bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 22
Acts 22
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 23 →
1
“Dhiiro, obbooleeyaan, abbootii, anin amma isan duraatti ufii dubbachuu fedhaa na caqasa!” jedhe.
2
Isa afaan Ibraayisxii dubbatu dhageennaan haga qaraallee irra callisan. Duuba Phaawulos,
3
“Anin Yihudii, dira Xarsees ka Qiliiqiyaa keessa jiru keessatti dhaladhe, ammoo dira kana keessa Gamaali'el jalaatti guddadhe. Aadaa seera ababoota teennaa cufa akkuma dhugaa na barsiisan; akkuma isan guyyaa kana tolchuutti jirtan kana karaa Waaqaa oowisee itti jabaadhe.
4
Ammallee anin nama karaa kana gula deemu haga du'a gaargalche; dhiiraa fi nadheeniillee qabeetti, mana hidhaatti naqe.
5
Qaallicha guddaa fi jaarroleen waan kanaatti naa dhugaa. Anin akka obboleeyyaan Yihudii ta Damaasqoo jirtuutti geessuu, ergaayyuu warruma irraa fudhaadhe; akka nama karaa sun gula deemu cufa qabee, akka achiitti gaargalchan Yerusaalemtiin dhufu.”
6
“Adoo karaa deemuu anin Damaasqootti dhi'aannaan, guyyaa guddaa aduu saatii ja'aa, dingata ibseen tokko Waaqaa irraa natti ibsite.
7
Lafa dha'ee, qoonqoo tokko ta, ‘Saa'ol, Saa'ol, maaf na gaargalchita?’ naan jettu dhaga'e.
8
Anin, ‘Aabboo, atin eennuu kanaa?’ jedhee gaafadhe. Innii ammoo deebisee, ‘Anin Yesus Naazireet, ka ati gaargalchuu jirtu’ naan jedhe.
9
Warrii na waliin jiru ibsee argee malee, qoonqoo naan dubbattu hindhageenne.
10
Anin ammoo, ‘Aabboo, anin maan tolchuu male ree?’ jedhee gaafadhe. Aabboon ammoo, ‘Ka'ii, Damaasqoo dhaqi, waan atin tolchuu malte achitti sitti himaanii’ naan jedhe.
11
Mar. roo ibsee sunitiif anin lafa arguu dadhamnaan, waahelii kiyyaa harka naa qabee dira Damaasqoo na seensise.”
12
“Namichii, seera Waaqaa guutu, ka Yihudii Damaasqoo jirtu cufa biraatti maqaa dansaa qabu, ka Ananiiyaas jedhan tokko achi jira.
13
Innii gara kiyya dhufee na bira ejjee, ‘Aaddaa Saa'ol, lafa argi!’ naan jedhee; anin yoma sun lafa argee isaallee arge.
14
Jennaan Ananiiyaas, ‘Waaqii abaaboota teennaa, akka atin fedhii isaa baraattee, nama dhugaa sun argitee qoonqoo afaan isaa irraa dhageettuu, ya si foohate.
15
Akka waan agartee fi waan dhageette cufaa nama cufaatti himtuu, dhugaa isaa taatu.
16
Amma maan eedda? Ka'ii, maqaa isaa yaammadhuu cuuphami! Cubbuu tanteellee dhiqadhu!’ ” naan jedhe.
17
“Anin eegii Yerusaalemitti deebi'e, adoo mana Waaqaa keessa taa'ee kadhadhuu, daayyaan wa arge.
18
Daayyaa keessaa Aabboo argee, ‘Hurrisii, Yerusaalem keessaa ba'i! Warrii kunin dubbii tiyya ta ati himtu hindhugeeffatuu’ Adoo innii naan jedhuu dhaga'e.
19
Anin ammoo, ‘Aabboo, warrii akka anin manneen waldeennaa cufa keessatti, nama si dhugeeffate hidhee dhaane inbeeka.
20
Gaafa Isxifaanos, ka dhugaa teetii, marroo teetiif ijjeessanii, anilleen ijjeeffamuu isaatti dhugeeffadheetti, achii ejjee wayaa warra isa ijjeessee qorqoradhe’ jedhe.
21
Jennaan Aabboon, ‘Ka'ii, deem anin lafa fagoo gara gosa dhibii ta hindhugeeffatinii si ergaa’ naan jedhe” jedhee warraatti hime.
22
Haga innii dubbii tana dubbatu cufa caqasanii, jennaan eegee qoonqoo olfudhatanii, “Namii kun jiraachuu hinmallee, lafa tana keessaa balleessaa” jedhan.
23
Adoo warrii goohee wayaa hargufee biyyee oli dadarbuu,
24
guddaan warra waraanaa akka Phaawulos mana warra waraanaatti geessanii, waan warrii Yihudii akkas isaatti iyyeef beekanii, akka lichoon isa dhaanan mure.
25
Dhaanuuf haadaan isa hiinaan Phaawulos, namicha isa bira ejuun, “Akkii isan nama Yihudii ka gosa Roomaatti gale tokko, ka wallaala itti hin murin dhaantan fulaa?” jedhe.
26
Guddaan warra waraanaa tana dhageennaan, dhaqee guddaa ufiitti himee, “Atin maan tolchuu feeta? Namichii kunin gosa Roomaati!” jedheen.
27
Guddaan warra waraanaa dhufee Phaawulosiin, “Ilaa, natti himii atin gosa Roomaatii?” jennaaniin Phaawulos, “Ee'ee” jedhe.
28
Guddaan warra waraanaa kaan, “Anin horii guddaa baasee nama Roomaa ta'e” jennaan, Phaawulos, “Anin ammoo itti dhaladhe” jedhe.
29
Jennaan warrii silaa isa himsiisu yoma tokkon isa biraa yaa'ee, guddaan warra waraanaalleen akka Phaawulos ka innii sibiilaan hidhe gosa Roomaa dhageennaan sodaate.
30
Boriyyaa guddaan warra waraanaa, waan Yihudiin Phaawulos himatteef beekuu fedhee, tanaaf haada Phaawulos irraa hiikee, akka qaallolee gugurdoo fi jaarroleen biyyaa cuftii koraa walti baatu ajajee, Phaawulos fuudhee warra dura dhabachiise.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28