bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 8
Acts 8
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 9 →
1
Duuba Saa'ol ijjeechaa Isxifaanos Ee'ee jedhe. Guyyuma sun gumii Waaqaa ta Yerusaalem jirtu guddoo gaargalchanii, duuba ergamtoota malee gumiin taan cuftii lafa Yihudaatii fi Samaariyaa keessa gargarii bittinnoofte.
2
Jarii dhugaa tokko Isxifaanosii guddoo boo'ee awwaale.
3
Saa'ol ammoo gumii Waaqaa guddoo gaargalchee, manneen cufaa keessa dedeemee, dhiiraa fi nadheeniillee hidhaatti guure.
4
Duuba Warrii gargarii firfirfame kaan fuluma cufaa yaa'ee dubbii Waaqaa haasa'e.
5
Jennaan Filiphos gara dira Samaariyaa dhaqee waan Kiristoo warraatti haasa'e.
6
Gumiin garaa tokkoon waan Filiphos jedhe caqaftee, waan mamaa ka innii tolcheellee argitee dhageette.
7
Jinniin hamaamtuun qoonqoo olfudhattee iyyitee nama hedduu keessaa yaatee; namii hedduun ka kokottaa'ee fi ka nanaafate fayye.
8
Akkanaan gammadii guddaan dira sun dhufe.
9
Ammoo namicha tokkootti ka Simoon jedhan, ka durii dira sun keessatti tolchaa tolchee, warra dira Samaariyaa, sobee, jabeenna ufii odeesse jira.
10
Namii diqqaa fi guddaalleen cuftii dubbii isaa caqasee, “Namichii kunin humna Waaqaa ta Humna guddoo” jedhaniin jedhe.
11
Waan innii tolchaan yokaan hujii yuuboomaatiin guyyaa hedduu warra mamsiiseef namii cuftii isa caqase.
12
Warrii ammoo Filiphosii waan oduu dansaa Mootummaa Waaqaatii fi waan maqaa Yesus Kiristoo haasa'u dhageennaan dhugeeffatee, dhiiraa fi nadheeniilleen cuubamte.
13
Jennaan Simooniiyyuu dhugeeffate; eegii cuubamee, Filiphoss gula deemee, waan mamaatii fi akeeka innii tolchee arginaan guddoo mame.
14
Ergamtootii ta Yerusaalem keessa teettu akka gumiin Samaariyaa dubbii Waaqaa dhugeeffatte dhageennaan, phexrosii fi Yoh. aannis itti ergite.
15
Warrii Samaariyaa dhufee, akka Hafuura Qulqulloo argatan Waaqaa warraa kadhate.
16
Maqaa Aabboo Yesus callaan cuuphaman malee, Hafuura Qulqulloon qara warra irra hinbuune.
17
Jennaan Phexrosii fi Yoh. aannis harka isaanii warra irra keennaan Hafuura Qulqulloo argatan.
18
Simoon akka eegii ergamtootii harka nama irra keette Hafuura Qulqulloo argatan arginaan, horii warraa fidee
19
“Akka namii anin harka irra kaa'u cuftii Hafuura Qulqulloo argatuu, humna tana nallee kennaa!” jedhe.
20
Phexros ammoo deebiseefii, “Waan Kenniisa Waaqaa waan horiin bitaattu seeteefii horiin kankee si waliin ha baduu!
21
Waan garaan kankee fuula Waaqaa duraatti dansaa hinta'iniif atin waan kana keessaa diqqoollee hinqabdu; qoodaallee hinqabdu.
22
Tanaaf cuubbuu tantee tana irraa deebi'ii Waaqaa kadhadhu; herrega garaa keetii kana faa sii araaramaa.
23
Wantii akkanaatiif anin ya argee, atin hadhaa hadhooftuu qabda, ammallee hidhaansa cubbuu keessa jirta” jedhe.
24
Jennaan Simoon, “Akka wantii isan baantan kunin tokkoolleen natti hindhumnee Waaqaa naa kadhadhaa!” jedhe.
25
Warrii eegii dubbii Aabboo himee, Yerusaalemiitti galee, oduu Dansaa tana ollaa Samaariyaa hedduu keessatti haasa'e.
26
Ergamaan Aabboo Filiphosiin dubbatee, “Ka'ii bitaa gara karaa gammoojjii ka Yerusaalemii ba'ee Gaazaa dhaquu deemi!” jedhe.
27
Jennaan innii ka'ee deeme. Namichii sangisiisaan tokko, ka lafa Itoophiyaa itti dhufe; innii nama guddaa, ka qaallitti Itoophiyaa ta “Kandaakee” jedhan jala hojjatu, ka horii isii cufaa qorqoratuuf. Innii akka Waaqaa kadhatu Yerusaalem dhufe.
28
Adoo achii galuu, gaarii ufii keessa taa'ee, kitaaba raaga Isaayas dubbisaa deeme.
29
Jennaan Hafuurii Qulqulloon Filiphosiin, “Been, gaarii suniitti dhi'aadhuu isa gula deemi!” jedhe.
30
Tanaaf Filiphos gara isaa utaalee, isa kitaaba raaga Isaayas dubbiisu dhagaa'ee, “Waan dubbisuutti jirtuu kana qalbeeffattaa?” jedhee gaafate.
31
Innii ammoo, “Yo namii na qajeelche malee akamiin danda'ee midhaafadha?” jedhee deebise. Duuba akka innii gaarii yaabatee isa waliin taa'uu innii Filiphos kadhate.
32
Fulaan innii barreessii keessaa dubbiisu jiru tana, ta “Akkuma hoolaa qalanii ijeechaatti isa geessani, ammallee akkuma ilmeen hoolaa ta abbaan rifeensa irraa ciru calliftuu, akkasuma callise.
33
Isa diqeessanii, qorsumaa dhugaa irraa dhowwani. Eenuutti waan dhaloota isaa haasaa ree? Jireennii isaa lafa keessaa la hoba'ee” jettu.
34
Namichii kaan Filiphosiin, “Raagii eennu baana? Ufi baana moo nama dhibii?” jedhee gaafate.
35
Jennaan Filiphos fuluma barreessiin sun itti keeyatee waan Yesus oduu dansaa isaatti haasa'e.
36
Ammallee warrii adoo karaa yaa'uu, fulaa bisaan tokko dhufee; namichii kaan filphosiin, “Mee ilaalii, bisaaniitti arma jiraa, maalti cuuphama argachuu na dhowwa?” jedhe.
37
Jennaan Filiphos, “Garaa kankee cufaan yo atin dhugeeffattee si cuuphan” jedhee deebiseef. Innii Filiphosiin, “Akka Yesus Kiristoon Ilma Waaqaa ta'ee indhugeeffadha” jedhe.
38
Namichii Gaarii dhaabachiisee, warrii lachuu bisaan keessa duudee Filiphos isa cuuphe.
39
Bisaan keessaa baanaan, Hafuurii Aabboo Filiphos fuudhee deeme. Namichii kaan lafaa isa dhabee, ammoo gammadaan karaa ufii itti dhaabate.
40
Filiphos ammoo lafa Azoxoniitti argani; biyya keessa deeme, dira cufa keesssatti oduu dansaa haasa'aa, Qiisaariin ba'e.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28