bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 28
Acts 28
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
1
Nu eegii nagaan bisaan keessaa baanee, akka maqaan lafa bisaan keessaa sun Malaaxiyaa dhageenne.
2
Warrii lafa sunii guddoo nuu na'ee, waan bokka'ii roobee laftii dhaamottuuf, nu qarqaaree ibidda nuu bobeesse.
3
Phaawulos qoraan guuree ibidaatti naqee jennaan, boofi tokko adoo qoraan keessaa oowa ibidaa baqatuu, harka Phaawulosiitti mamarate.
4
Warrii lafaa ammoo bofa kaan, ka harka Phaawulosiitti rarra'u arginaan, “Namichii kunin nama ijjeessuu hindhabu; adoo nagaan bisaan keessaa ba'eellee, dhugaan akka innii jiraatu hinfeetu” waliin jedhe.
5
Phaawulos ammoo boofa kaan ibidaatti fixate; homaallee hintaane.
6
Warrii waan harkii isaa iita'ee yokaan innii yoma tokkoon lafa dha'ee du'u sehee, guddoo eegee, ammoo akka innii homaa hinta'in arginaan herregii jijjiiratanii, “Innii Waaqa” jedhan.
7
Namichii guddaa lafaa ka Phophlii'os jedhan tokko dhaattuu sunii, oobruu qabaa; innii mana ufiitti nu yaamee, haga guyyaa sadii nu keessummoomise.
8
Abbaan Phophlii'os fayyaa dhabee qandhatee dhiiga alba'e. Phaawulos mana innii ciisu olseenee Waaqaa kadhateefii, harka isa irra kaa'ee isa fayyise.
9
Wantii kunin taanaan, namii fayyadhaba qabu, ka lafa sun keessa jiru cuftii dhufee, Phaawulos isaan fayyise.
10
Warrii guddoo nu ulfeesse, guyyaa nu kaaneellee waan nu feenu cufaa nuu kenne.
11
Ji'a sadiin duuba nu hoboloo Iskindriiyaa takka ta haga bara dhaamochaa lafa sun keessa teeteen kaanee yaane; maqaan isii Waaqoota lakkollee jedhan.
12
Nu dira Seraakusiitti gallee, guyyaa sadii achi teenne.
13
Achii kaanee dira Reegiyos dhumne. Boriyaa qilleensii gama bitaatii qilleensa'uu jalqamnaan, guyyaa lammeessootti dira Photiyoli jedhan dhumne.
14
Achiitti obboleeyyan dhugeeffatte tokko arginee, akka nu torbaan tokko isaan bira teennu nu yaaman. Duuba achii kaanee dira Roomaa dhumne.
15
Obbooleeyyan dhugeeffatte ta dira Roomaa waan kana dhageennaan achii haga gabayaa Aphiyosittti, mana sadii ka ka keessummaa jedhan, yooyyoo teennaa dhufte. Phaawulos warra arginaan Waaqaa galateeffatee garaa jabaate.
16
Eegii nu dira Roomaa duune, Phaawulos akka ufumaan mana ufii keessa taa'ee, ammoo namii waraanaa isa eeguu, gadhiisan.
17
Guyyaa sadiin duuba Phaawulos jara gugurdaa Yihudii koraa walti yaame. Warrii walwaldeennaan Phaawulos, “Obbooleeyyan tiyya, adoo anin waan biyyaa yokaan aadaa abaaboota teennaa tokkoollee hin yakkin, hidhanii, Yerusaalem keessattii na hidhanii harka gosa Roomaatti na kennan.
18
Warrii Roomaa dubbii tiyya qoree, balleessaa du'a nattiin muru tokkoollee narraa dhamnaan na gadi dhiissuu fedhe.
19
Warrii Yihudii ammoo waan kana diddee jennaan ani waan ta'u dhabee, ‘Qiisaariyaa dura na geessaa’ jedhe. Taatuullee anin waan gosa tiyya himadhuuf hinqabu.
20
Waan kanaaf anin isan yaamee, isaniin walhaassa; anin marroo nama gochitii Israa'el cuftii abdattuutiif jedheetti sibiila kanaan hidhame” jedhee warraatti dubbate.
21
Warrii innii itti dubbate sun ammoo, “Waan dubbii teetii nu ergaa lafa Yihudaa keessa hinarganne, ammallee obboleeyyan achii arma dhufteelleen waan hamtuu teetii homaa hindubbanne.
22
Ammoo waan atin herredduu dhaga'uu infeena; waan fulaa cufaatti aadaa atin gula deemttu tana namii cuftii hameenna isii dubbattuf” jedheen.
23
Guyyaa tolfatanii sun, namii hedduun fulaa Phaawulos taa'u dhufe. Innii diiramaa haga galgalaa achitti warra barsiisee waan Mootummaa Waaqaa warraa diigee, waan Yesus ka kitaaba Seera Muuseetii fi ka raagootaa keessatti barreessaniillee warra agarsiise.
24
Namii garii waan innii dubbate dhugeeffatee, ka garii ammoo dhugeeffachuu dide.
25
Adoo warrii waldhabee achii hinka'in, Phaawulos dubbii takkaa tana dubbatee, “Hafuurii Qulqulloon afaan raaga Isaayastiin abaaboota teennaatti,
26
‘Gara gumii tanaa dhaqii, gurraan indhageettan, ammoo hinhubattan; ilaan hinuma gartan, ammoo hin midhaaffattan.
27
Garaan gumii tanaa ya daalla'e. Gurrii warraa ya duude, iltii warraa homaa hingartu. Yo silaa akkas hinta'in, ilti warraa wa agartee, gurrii warraa wa dhagayee, qalbiin warraa wa hubatee warriilleen natti deebi'ee, anileen warra fayyisa’ jedhee duubbii dhugaa dubbate.
28
Tanaaf isan beekadhaa, baafamii Waaqaa gara gosa dhibii layyuu dhufee, ammallee warrii incaqasa!” jedhe.
29
Phaawulos waan kana jennaan, Yihudiin kaatee yaatee guddoo walmormite.
30
Phaawulos haga ganna lamaa mana ufumaa kiraa itti baasee keessa taa'ee, nama gara isaa dhufe cufaa keessummoomise.
31
Garaa jabeennaan, adoo namii tokkoolleen isa hindhowin, waan Mootummaa Waaqaa haasa'ee, waan Aabboo Yesus Kiristoollee barsiise.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28