bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Hebrews 2
Hebrews 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
1
Tanaaf nu dubbii dhageenne tana akka irraa hingorre jabeessuu malle.
2
Yo dubbiin ergamtootii Waaqaa dubbatte sun dhugaa taatee, ammallee namii akka dubbii sunitti hinbulle yokaan ka dubbii sun didu, cuftii gaargala argatee,
3
nu yo baafama akkanaa kana hincaqamne akkamiin dandeennee baanna ree? Aabboon baafama kana qaraa laayyuu hime, warrii isa dhaga'e, akka isiin dhugaa akka dansaa nu beessisse.
4
Waaqiilleen dhugaa ufii ta warraa irratti daree, akeekaa fi waan mamaa jabduu hedduu tolchee, kennamsa Hafuura Qulqulloollee fedhii ufiigula namaa qoode.
5
Waaqii lafa eegii tanaa dhuftu ta nu teennee waan isii dubbanu tana harka ergamtootaatti hinkenine.
6
Innii barreessii qulqulloo keessatti fulaa tokkootti dhugeessee, “Ee Waaqaa namii maali, ka atin waan isaa herredduu? Yokaan ilmii namaa maali, ka atin isa qorqorattu?
7
Atin haga diqqaa tokko ergamtoota Waaqaa irra isa diqqeesite, bokku guddinnaatii fi ka ulfinnaa isaa kennitee,
8
akka innii waan cufa bulchu tolchite” jedhe. Waaqii waan cufaa harka namaa jala galche; waan tokkollee adoo harka isaa jala hingalchin hinhambimne; ammoo ammallee nu akka wantii cuftii harka namaa jala jirtu hinarginnu,
9
ammoo Yesus ingarra. Haga diqqaa tokko ergamtoota Waaqaa irra diqqeessan, akka innii kennamsa naasuu Waaqaa gula marroo nama cufaatiif du'u. Mar. roo gargala du'a innii du'e suniitiif, amma bokkuu guddinnaatii fi ka ulfinaa isaa kennan.
10
Wanti cufa Waaqaan uumamtee, Waaqaa uumamte. Waan ijoolle heddu gara guddinna ufii dhalchisiisaatiin dhufuu fedheef sooressa baafama warraa kennu yesus kiristoo gaargala gudda fudhachaan maalteef.
11
Yesus nama cufa cubbuu irraa qulqulleesseetti, isaa fi warrii qulqulleessanilleen ka abbaa takkaa tahe. Tanaaiif Yesus “Obboleeyyan” warraan jechuu hinceerre.
12
Innii, “Ee Waaqa, anin Obboleeyyan tiyyatti maqaa kee inhima, gumii cufa duratti galata keetii si faarsa” jedhe.
13
Innii ammallee, “Anin abdii tiyya Waaqaa irra keeyadha” ammallee, “Ijollee Waaqii naa kenne waliin jira” jedhe.
14
Waan ijolleen sun nama nafaa fi dhiiga qabu taateef, Yesusiilleen akkuma warraa ta'e. Innii sheexan ka du'a irraatti irree qabuu dabsachuuf du'e.
15
Akkanaan warra haguma jiru cufa du'a sodaataa garboota du'a ta'e garbuummaa sun keessaa baase.
16
Innii ergamtootanitii dhaloota Abrahaam qarqaara.
17
Tanaaf innii karaa cufaan akkuma obboleessaa fi obboleetti ufii tahuu male, akka hujii Waaqaa keessaatti qaalluu guddaa dhugaatii fi naasuu tahee cubbuu namaa araaramu.
18
Waan isaallee durii laallatanii gaargalchaniif, innii warra laallatame qarqaaruu indanda'a.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13