bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 5
Acts 5
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 6 →
1
Ammoo namicha Anaaniyas jedhan tokkotti, jira; innii niitii isaa Safiiraan walii galee oobruu ufii gurguratee,
2
horii haga garii, ka niitiin isaa beettu, irraa hambifatee, ka hafe kaan ergamtootaatti kenne.
3
Jennaan Phexros, “Anaaniyas, Sheexanii maaf garaa kankee keessa seenee, atin horii oobruu tantee itti gurgurte gama tokko hambifatte Hafuura Qulqullootti kiyibde?
4
Oobruun sun gaafa hingurguriniillee teeti, ammalee gurgurraaniillee horiin keetti. Atin maaf akka waan kana tolchittu garaa kankee keessatti herredde? Atin nama hinsobnee ammoo Waaqaa sobde!” jedheen.
5
Anaaniyas akkuma waan kana dhagayeen, jigee du'e; namii waan kana dhaga'eelleen cuftii sodaate.
6
Jarii ka'iimaa tokko dhufee, reeffa isaa wayaan mamaree dhaqee awwaale.
7
Eegii innii du'e gara saatii sadii kanaatti niitiin isaa, ta waan kana tokkoollee quba hinqamne, mana olseente.
8
Jennaan Phexros, “Mee natti himii, oobruu sun homa kanaatti gurgurtanii?” Jennaan Isiin, “Ee'ee homa suniitti, gurgurre” jette.
9
Phexros ammoo, “Isan akkam akka Hafuura Aabboo sobdan walii galattan? Mee laalii, miilii jara dhiirsa kankee awwaalee ammallee fuluma balbalaa jiraa, sillee hinfuudhanii” jedheen.
10
Isiin yoma sun miila isaa duraatti jiddee doote. Jarii ka'imaa kaan olduudee akka isiin doote argannaan baatee dhaqee dhaattuu dhiirsa isitti awwaale.
11
Gumiii mana Waaqaatii fi namii waan kana dhaga'e cuftii guddoo sodaate.
12
Akeekaa fi wantii mamaa hedduun gumii keessatti harka ergamtootaatiin hojjatameettee, warrii dhugeeffate cuftii balbala Solomoon ta jalaan seenan irratti walga'e.
13
Biyyitii cuftii waan dansuma warraa dubbatee, ammoo marroo sodaatiif namii tokkoolleen warraatti daraamuu dadhabe.
14
Ammoo namii hedduun, dhiiraa fi nadheeniilleen, dhugeeffannaan gumii Aabbootti darame.
15
Mar. roo tanaaf akka yo Phexros achiin dabru gandiduun isaa nama garii irra baatu, nama fayya dhabe siree fi itillee irra ciifsisanii karaatti geessani.
16
Namii hedduun Yerusaalemii fi dira dhaattuu Yerusaalemiitti yaa'ee, nama fayya dhabee fi ka jinnii hamtuu qabu warratiin dhufee, nama cufaa fayyisani.
17
Jennaan Qaallicha Guddaa fi namii isa waliin jiru ka goli Saduqootaa cuftii, guddoo ergamtoota inaafee,
18
ergamtoota guuranii, mana hidhaatti naqani.
19
Ammoo ergmaan Aabboo tokko halkaan dhufee, balbaloota mana hidhaa babanee, warra hidhaansa keessaa yaasee,
20
“Beenaa, Mana Waaqaa dhaqaa, dubbii jireennaa haareettii tana cufaa gumiiitti haasa'aa!” isaaniin jedhe.
21
Warrii dubbii tana dhageennaan Mana Waaqaa ganamaan duudee nama barsiise. Jennaan Qaallicha guddaan warra waahela isaa waliin dhufee, jaarrolee israa'eeli cufaa koraa walitti yaamee; duuba nama mana hidhaansaatti erganii, ergamtoota yaaman.
22
Ammoo shuumootii dhuftee mana hidhaa keessaa warra dhabdee, gara jaarrolee koraa dachaatee,
23
“Nu mana hidhaansatiin baannee, balbala hidhaansa qabduufi, warra warra eeguullee ka balabal cufa irra ejaajju garree, ammoo balbala banannaan nama tokkoollee keessaa dhamne” jettee warraatti himte.
24
Guddaa Mana Waaqaatii fi qaalloleen gugurdoon waan kana dhageennaan waan ergatootii taate guddoo mamte.
25
Jennaan namichii tokko dhufee warraan, “Ilaala, jarii isan mana hidhaansaa keessaa naxan, Mana Waaqaa keessa ejaajjee biyya barsiisuu jiraa” jedhe.
26
Jennaan namichii guddaa Mana Waaqaa warra waraanaa waliin ergamtoota fuudhu dhaqee, ammoo irreen hinfuune laanuma fuudhan; wantii akkanaatiif warrii waan biyyitii dhakaan dhaantu sehee sodaate.
27
Ergamtootaa taan dhufaniin jaarrolee koraa dura dhadhaabanii, Qaallichii Guddaan warra qoree,
28
“Nu ya akka isan maqaa kanaan hinbarsiimne isaniitti seeree, isan ammoo Yerusaalem ya dubbii tanaan guuttani, ammallee dhiiga nama kanaa mataa keenna irra kaa'uu feetan!” jedheen.
29
Phexrosii fi ergamtootii dhibiin deebicheefii, “Nu nama irra Waaqaa caqasuu malle.
30
Waaqii ababoota teenna, Yesus ka isan ijeeftanii muka irratti fanniftan kaase.
31
Waaqii la gara harka mirgicha ufiitti isa fuudhe, akka innii Guddaa keennaa fi fayyisaa keenna ta'ee, gosa Israa'elii cubbuu irraa deebisee araarama warraa kennu.
32
Waan kana nulleen isaa dhugaa, nuu fi Hafuurii Qulqulloleen, ka Waaqii warra isa caqasu kennu” jedheen.
33
Warrii waan kana dhageennaan garaani isaan guddoo gubatee, ergamtoota fixuu fedhe.
34
Ammoo namichii Fariisotaa ka Gamali'eli jedhan, ka Seera beeku, ka ammalee namii cuftii guddoo ulfeessu tokko, kora jaarrolee keessatti olka'ee, akka ergmtoota haga diqaa tokkoof alaatti baasaan ajaaje.
35
Jennaan jaarroleen, isan warra Israa'eli, waan jara kana tolchitan eegadhaa!
36
Armaan duraatti namichii tokko ka Toyidaas jedhan, dhufee anin nama jabbaa ufiin jedhee, namii haga dhibba afurii isaatti maxaqe. Ammoo isa ijjeessanii, jennaan namii isa gula yaa'e cuftii gargarii firfirfame.
37
Eegii nama sunii, bara maqaa nama barreessan kaan namichii Galiilaa tokko ka Yihudaa jedhan, nama hedduu ufi gula yaamee, ammoo isaalee ijjeessanii, ammallee namii isa gula yaa'e cuftii gargarii bittinaa'e.
38
Tanaaf anin amma isaniitti himaa; jara kana hanqadhaa, lakkisa! Dubbii tanaa fi hujiin tun yo ta namaa taate inuma baddi;
39
ammoo yo ta Waaqaa taatee balleessu hindandeettan. Hegerii isan ufiifuu Waaqaan loltanii.
40
Warrii dubbii isaa fudhatee, ergamtoota yaamanii dhaanani, akka Warrii deebi'ee maqaa Yesus Kiristotiin nama hinbarsiimne seeraanii gallakkisani.
41
Jennaan ergamtootii waan Waaqii marroo maqaa Yesusiitiif gaargalaa fi ceera warraatiin dhufeef, ta gammada qabdu kaatee jaarrolee koraa biraa yaate.
42
Guyyaa cufaa Mana Waaqatii fi mana biyyaa keessalleetti, adoo gargaarii hinkutinuu akka Yesus Kiristoo ta'ee oduu dansaa himanii nama barsiisan.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28