bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 23
Acts 23
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 24 →
1
Phaawulos jaarrolee koraa ila keessa laalee, “Obbooleeyyaan tiyya! Anin akka haga ardhaa wallaala mallee, fuula Waaqaa dura jiraadhee, qalbii tiyya keessatti inbeeka” jedhe.
2
Jennaan qaallichii guddaan, ka Ananiiyaas jedhan, warra Phaawulos bira ejaajjuun, “Afaan keessa dhaa!” jedhe.
3
Jennaan Phaawulos deebiseefii, “Waaqumaan si dha'inna, atin akka naaboo dhakaan jaaraanii daaraa dibanii adeessanii jirta; akka silaa seera gula na qortuuf arma teettee ammoo seera malee ‘Afaan keessa dhaa!’ namaan jettaa?” jedheen.
4
Warrii Phaawulos bira ejaajjuu, “Atin Qaallicha Waaqaa guddaa arrabsitaa!” jedheen.
5
Phaawulos ammoo deebisee, “Obboleeyyaan tiyya! Anin akka innii Qaallicha guddaa hinbeeku, ‘Warra isan fidu waan hamtuu hinjedhinaan!’ waan jedhaa la barreessan” jedheen.
6
Phaawulos akka jarii garii Saduqoota ammallee ka garii Fariisotaa arginaan, kora keessatti qoonqoo olfudhatee, “Obbooleeyyaan, anin Fariisota, ammallee ilma Fariisotaa. Wantii na qoraniif marroo anin ka'iisa nama du'ee abdadhuuf” jedhe.
7
Innii akkana jennaan, warra Fariisotaatii fi Saduqootaa jidduutti moroomaan kaatee gumiin gargarii qoodamte.
8
Saduqootii, “Ka'iisii nama du'ee hinjiru; ammallee ergamtootaa fi ekeraalleen hinjirtu” jetti, Farisootii ammoo, “Wantii kun sadeenuu hinjirti” jetti.
9
Guddoo iyyanii, jarii seera beeku ka gama Fariisotaa ka'ee mormee, “Nu nama kana irratti balleessaa hingarre, malaa dhuguma ekeraan yokaan ergamaan aabboo isaan dubbate” jedhe.
10
Moroomaan akka takka hinargin dhumnaan guddaan warra waraanaa waan warrii Phaawulos qabee caccabsu sehee, tanaaf, akka warrii gadbu'ee harka isaanii keessa irreen isa fuudhee mana ufiitti isa galchuu warra waraanaa itti erge.
11
Halkan lameessoo Aabboon isa bira ejjee, “Garaa jabaadhu! Akkuma Yerusaalem keessatti naa dhugeesitee sun, Roomaallee keessatti naa dhugeessuu maltee” jedheen.
12
Laftii bariinaan warrii Yihudii tokko walti koraatee, “Haga Phaawulos ijjeemnuutti nyaannee hindhunnu” jedhee kakuu jabduu tokko walii kakaate.
13
Warrii kakate sunin nama afurtamaa irra jira.
14
Gara qaallolee gugurdootii fi jaarrolee dhaqanii, “Nu akka haga Phaawulos ijjeemnuutti homaa hin nyaanne ya kakuu jabduu kakanne.
15
Tanaaf, isanii jaarrolee koraa, akka innii Phaaulos fuula keessan duraan dhufee waan dubbii akka dansaa irraa midhaaffatanii, walin guddaa warra waraanaatti himaa! Nu ammoo adoo innii armaan hinbaanee akka isa ijjeemnu kurfeeffannee eennaa” jedhaniin.
16
Ilmii obbooleetti Phaawulos ammoo, akka warrii Phaawulos ijjeessuuf mari'ate dhageennaan, mana warra waraanaa olseenee Phaawulositti hime.
17
Jennaan Phaawulos nama waraanaa tokko yaamee, “Dargaggeessa kana gara guddaa warra waraanaa geesi; innii waan itti himuu qabaa” jedheen.
18
Namii waraan kaan isa fuudhee, gara guddaa warra waraanaa geessee, “Phaawulos, namichii hidhaansa keessa jiru kaan, na yaamee, ‘Dargaggeessa kana gara guddaa ketii geessi’ naan jedhee; innii dubbii jabduu sitti himu qaba” jedheen.
19
Guddaan warra waraana dargaggeessa harka qabee, fulaa namii hinjirre geessee “Maan natti himuu feeta?” jedhee gaafate.
20
Innii ammoo, “Yihudiin ya akka ati borii Phaaulos koraatti fideefii dubbii isaa akka dansaa kora keessatti qoraan si gaafachuuf wal mari'aattee walii galte.
21
Ati ammoo dubbii warraa hincaqasin. Nama afurtamaa irra jiruutti dhokaatee isa eeggachuu jira; warrii cuftii ya haga isa ijjeessanitti akka nyaatanii hindhunne kakatan; amma waan sun tolchuuf kurfeefataniitti qoonqoo tantee eegachuu jiraan” jedhe.
22
Guddaan warra waraanaa, “Ati akka waan kana natti himte nama tokkol'eetti hinhimin” jedhee dargaggeessa kaan ufibiraa deemsise.
23
Jennaan namichii guddaa waraanaa jara gugurdaa warra waraanaa lama yaamee, “Warra waraanaa dhibba lama, nama fardaa torbaatamaa, nama waraanaa ka dhibba lamaa ka Qiisaariyaa yaa'uu kurfeessaa akka warrii saatii sadii ta halkaanii yaa'u.
24
Fardoolee Phaawulos yaabatuullee qopheessaaf, nagaan harka jaallaba Feeliksiitti kenna!” jedheen.
25
Innii ufii ergaa akka armaan jala jirtuu tana barreessee,
26
“Anin Klaawudiiyos Liisiiyaas, jaallaba ulfaataa dansaa Feeliks nagaa qabdaa?
27
Ka Warrii Yihudii nama kana qabee diquma hinijeessin; anin akka innii gosa Roomaa dhageennaan, warra waraanaa waliin dhufee isa baase.
28
Waan isa himataniif beeku feenaan, fulaa jaarrolee koraa isa geesse.
29
Akka warrii waan seera ufitiif isa himate argee, malee waan isa ijjeessuu malaniif yokaan waan isa hidhuu malaniif tokkoollee hingarre.
30
Akka Yihudiin nama kana eeguu jirtu natti himnaan anin yoma tokkon gara kankee isa ergee, warra isa himatuullee, akka si duratti walhimatan itti hime.”
31
Warrii waraanaa Phaawulos fuudhe Antiiphaaxrisitti halkaniin geesse.
32
Boriyyaa warrii waraanaa ka miilaan yaa'uu fulaa dawoo (mishigi) isaniitti dacha'ee, warrii fardoo ammoo Phaawulos waliin dabre.
33
Qiisaariyaa dhumnaan ergaa jaallabdichaatti kennan; Phaawulosiillee isa dura dhaabachiisan.
34
Jaallabdichii kaan waraqata ergaa kaan dubbisee, “Namichii kunin nama lafa tami?” jedhe gaafate. Akka innii nama Qiliiqiyaa dhageennaan,
35
“Yo jarii si himatuu dhufe, dubbii tantee laala” jedhee, akka mana hayyuu Herodis keessatti isa qorqoratan ajaje.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28