bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
James 5
James 5
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
1
Ee'aayi, dureeyyii, mee, dubbii tiyya caqasaa! Gaargala isaniitti dhufuuf Boo'aa, oohaa!
2
Duroomii keessan ya shame, wayaa teessan ya dhodholeen nyaatte.
3
Warqii fi qarsiin teessan ya dandoofte, dandi tanaatti hegerii isan himatee, akka ibiddaa nafa keessan guba. Guyyoota mummee kanaa ya hori kufattan.
4
Isan warra oobruu isanii hojjatuu horii hinbaamne. Akka warrii isan himatu caqasaa! Bootti warra midhaan keessan galchuu, la gurra Waaqaa Aabbo guddaa geette!
5
Jireenni keessan lafa tana irraatti ya ka gammadaatii fi ka machii ta'e. Isan ya guyyaa qalmaatii ufi gabbiftan.
6
Isan ya nama qajeelaa homaa hinyakkin ka ufi irraa isan dhowwuu hindandeenne, wallaala itti murtanii ijjeeftan.
7
Obboleeyyaan tiyya, haga Aabboon dhufuutti obsaa! Akka abbaan oobruu haga midhaan isaa dansaan ba'aanitti eegatu, laalaa. Bokkaa gannaa hagayyaallee obseetti eegataa.
8
Isaniilleen obssuu maltan! Guyyaan Aabboo ya dhi'aatee garaa jabaadhaa.
9
Obboleeyyan tiyya, akka isaniitti hinmurree, walti hingunguminaa. Abbaan murtii balbala dura ejjaa.
10
Obboleeyyaan, raagoota maqaa Aabbootiin dubbatte, qaabadhaa! Akka warrii gaargala obse qaabadhaa!
11
Waan warrii obseef gammada qaban jennaan. Isan obsa Iyoob ya dhageetan, duuba akka Waaqii waan innii fedhu cufaa eegee keenneef inbeettan. Wantii akkasitiif Aabboon guddoo naasuu qaba, guddoo namaa na'aallee.
12
Ee, obboleeyyaan tiyya, waan cufaan hinkakatinaa, gubbaa, lafaa fi waan tokkolleen hinkakatinaa! Akka murtii Waaqaa keessa hinseennee, “Eetiin” teessan eetii ha taatuutii “Hiyyootiin” teessaniilleen hiyyoo ha taatuutii.
13
Namii gaargala qabu isan keessa jiraa? Innii ha Waaqaa kadhatuutii! Namii gammada qabu jiraa? Innii ha faaruu dhaatee Waaqaa galata galchuutii!
14
Namii fayyaa hinqamne isan keessa jiraa? Innii ha jaarrolee gumii Waaqaa yaammatee dhadhaa maqaa Aabbootiin muudanii Waaqaa kadhataniifi.
15
Kadhachaan tunin, yo dhugeeffachaan tolchan, nama sun infayyifti; Aabboon isa in fayyisa, cubbuu innii tolcheellee inaraaramaniif.
16
Tanaaf akkka fayyitan cubbuu teessan walti himadhaa, Waaqaa walii kadhadhaa! Kadhachaan nama qajeelaa waan jabduu, guddoo wa baati.
17
Eliyaasiilleen durii namuma akka keennaati. Innii akka bokkeennii hinbuune guddisee Waaqaa kadhatee jennaan, ganna sadii fi ji'a ja'a bokkeenii bu'u dide.
18
Ammoo innii deebi'ee kadhannaan Waaqii roobee, laftii midhaan baafte.
19
Obboleeyyaan tiyya, yo namii tokkolleen isan keessaa dhugaa irraa goree, namii dhibiin deebise, waan kana qaabadhaa! Namii nama cubbuu tolchu wallaala irraa deebisee, lubbuu nama sunii du'a jalaa baasee, cubbuu hedduu jalaa baasa!
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
All chapters:
1
2
3
4
5