bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
James 4
James 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
1
Hadhiisaa fi lolii jidduu teessan jiru cuftii eessaa ba'a? Dharraa garaa keessanii ta yo cufaa nafa keessaaniin wal haatuu keessaa ba'a.
2
Wayi feetan malee hin argattan, waan namaa kajeeltaniitii nama ijjeeftanii kaatan; wayii dharraatan ammoo hinargattan, yo argachuu dadhabdan, loltaniitti wal haatan. Wantii isan waan feetan hinarganneef, waan Waaqaa hinkadhanneef.
3
Yo kadhattaniillee hinargattan, wantii akkanaatiif herregii keessan hamaa, waan isan gammachiisaa callaa kadhachuu feetan.
4
Isan warra dhugeeffachaa hinqamne! Akka yo jaala lafaa ta'an, nyaaphaa Waaqaa ta'an hinbeettanii? Nami jaala lafaa ta'uu fedhuu cuftii nyaaphaa Waaqaa ufi tolcha.
5
Barreessii qulqulloo ta, “Hafuurii Waaqii waliin nu dhale dharraa hamtuun guutame” jettu, waan isiin ufumaa jettu hinse'iinaa.
6
Ammoo eebbitii Waaqii namaa kennu hagas irra jabdu. Wantii akkanaatiif barreessiin: “Waaqii nama ufi guddisu dideetti, ka ufi diqqeessuu eebba keenna” jetti.
7
Tanaaf Waaqaa sodaadhaa, Sheexana didaa! Yoos isan biraa baqataa.
8
Waaqaatti dhi'aadhaa, inniilleen isaniitti dhi'aataa. Isan warra cubboolleen harka dhiqadhaa! Warrii kiyyibdoolleen garaa keessan qulqulleeffadhaa!
9
Laaleeffadhaa, boo'aa, imimmaan dhaanaa! Kobla lakkisaa boo'a! Gammada lakkisaa laaleffadhaa!
10
Waaqaa duraatti ufi diqqeessaa, duuba innii oli isan fuudhaa.
11
Hamtuu wal hindubbatiinaa, obboleeyyaan tiyya! Namii hamtuu obboleessa ufii dubbate yokaan isatti mure ya waan hamtuu seeraatti dubbatee mure. Yo seeraatti murtan, isan nama seera guutuunitii ka seeraatti muru.
12
Ka seera baasuu fi ka muruulleen Waaqaa callaa. Isa callaatti danda'ee nama baasee, balleessaallee. Ati ka nama dhibiitti murtu maan ufi seeta?
13
Isan Warrii, “Ardha yokaan bor dira tokko dhandhee, ganna tokko achi teennee, nagaannee, duroomna” jedhu, na dhagayaa.
14
Isan waan jireenna keessanii ka borii hinbeettan! Wantii akkanaatiif isan hurrii haga diqqa tokko mullattee duuba baddu fakkaattan.
15
Sun biraa: “Yo Waaqii jedhe, teenneetti waan kanaa fi sun tolfanna” jechuu maltan.
16
Isan amma ammoo ufi guddichaniitti ufi saaddan; ufi saaditiin tun cuftii fulaaniti.
17
Tanaaf namii akka waan dansaa tolchuu malee ufi beeku, ka ammoo waan sun hintolchine ya cubbuu tolche.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5