bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 11
John 11
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 12 →
1
Namichii Alaazaar jedhan ka obboleeyyan isaa ta dubraa Maariyaamii fi Maartaa ka warrii isaanii Bitaaniyaa tokko fayyaadhabe.
2
Maariyaamiin sun ta dhadhaa urgaa Aabboo dibdee, miila isaa rifeensa mataa ufiitiin irraa haaxe, ta obboleessi isii Alaazaar fayyaadhabe.
3
Obboleeyyan isaa nama Yesusiitti ergitee, “Aabboo! Kuunoo jaalii kankee kaan fayyaaniti.” jetteen.
4
Yesus ammoo akkasi dhageennaan, “Dhukkubii kunin ka du'atiniti, ammoo wantii wannii kunin taateef akka akkasiin Waaqaa ulfeessaanii ilmii isaalleen ulfinna argatu” jedhe.
5
Yesus Maartaa, obboleetti isitii fi Alaazaariillee injaalata.
6
Innii eegii fayyadhaba Alaazaarii dhagaa'eellee fulaa jiru sun guyyaa lama taa'e.
7
Jennaan eegii sunii Yesus jara ufiitiin, “Ka'aa ammallee gara lafa Yihudaa dachaanaa!” jedhe.
8
Jarii isaa ammoo, “Aabboo! Yihudiin onanaa dhakaan si ijjeesuu feetee, ammallee atin achiitti deebitaa?” jettee gaafate.
9
Yesus ammoo deebisee, “Guyyaan tokkoo saatii kudhanii lamaatiiyyuu? Namii guyyaan deemu waan ibsee aduu arguuf hingufatu.
10
Namii halkaaniin deemu ammoo, waan ibsee ufi keessaa hinqamneef ingufata” jedhe.
11
Yesus waan kana jennaan eegee, “Jaalii keenna Alaazaar hinrafa, ammoo anin hiriiba keessaa isa kaassuu dhaqa” warraan jedhe.
12
Jennaan jarii isaa, “Aabboo yo rafe hinka'a” jedhe.
13
Yesus waan du'a isaa baanee, warrii ammoo hiriibuma sehe.
14
Jennaan Yesus diideesee warratti himee, “Alaazaar la du'e” jedhe.
15
“Ammallee akka isan dhugeeffattan ka yo sun anin achi hinjirre, kaayoo teessan. Ammoo beennaa gara isaa nu yaasaa!” jedhe.
16
Toomas (ka Lakkuu jedhan) waaheela ufitiin, “Beennaa, nulleen inyaanaa, akka isa waliin doonu” jedhe.
17
Yesus dhumnaan, akka Alaazaar haga guyyaa afurii awwaala keessa bule dhagaye.
18
Bitaaniyaan Yerusaalem irraa fagooniti haguma kiiloo metrii sadii, yokaan haguma deemmaa saatiillee hinguunnee.
19
Yihudiin hedduun marroo lubbuu obboleessa warraatiif akka irraa hafaa jettuun gara Maartaatii fi gara Maariyaam dhufte.
20
Maartaan akka Yesus dhufuu jiru dhageennaan, fuula keessa deemtee; Maariyaam manaatti hafte.
21
Maartaan Yesusiin, “Aabboo, adoo atin silaa arma jiraattee, obbooleessi kiyya hindu'u.
22
Ammumaallee ammoo akka waan Waaqaa kadhatu cufaa Waaqii sii kennu anin inbeeka” jette.
23
Jennaan Yesus isiin, “Obboleessii kankee inuma ka'a” jedhe.
24
Maartaan ammoo, “Akka innii guyyaa ka'iisa muummee ka'u anin inbeeka” jette.
25
Yesus isiin, “Ka kaasuu fi ka jiraachisuulleen ana; namii natti dhugeeffatu, yo du'eellee, injiraata.
26
Namii adoo jiruu natti dhugeeffatu haguma jiru hindu'u. Atin akkasi dhugeeffattaa?” jedheen
27
Isiin, “Ee'ee Aabboo, akka atin Kiristoo, ilma Waaqaa, ka lafaatti dhufu jedhan, anin la dhugeeffadhe” jette.
28
Maartaan akkasi jettee deemtee, obbooleetti isii Maariyaam laanuma yaamtee “Aabboon arma jira, si yaamaa” jetteen.
29
Maariyaam dhageennaan hurrichee kaatee gara isaa dhaxe.
30
Yesus ammallee ollaa hingeennee, ammoo fuluuma Maartaan itti argite jira.
31
Yihudiin ta isii jajjabeessuuf mana keessa waliin jirtu, akka Maariyaam hurrichee baate arginaan, waan isiin gara awwaalaa deemtee boottu seetee isii gula yaate.
32
Jennaan Maariyaam fulaa Yesus jiru geennaan isa argitee, miila isaaatti jiddee, “Aabboo, adoo silaa atin arma jiraatee obbooleessi kiyya hindu'u” jette.
33
Yesus isii fi Yihudii ta isii gula dhuftee boottu arginaan, garaan isaa gubatee laaleffate.
34
“Eessaatti awwaaltan?” jedhee warra gaafannaan, “Aabboo, koottii laal” jedhaniin
35
Jennaan Yesus boo'e.
36
Jennaan Yihudiin, “Mee laalaa, akka innii isa jaalate!” jette.
37
Namii garii ammoo, “Namichii kunin, ka ila nama ballaa bane, silaa danda'ee nama kana du'uu hindhowwuu?” jedhe.
38
Jennaan Yesus ammallee garaa ufii keessatti guddoo laalefatee, fulaa awwaalaa dhaqe. Awwaalii sun godda, qaraa dhakaa tokko afaantii gangalchanii cufani.
39
Yesus, “Dhakaa irraa gangalchaa” jedhe. Maartaan obbooleetti namicha du'ee sun ammoo, “Aabboo, amma inaja'aa, haga du'ee ardha guyyaa afurii” jette.
40
Jennaan Yesus, “Anin, atin yo dhugeeffatte, guddinna Waaqaa inagarta siin hinjennee?” jedhe.
41
Duuba dhakaa sun irraa gangalchanii, Yesus olmillatee, “Aabboo, waan atin na dhageetuuf galata sii deebisa.
42
Akka atin yo cufaa na dhageettu anin inbeeka, ammoo marroo gumii arma marsitee ciiftuu tanaaf anin waan kana jedha, akka isiin akka atin na ergite dhugeeffattu” jedhe.
43
Waan kana jennaan innii qoonqoo olfudhatee lallabee, “Alaazaar, koottii, gaba'i” jedhe.
44
Namichii du'e kaan ka wayaa awwaalatiin harkaa fi miilii walti hidhaansa qabu, ka ammallee fuula isaa bututuun hidhan, boollaa ba'ee, Yesus warraan, “Irraa hiikaa, haa deemuutii!” jedhe.
45
Jennaan Yihudiin hedduun, ta Maariyaam waliin dhufte, ta waan innii tolche sun argite, isa dhugeeffatte.
46
Jarii garii ammoo ka'ee gara Fariisotaa dhaqee, waan Yesus tolche itti hime.
47
Jennaan qaallollee gugurddoofi Fariisotii jaarrollee koraa walitti yaamtee, “Namichii kunin akeeka hedduu tolchuu jiraa nu maan taana?
48
Yo akkanaatti lakkimne, namii cuftii isatti dhugeeffata; duuba warrii Roomaalleen dhuftee mana Waaqaatii fi gosa teennaallee balleessaa!” jette.
49
Namichii isaanii ka Qayyaafaa jedhan tokko, ka ganna sun qaallicha guddaa ammoo, “Isan homaa hinbeettan;
50
fulaa gochitii teenna cuftii badduu, akka yo namii tokko gosaa jedhee du'e isiin irra dansaa hinherreddanii” warraan jedhe.
51
Innii waan sun qalbii ufiitiin hinjennee, ammoo waan ganna sun qaallicha guddaa ta'eef, akka Yesus gosaa du'u fage.
52
Innii gosa Yihudii callaa adoo hinta'in, akka gumii Waaqaa ta gargarii firfirfamtee walti deebise takka tolchuuf du'a.
53
Duuba guyyaa sun jalqabee jarii akka Yesus ijjeesuu mari'ate.
54
Tanaaf eegii sun Yesus deebi'ee Yihudii dura diidaatti hinbaanee, achii deemee, dhaattuu lafa alloo, dira tokko ka Efreem jedhan keessa, jara ufii waliin taa'e.
55
Jiltii Yihudii ta Dabarsaa jedhan dhi'aannaan, lafa cufaa keessaa namii hedduun yaa'ee adoo jilitii hinga'in akka aadaa gula ufi qulqulleesuuf, Yerusaalemiitti ol ba'e.
56
Warrii duuba Yesus barbaadee, mana Waaqaa keessa ejaajjee, “Maan seetan? Waan innii jila dhufu seetuu?” waliin jedhe.
57
Qaallolee gugurdoo fi Fariisotii qaraa Yesus qabuuf, “Namii fulaa innii jiru beeku yo jiraatee ha nutti himuu” jettee ajajaa dabarsite.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21