bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 9
Acts 9
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 10 →
1
Saa'ol ammallee akka jara Aabboo ijjeessee, gaargalchu herregee, gara Qaallicha Guddaa dhaqee,
2
ergaa, gara manneen Waaqaa itti kadhatanii ta dira Damaasqootti barreessan, isa irraa fudhate; akka yo nama karaa Aabboo gula yaa'uu achiitti arge, dhiiraa fi nadheeniillee, hidhee Yerusaalem geessu.
3
Adoo innii karaa deemuu, Damaasqootti dhi'aannaan, ibseen gubbaa baatee isaatti ibiste.
4
Innii lafa dha'ee, qoonqoo tokko ta “Saa'ol, Saa'ol, atin maaf akkana na gaargalchita?” jettuun dhaga'e.
5
Innii ammoo, “Aabboo, atin eennuu kanaa?” jedhe. Aabboon deebiseefii, “Anin Yesus ka atin gaargalchitu.
6
Ammoo ka'ii, dira seen! Waan atin tolchuu maltee achiitti sitti himanii” jedheen.
7
Jarii isa waliin yaa'u, qoonqoo dhageennaan akkanumaatti callisee ejaajjee malee, homaa hindubbanne, ka dubbatuullee qoonqoo dhaga'uu malee nama tokkoollee hingarre.
8
Saa'ol lafaa ka'ee, ila banannaan homaa argu dadhabe; jennaan harka qabaniifii Damaasqoon dhufan.
9
Haga guyyaa sadii lafa hingarre, ammallee nyaateellee hindhunne.
10
Nama Yesus tokkotti ka Anaaniyas jedhan dira Damaasqoo keessa jira. Daayyaa keessa Aabboon isaan dubbatee, “Anaaniyas” jedhee yaamnaan innii, “Anin kunoo arma jira Aabboo!” jedheen.
11
Aabboon isaan, “Ka'ii, gara karra ‘Qajeeltuu’ jedhanii dhaqii, nama lafa xarsee ka Saa'ol jedhan tokkoo, mana Yihudaa keessa barbaadi; innii Waaqaa kadhachuu jiraa.
12
Ammallee innii daayyaa keessa nama Anaaniyas jedhan tokkoo ka akka innii deebi'ee lafa argu harka isa irra kaa'uu argee” jedhe.
13
Jennaan Anaaniyas deebisee, “Aabboo, waan namicha kanaa anin nama hedduu irraa la dhaga'e; akka innii gumii tantee qulqulloo Yerusaalem jirtu waan hamtuu tolche.
14
Ammallee innii maqaa qaallolee gugurdootiin arma dhufe, akka nama maqaa kankee yaamatu cufaa hidhu” jedhe.
15
Aabboon ammoo, “Beenii dhaqi, anin, akka innii maqaa kiyya gosa dhibii, hayyootaa fi ijoollee Israa'elii duraatti haasa'uu, ya isa foohadhee.
16
Anin gaargala guddaa, innii marroo maqaa kiyyaatiif argatu, isa ingarsiisaa” jedhe.
17
Anaaniyas ka'ee dhaqee mana olseenee, harka isa irra kaa'ee, “Aaddaa Saa'ol, Aabboo Yesus, ka karaa keessatti sitti mullate, ya na erge, akka atin debbitee lafa argitee Hafuura Qulqulloon guutamtu” jedheen.
18
Yoma sun wannii akka qolaa ila isaa irraa jiddee, innii yoosuu wa argee, ka'ee cuuphame.
19
Duuba innii sagalee nyaannaan jajabaate; haga bultii diqqoo jara Yesus ka Damasqoo jiruu, waliin taa'e.
20
Saa'ol yoma sun Manneen Waldeennaa seenee, “Yesus Ilma Waaqaatti” jedhee waan Yesus haasa'e.
21
Namii isa dhaga'e cuftii ammoo mamee, “Namichii kunin ka Yerusaalem keessatti, nama maqaa kana yaamatu, balleesse kaaniiyuu? Ammallee wantii innii dhufeef, akka nama hidhee gara qaallolee gugurdoo geessuufiinii?” jedhe.
22
Saa'ol ammoo haga qaraa irra jabaatee, akkii innii, akka Yesus dhuguma Kiristoo jabeesse himeen, Yihudii Damaasqoo teetu mamsiise.
23
Bultii hedduun duubaatti, Yihudiin akka isa ijeeftu walmari'atte.
24
Saa'ol ammoo akka Warrii isa ijjeesuuf karaa diraa halkanii guyyaa eeguu jiru, quba qaba.
25
Jarii isa gula yaa'u ammoo halkan tokko isa fuudhee, sabaqee keessa kaa'ee, yaabdoo iraan alaatti isa baase.
26
Saa'ol Yerusaalem geennaan jara Yesusiitti makamuu fedhe; warrii cuftii ammoo, waan akka innii dhuguma nama Yesusii ta'e isa hindugeeffaneef, isa sodaate.
27
Baarnaabaas ammoo isa fuudhee gara jara Yesusiitiin dhufee, Akka Saa'ol Aabboo karaa keessatti arge, akka Aabboon isaan dubbate, ammallee akka innii Damaasqoo keessatti sodaa malee maqaa Yesus haasa'ee warraatti hime.
28
Duuba Saa'ol warra waliin taa'ee, Yerusaalem keessa fulaa cufa dedeemee sodaa malee maqaa Yesusiitiin barsiise.
29
Saa'ol, ammallee, warra Yihudii ka afaan Griikii haasa'uulleen walmormee; jennaan, warrii isa ijjeessuu fedhe.
30
Obbooleeyyan waan kana dhageennaan gara lafa Qiisaariyaatti geessitee, dira Xarsees jedhaniitti isa ergite.
31
Jennaan gumiin Waaqaa Yihudaa, Galiilaa fi Samaariyaa keessatti nagaa argatee, eebifamtee; aabboo Waaqaa sodaatee, qarqaarsa Hafuura Qulqullotiin jabaattee heddatte.
32
Phexros adoo fuluuma cufa jidduu warra keessa dedeemuu, fulaa gumii qulqulloo, ta Liidaa teetuullee dhufe.
33
Achitti innii nama tokko ka Eneyaas jedhan, ka haga ganna saddeetii fayyaa dhabee kokotaa'ee siree irra ciise arge.
34
Phexros isaan, “Eneyaas, Yesus Kiristoon si fayyisaa, ka'ii siree tantee midhaafadhu!” jedheenii, Eneyaas yoma tokkoon ka'e.
35
Namii Liidaa fi Saaron keessa taa'uu cuftii isa argee gara Aabboo dacha'e.
36
Dira Yophee keessa, niitii dhugeeffatte ta Xaabiitaa jedhan, takkaatti jira; maqaan isii afaan Griikiitiin “Dorkaas” akkasi jechuun, Guguuftoo jechuu. Niitiin tunin yo cufaa waan dansaa tolchitee horiillee hiyyeeyyii kennite.
37
Bara sun isiin fayyaa dhabdee doote. Eegii reeffa isii dhiqaanii, mana gubbaa jiru tokko keessa kaa'ani.
38
Waan dirii Liidaa Yopheetti dhi'aattuuf, jarii Yesus akka Phexros achi jiru dhageennaan, nama lama isaatti ergee, “Hurrisii gara keenna kootti” jedhe.
39
Jennaan Phexros ka'ee warra waliin deeme. Innii dhumnaan gara mana olii isa geessani. Nadheen dhiirsotii irraa dhumti cuftii isa bira ejaajjattee boottee, ubbaara fi wayaa Guguuftoon gaafa jirtu warraa hodhite garsiifte.
40
Phexros ammoo warra cufa mana keessaa yaasee, jilbifatee Waaqaa kadhatee, gara reeffaa ilaalee, “Xaabiitaa, ka'ii!” Jedheen. Isiin ila banattee, Phexros arginaan kaatee teete.
41
Phexros harka isii qabatee olfuudhee, gumii qulqulloo fi nadheen dhiirsotii irraa dhumteellee yaamee, isi jirtuu warraatti kenne.
42
Waan kana Yophee keessa fuluuma cufaatti namii dhagayee, namii hedduun Aabbootti dhugeeffate.
43
Phexros haga Guyyaa hedduu namicha gogaa machalleessu ka Simoon jedhan tokko waliin Yophee keessa taa'e.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28