bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 3
Acts 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 4 →
1
Gaafa tokkoo Phexrosii fi Yoh. aannis yo'ii kadhachaa geennaan qixxee saatii sagaliitti Mana Waaqaa waliin dhaxxe.
2
Nama tokko ka haguma dhalatee miilii naafaatti jira. Guyyaa cufaa isa fuudhaniitti, fulaa balbala Mana Waaqaa ta midhaadduu jedhanii kaa'an, akka innii nama Mana Waaqaa seenu horii kadhatu.
3
Innii phexrosii fi Yoh. aannisii Mana Waaqaa duuduuf dhufan arginaan wa kadhate.
4
Phexrosii fi Yoh. aannis ila itti qabanii laalanii jennaan Phexroos, “Nu laal!” jedheen.
5
Innii waan wa warra irraa argatu se'ee ila keessa laale.
6
Jennaan Phexros, “Birrii fi warqii sii kennu hinqabuu, ammoo waan qabu sii kennaa, maqaa Yesus Kiristoo Naazireetitiin ka'ii deem!” jedheen.
7
Jennaan Phexros harka mirgicha isaa qabee ol kaase. Yoma sun faanaa fi koomettuun isaa jajjabaatte.
8
Innii olce'ee lafaatti ejjatee deemee jennaan, warra waliin Mana Waaqaa seenee, olcece'aa Waaqaa faarse.
9
Namii cuftii isaa asii achii deemee Waaqaa faarsu arginaan,
10
akka innii nama balbala Mana Waaqaa ta Midhaadduu jedhanii dura taa'ee wa kadhatuu kaanii beennaan, waan innii ta'e kana guddoo mamee maadeeffate.
11
Adoo namichii kaan phexrosii fi Yoh. aannis qabatee olcecee'uu, namii cuftii mamee gara warraa ori'ee, balbala jalaan seenan ta Solomoon jedhaniitti walwalda'e.
12
Phexros waan kana arginaan biyyaan, “Warra Israa'el, maaf waan kana mamtanii ila nutti qabdan akka waan nu jabeenna keennaan yokaan qulqullooma keennaan nama kana fayyimnee deemsinyee, nu laaltan?
13
Waaqaa Abrahaam, ka Yisihaq, ka Yaaqoobiitii fi Waaqaa abbootii teennaatti hojjataa isaa Yesusii ulfinna kenne. Isan harka jara gugurdaatti isa kennitanii eegii philaaxoos isa lakkisuu fedheellee fuula Philaaxoos duraatti isa mormattan.
14
Innii nama qulqulloo; ammallee qajeelaa, isan ammoo isa dhiichaniitti akka nama harka dhiigaa tokko isanii hiikan Philaaxoos kadhattan.
15
Isan abbaa Jireennaa ijjeeftan; Waaqii ammoo du'a keessaa isa kaase; nu dhugaa waan kanaati.
16
Jabeenna maqaa isaatti namicha naafa kana fayyise. Waan isan argitanii dhageettan kana jabeenna maqaa isaatiin tolchani. Dhugeeffacha innii Yesusiitti dhugeeffateetti namicha kana isan duraatti guurii tarii dhowwee fayyise.
17
Duuba, obboleeyyan tiyya, anin akka isanii fi jaarroleen teessan adoo hinbeekiin waan kana Yesus tolchitan inbeeka.
18
Waaqii ammoo waan durii afaan raagoota cufaatiin hime, ta akka Kiristoon gaargaluu malee, akkanaan guute.
19
Tanaaf cubbuu irraa deebi'aa, Waaqaatti dheedhaa, akka innii cubbuu isan iraa dhiqu.
20
Jabeennii Hafuura Qulqulloo Aabboo irraa dhufa; inniilleen Yesus Kiristoo ka qaraa isanii foohate erga.
21
Akkuma Waaqii duruu afaan raagoota isaa qulqullootiin dubbatee, haga waan cufa haaromsaniitti, Innii gubbaa taa'uu malee.
22
Wantii akkanaatiif Muuseenuu, ‘Aabboo Waaqii keessan akkuma na erge, gosa teessan keessaa raaga isanii erga; waan innii isaniin jedhu cufaa caqasuu maltani.
23
Nama waan raagii sun jedhu hincaqamne gumii Waaqaa keessaa baasanii balleessani’ la jedhe.
24
Raagootii cuftii, Saamu'eelii fi Warrii eegii isaa dhufeelleen, waan Guyyaa kanaa la dubbate.
25
Kakuun Waaqii afaan raagootaatiin kakate teessan; isaniilleen waldhaqiisa Waaqii abbootii teessan waliin tolche qoodattani. Akkuma Waaqii Abrahaamiin, ‘Dhaloota keetiin nama lafaa cufaa eebbisa’ jedhe.
26
Tanaaf Waaqii isa foohatee, hojjataa ufii qaraa isaniitti erge; akka isan eebbisee karaa keessan hamaa irraa isan gorsu” jedhe.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28