bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 10
John 10
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 11 →
1
Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, “Namii moonaa hooliyyee karraan hinseennee, ammoo dhaattuun koruu, hattuu fi saamtuu.
2
Ammoo ka karraan seenu tissituu hooliyyeeti.
3
Namii karra eegu isa duraa bana; hooliyyeen qoonqoo isaa dhageetti, innii hooliyyee ufii maqaa isiitiin yaamateetti bobbaasa.
4
Eegii ta ufii cufaa bobbaase, isii dura deema, hooliyyeen waan qoonqoo isaa beettuuf isa gula yaati.
5
Keessumaa ammoo waan qoonqoo hinbeenneef gula hin yaatuu indheetti” jedhe.
6
Fakkeenna kana Yesus warratti himee, warrii ammoo waan inniii itti hime hinmidhaaffanne.
7
Tanaaf Yesus ammallee warraan, “Anin dhuguma dhugaatiin isanitti himaa, anin karra hooliyyeeti!
8
Namii na dura dhufe cuftii hattuu fi saamtuu; hooliyyeen ammoo warra hindhageenne.
9
Anin karra. Namii yo naan olseenee inbaafama; ammallee olhinseena, gadiillee inba'a, dheedaallee inargata.
10
Hattuun, yo hatuuf, qaluuf, yakkuuf, dhufti malee hindhuftu. Anin ammoo akka hooliyyeen jireenna argatuuf dhufe, akka guddichee argattu.”
11
“Anin tissituu dansaa. Tissituun dansaan jireenna ufii marroo hooliyyeetiif baafti.
12
Namii bitamee hojjatu, ka hooliyyeen ta isaa hinta'iin, yo ya'iin dhuftuu lakkiseetti baqata; ya'iin hooliyyee qaqabdeetti bittinneesiti.
13
Innii waan bitamee hojjatuuf, marroo hooliyyeetiif hindhibamu.
14
Anin tissituu dansaa. Anin hooliyyee tiyya inbeeka, isiilleen na beetti,
15
Akkuma Abbaan na beekee, anilleen Abbaa beeku; naaf hooliyyeen tiyyaalleen walbeenna; anin lubbuu tiyya marroo hooliyyeetiif baasa.
16
Anin hooliyyee dhibii ta moonaa tana hinta'iin qaba; isiilleen dhufuu malee; isiin qoonqoo tiyya dhageetteetti ciisa tokko taati, tissituulleen tokko.
17
Waan anin lubbuu tiyya deebisee fudhachuuf dabarsee kennuuf, Abbaan kiyya na jaalata.
18
Namii tokkolleen narraa hinfudhatu, anumaatti ufumaan baasa malee. Anin jabeenna baasuunii fi ka ammallee deebisee fudhadhuun qaba. Dhaamsa kana anin gara Abbaa kiyyaatti argadhe” jedhe.
19
Ammallee marroo dubbii tanaatiif Yihudiin gargarii baate.
20
Warra keessaa namii hedduun, “Innii jinnii qabaa ammallee ya maraate! Maaf isa caqaftani?” jedhe.
21
Namii garii ammoo, “dubbiin tun ta nama jinnii qabuutiiniti. Jinniiin dandeetee nama ballaa ila bantii?” jedhe.
22
Bara dhaamochaa sun guyyaa jila qaabachaa gaafa mana Waaqaa Yerusaalem keesaatti banaanii eebbisanii,
23
Yesus mana Waaqaa keessa fulaa cichaa Solomoon deemuu jira.
24
Yihudiin isa marsitee, “Atin guyyaa hagam nutti tantammeessita? Atin yo Kiristoo taatee, diideesii nutti himi!” jetteen.
25
Yesus deebisee “Anin ya isanittii hime, ammoo isan dhugeeffachuu diddani. Hujjiin anin maqaa Abbaa kiyyaatiin hojjadhu tunin naa dhugeesiti.
26
Isan ammoo waan holiyyee tiyya hinta'iniif dhugeeffachuu diddan.
27
Hooliyyeen tiyya qoonqoo tiyya dhageetti, anilleen isii beeka, isiilleen na gula yaati.
28
Anin jireenna barabaraa kennaaf, isiin haga jirtu hindootu; namii tokkolleen harka kiyya keessaa hinfudhatu.
29
Abbaan kiyya ka isii naa kenne cufa irra jira. Namii tokkolleen danda'ee harka Abbaa keessaa isaan hinfudhatu.
30
Naa fi Abbaan kiyya nama takkaa” isaaniin jedhe.
31
Jennaan Yihudiin ammallee dhakaachaa guurrattee isa hadhu feete.
32
Yesus deebisee, “Anin hujjii dansaa hedduu, ta gara Abbaa kiyyaatti dhufte yaayyuu isan garsiise; hujjii tana keessaa tamiif dhakaan na haatani?” jedhee gaafate.
33
Yihudiin, “Mar. roo hujjii dansaatiif si hinhaanuu, ammoo marroo atin Waaqaa arabsiteef si haana! Ammallee waan atin, adoo namaatuu, akka Waaqaa ufii tolchiteef” jette.
34
Yesus warraan, “Seera keessan keessatti ‘Anin isan waaqaa’ la isaniin jedhe waan jedhaa hinbarreessinee?
35
Nu akka dubbiin barreessiin jettu cuftii yo cufaa dhugaa, ammallee akka Waaqii warra dhaamsa ufii itti ergeen waaqaa jedhe inbeenna.
36
Na ammoo Abbaa kiyyaatti na foohatee lafaatti na ergee, isan duuba maaf waan anin ilma Waaqaa ufiin jedheef, innii Waaqaa araabsa naan jettan ree?
37
Yo anin hujjii Abbaa kiyyaa hinhojjane na hindhugeeffatinaa.
38
Ammoo yo anin hojjadhe, yo na dhugeeffachuu baataniillee, hujii sun dhugeeffadhaa! Akkanaan akka abbaan na keessa jiru, aniilleen abbaa keessa jiru, akka dansaa hubattanii baraattanii” jedhe.
39
Mar. roo lameessoo isa qabu fedhanii, innii ammoo harka warraa duraa ba'e.
40
Ammallee Yesus fulaa Yoh. aannis qara itti nama cuuphe, ta galaana Yordaanositiin gamaa dhaqee, achi taa'e.
41
Namii hedduun gara isaa dhaqee, “Dhugumaa Yoh. aannis akeeka hintolchinee, ammoo wantii nama kanaa ka Yoh. aannis dubbate cuftii dhugaa” jedhe.
42
Namii hedduun achiitti isa dhugeeffate.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21