'apholiis dhumne.
12
Achii ammoo dira lafa Maqedooniyaa sun keessaa dira cufa irra guddaa ka Filiphisiiyus jedhan tokko, ka Roomaan itti qubate dhumne. Nu dira sun keessa bulti diqqoo tokko teenne.
13
Guyyaa Sambataa dira keessaa yaanee, gara moggaa galaanaa, fulaa warrii Yihudii Waaqaa itti kadhataa walitti qabamaan seene, dhandhee gadteteennee, nadheen fulaa sun jirtuutti haasoomne.
14
Niitiin wayaa didiimtuu gati gugurdoo gurgurtu, ta dira Tiyaatiraatii dhufte, ta Waaqaatti dhugeeffatte, ta Liidiyaa jedhan takka, nu caqafte. Aabboon qalbii isii baneefii, isiin waan Phaawulos jedhe dhageette.
15
Isii fi warrii mana isiilleen cuftii waliin cuuphamnaan, nuun, “Isan yo akka anin Aabbootti dhugeeffadhe amantanii, mana kiyya koottaa achi taa'aa!” jettee nu sobatee, nulleen ee jennee dhandhe.
16
Gaafa tokkoo adoo nu fulaa itti kadhanuu yaa'uu jiruu, intaltii takka ta jinnii yuuboomaa qabduu, nuun baate. Isiin, waan wa fadduuf abbootii ufiitii horii guddaa galchite.
17
Isiin, “Warrii kunin hojjatoota Waaqaa guddaati, ka karaa fayyinaa isaniitti himu” jettee iyyaa nuu fi Phaawulos gula deemte.
18
Guyyaa hedduu akkasuma tolchite. Phaawulos ammoo laaleffatee gara isiii micciiramee jinniin, “Anin akka maqaa Yesus Kiristootiin, Isii keessaa baatuu sii ajaja!” jedhe; yoma sun jinniin taan isii keessaa baate.
19
Abbootiin isii horii durii irraa argattu akka dhabdu arginaan Phaawulosii fi Siilaas qabdee gabayaatti hirkichee, warra biyya bulchu duraatti geessite.
20
Warra Roomaa ka dubbii murutiin dhufanii, “Jarii Yihudii kunin guddoo dira keenna kana yakkuu jira.
21
Ammallee aadaa nu gochitii Roomaa dhaga'uu hinmalin yokaan guutuu hinmalin nu barsiisa” jedhanii himantan.
22
Gumiin guddoon warra kaaniitti daraamtee itti caartee, jennaan warrii Roomaa ka dubbii muru kaan wayaa Phaawulosii fi Siilaasii irraa tatarsaasee, “dhaanaa” namaan jedhe.
23
Eegii lichoon guddoo warra dhaanani, mana hidhaatti warra naqanii, nama mana hidhaa eeguun, “Akka dansaa warra kana qorqoraadhu” jedhan.
24
Innii seera kana dhageennaan dinqa manaa keessa warra naqee, miila warraa jabeessee mukaatti hidhe.
25
Gara halkan saatii ja'aa kanaatti Phaawulosii fi Siilaas Waaqaa kandhatanii faarsanii, namii hidhaansa keessa jiruu cutii warra dhagaye.
26
Adoo homaa hinbeekin laftii chochootee, yayyabii manaalleen chochoo'e. Yoma sun balbaltii mana hidhaa cuftii banamtee, haadii sibiilaa ka namaan hidhan cuftii hiikate.
27
Namichii mana hidhaa eegu kaan hirriiba keessaa dammaqee, balbala banaa qabdu argee jennaan, waan namii hidhaansa keessaa baqate sehee, goraadee luqqifatee ufii ijjeesuu fedhe.
28
Phaawulos ammoo qoonqoo olfudhatee “Homaa ufii hintolchin! Nuun cuftii arma jiraa” jedhee itti iyye.
29
Jennaan innii “Ibseen naa koottaa!” jedhee, mana keessa olcee, hollatee miila Phaawulosii fi Siilaasii duraatti jige.
30
Jennaan warra keessaa yaasee, “Dhiiroo ani akka baafamu maan tolchuu malee?” jedhee gaafate.
31
Warrii deebiseefii, “Aabboo Yesusiitti dhugeeffadhu, duuba warra kankee cufaa waliin inbaafamtaa” jedheen.
32
Jennaan warrii dubbii Aabboo isaa fi nama mana isaa keessa jiru cufaatti hime.
33
Innii yoma sun halkaniin warra fuudhee, madaa warraa dhiqee; isaa fi warrii isaalleen cuftii yoma sun cuuphame.
34
Jennaan mana ufitiin warra dhaqee sagalee warraa kennee, waan warra ufii waliin Waaqaatti dhugeeffateef guddoo gammade.
35
Laftii bariinaan, warrii Roomaa guguruddaan dubbii muru kaan, akka warrii waraanaa dhaqee “Jara sun gadi dhiisi! Jedhan” jedhee namicha mana hidhaa eeguutti himu itti erge.
36
Jennaan namichii mana hidhaa eegu kaan dubbii taan Phaawulosiitti himee, “Jarii Roomaa ka dubbii muru ya akka gad isan dhiisan nama nutti ergee, tanaaf amma ka'aa nagaan yaa'a” jedheen.
37
Phaawulos ammoo, “Warrii adoo nulleen gosa Roomaatuu biyya duraatti, nu dhaannee, adoo wallaala nutti hinmurinuu hidhaansaatti nu naqe; amma ammoo akkanumaatti dhossaan nu yaasuu fedhaa? Hiyyoo, tun hintaa'tu, warrumaan ha dhufee keessaa nu yaasuutti” warraan jedhe.
38
Jarii waraanaa dubbii taan warra Roomaa ka dubbii muruutti himnaan, warrii Roomaa ka dubbii muru kaan, akka Phaawulosii fi Siilaas gosa Roomaa dhageennaan guddoo sodaate.
39
Tanaaf dhufanii araarama kadhatan. Jennaan diidaatti yaasanii, akka warrii dira sun keessaa yaa'u kadhatan.
40
Phaawulosiifi Sillaas mana hidhaa keessaa ba'anii, mana Liidiyaa dhaqan; achiitti obbooleeyaan dhugeeffatte arganii, jabeessanii gorsanii ka'anii yaa'an.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28