bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
James 3
James 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 4 →
1
Obboleeyyaan tiyya, isan namii hedduun barsisota hinta'inaa! Wantii akkanaatiif nuu, warra wa barsiisuu, warra kaan irra nutti muran.
2
Nuun cuftii wallaala hedduu tolchina. Namii, waan jedhu keessaatti, wallaala hintolchinee qixxee jira, danda'eetti nafa ufii cufa qorqorataa.
3
Nu farda akka innii nu kaasatee, fulaa feenuu cufaa geessinu inluugamna.
4
Yokaan mee hoboloo qaabadhaa! Isiin adoo guuddootuu qilleensa guddaan oofamti, ammoo mukaa diqqaa tokkotti gara abbaan fedhuu cufaa karaatti qajeelcha.
5
Akkasuma arrabii ka waan diqqaa, guddoo ufi saada. Akka qaanqeen diqqoon tokko baddaa guddoo gubdu herregaa.
6
Arrabii akka ibiddaa jira, lafa hammeennaatti, nafa keenna keessaa, arrabii waan waan cufa xureessaati; ka ufii ibidda qileetiin qabsiifamee, dhaloota cufaatti ibidda qabsiisu.
7
Wantii akkanaatiif namii dhaloota isaatiin bineensa gosa cufaa, simphirree, waan lafa irra loo'aa, ka bisaan keessa galaa cufaa inleenjisa, ammallee qaaraayyuu la leenjise.
8
Ammoo namii danda'ee arraba leenjisuu hinjiru; innii hamaa namii hindandaa'u, hadhaa nama ijjeeftu qabaa!
9
Nu arrabaan Aabboo Yesusii fi Abbaa keennaa Waaqaa galata galchinna, arrabuma suniin nama dibiillee ka fakkeenna Waaqaa gula uumame abaarra.
10
Afaanuma sun keessaa eebbaa fi abaarsiilleen ba'a. Obboleeyyaan tiyya, wantii kun akkasi ta'uu hin malle!
11
Maddoon bisaan dansaa fi hamoo fulaa takka madditu injirtii?
12
Mukii odaa midhaan ejersaa dandaa'ee hinbaasu, ammallee mukii zabibuu (Waynii) danda'ee midhaan odaa hinbaasu, yokaan bisaan soodda kuraa'oon dandaanii hin miyaan.
13
Namii qalbii qabu ka wa hubatu jidduu teessan jiraa? Innii ha jireenna dansaa, hujii dansaa, ufi diqqeesitii, qaroomaa fi qalbii, akka qabu agarsiisuuti.
14
Ammoo yo garaa keessan keessaa dhiibbii hamtuu fi ufi jaalala qabaattanii, ufi saaddanii dhugaa hindhaaresinaa!
15
Qalbiin akkanaa tunin fulaa Waaqaati hindhuftu, isiin ta lafaati, ta nafaati, ta sheexanaati.
16
Wantii akkanaatiif fulaa dhiibbii fi ufi jaalachaan jirtuu, goo'annaa fi hujii hamtuu akka cufaa hindhaban.
17
Qalbiin gubbaa gadi dhuftu qaraa qulqulloo, ammallee ta nagaa, ta laanaa, ta nama caqaftu, ta naasuu fi midhaan dansaa qabdu, ta tuffii fi kiyyiba hinqamne.
18
Dhugaan dhugumaa midhaan warra nagayaa ka nagayaan oobreetti baassa.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5