bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 4
Acts 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 5 →
1
Adoo phextrosii fi Yoh. aannis taanii gumiin haasa'anuu, qaallolee, namicha guddaa Mana Waaqaatii fi Saduqaawwan warraatti dhuftee,
2
waan phexrosii fi Yoh. aannis marroo ka'iisa Yesusitiif namii du'e inka'a jedhanii barsiisaniif, warrii itti aaree
3
Phexrosii fi Yoh. aannis qaqabanii mana hidhaatti naqanii, waan laftii galgaloofteef haga boriyyaa achuma keessatti lakkisani.
4
Namii dubbii sun dhaga'e hedduun ammoo indhugeeffate; namii dhiira ka dhugeeffate haga kuma shaniiti.
5
Boriyyaa jara gugurdaa Yihudiitii fi jaarroleen, ammallee jarii seera beeku Yerusaalem keessatti,
6
Haannaa Qaallicha Guddaa, Qayyaafaa, Yoh. aannis, Iskindrosii fi warra dhibii ka fiixaa Qaallicha Guddatiin walitti dhufan.
7
Duuba Phexrosii fi Yoh. aannis fuula warraa duraatti yaasanii, “Humna tamiin yokaan maqaa eenuutiin waan kana tolchitani?” jedhanii gaafatan.
8
Jennaan Phexros Hafuura Qulqulloon guutamnaan warraan, “Shuumootaa fi jaarrolee biyyaa,
9
isan yo guyyaa kana waan hujii dansaa ta nu tolchinnee, namicha naafa kana fayyimne nu qortanii,
10
akka namichii amma fayyee isan dura ejju kunin jabeenna maqaa Yesus kiristoo nama Naazireetii, kan isan ijeechanii Waaqii du'a keessaa kaaseen fayyee, isaniin warrii Israa'eliilleen cutii beekaa.
11
Yesusiin kun sunuma; ka barreessiin waan isaa dubbattee, ‘Dhakaan isaniin ijartuu tuffattan ya dhakaa jabaa takka hinargin ta'e’ jette.
12
Ba'iisii karaa isaa callaan jira, namii dhibiin ka Waaqii namaa kenne ka nu dandeenne baanuun lafa gubbaa hinjiru” jedhe.
13
Jaarroleen koraa jannooma phexrosiitii fi Yoh. aannisii arginaan, akka warrii homaa hinbaratin ammallee akka warrii hinbeekamne hubannaan, mamanii, akka warrii Yesus waliin taa'e beekan.
14
Ammoo waan namicha fayyisan kaan, ka Phexrosii fi Yoh. aannis bira ejju, arganiif waan dubbatan dhaban.
15
Tanaaf warraan “kora keessaa yaa'aa” jedhanii ufii wali mari'atan.
16
“Warra kana maan tolchinna? Namii Yerusaalem keessa jiru cuftii akka warrii kun waan mamaa kana tolche quba qabaa, nu dandeennee hinmorminnuu.
17
Ammoo akka wannii kun biyya keessa hinbaballannee, koottaa, akka deebi'anii maqaa kanaan nama tokkoollee hinbarsiimne jabeessinee warraatti seerraa” jedhanii walii galan.
18
Jennaan Phexrosii fi Yoh. aannis yaamanii, akka maqaa Yesusiitiin yo dhibii hindubbanee fi nama hinbarsiimne itti seeraan.
19
Warrii ammoo deebiseefii, “Dubbii teessan moo ta Waaqaa caqamna? Isanuu laallaa fuula Waaqaa durratti tamti irra qajeela!
20
Wantii akkanaatiif nu waan arginnee dhageenne kana dhossuu hindandeennu” jedhan.
21
Duuba korii kaan marroo namii cuftii, waan argeef Waaqaa faarseef, waan warra tolchu dhabee itti seeree galakkise.
22
Namicha akka mamaatiin fayyisan kaan gannii isaa afurtama irra jira.
23
Phexrosii fi Yoh. aannis akkuma gadhiisaniin, gara gumiii isaanii dachaa; anii waan qaallolee gugurdoo fi jaarroleen jetteen cufaa gumiitti haasa'ani.
24
Duuba warrii waan kana dhageennaan, qoonqoo olfudhatee waliin Waaqaa kadhatee, “Aabboo guddaa, atin Waaqaa lafaa fi gubbaa, galaanaa fi waan warra keessa jiraallee cufaa uumte.
25
Atin Hafuura Qulqulloon afaan hojjataa kankee, abbaa keenna Daawititiin, dubbattee, ‘Gochitii dhibiin maaf dallante, yokaan biyyitii maaf ufumaa wa herreddi?
26
Hayyootii lafa cufaa kurfeeffattee, jarii lafa fidu, akka Waaqaa fi Kiristoo isaa hadhuu waldhaqe.’ ”
27
“Dhugumaa diruma kana keessaattuu Herodis, Phonxos philaaxos, gosa warra Waaqaa hinta'inii fi gosa Isra'elii waliin akka hojjataa kankee qulqulloo Yesus, ka atin muudde hadhan la walii galan.
28
Warrii akka waan cufaa ka atin qaraa irree teetii fi fedhii teetiin buufatte tolchuuf walitti qabame.
29
Aabboo, ammatana dubbii warrii nuun sodaachisu tana laalii, akka hojjatootii tantee jabaattee sodaa malee dubbii tantee dubbattu tolchi.
30
Harka kankee dheerefadhuu, nama fayyisi, akka akeeka fi waan mamaa maqaa hojjataa kankee qulqulloo Yesustiin tolchani!” jedhan.
31
Eegii Waaqaa kadhatani, fulaan warrii itti walitti qabamee chochootee, warrii cuftii Hafuura Qulqulloon guutamee, adoo hinsodaatin dubbii Waaqaa dubbate.
32
Gumii dhugeeffatte sun cuftii nama garaa tokkotii fi qalbii tokkoti. Namii tokkoolleen waan qabuun kiyya hinjennee, ammoo waan qaban cufaa gargarii qoodatan.
33
Ergamtootii jabeenna guddaan waan ka'iisa Aabboo Yesus dubbatee, Waaqiilleen warra cufa guddisee eebbise.
34
Namii tokkoolleen ka gaargala qabu warra keessa hinjiru. Namii oobruu yokaan mana qabu cufa gurgureetti, horii sun cufaa fidee,
35
harka ergamtootaa kenna; horii kaan duuba nama cufaa akkuma innii fedhuu gula gargarii qoodan.
36
Namicha gosa Lawwii ka lafa Qophrosiitti dhalate, ka Yoseef jedhan tokkotti, ka ergamtootii “Baarnaabas” jettuun, jira; akkasi jechuun “Ilma nama jajabeessu” jechuu.
37
Namichii sun duuba oobruu ufii gurguree, horii sun dhufeenii harka ergamtootaa kenne.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28