bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 14
John 14
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 15 →
1
“Garaan keessan hin raafamin, Waaqaatti dhugeeffadhaa; akkasuma nallee dhugeeffadhaa!
2
Mana Abbaa kiyyaa keessa fulaan taan hedduutti jira, adoo silaa hinjirre taatee isanitti hima; anin deemeetti fulaa isanii qopheessa.
3
Anin yo deemee fulaa isanii qopheessee, akka fulaa ani jiru sun isaniilleen arti teetanii, deebi'eetti dhufee fulaa tiyyaatti isan geessa.
4
Gara anin deemuullee karaa la barattani” jedhe.
5
Toomas ammoo, “Gara atin deemtuu hinbeennuu, akkamiin karaa beenna?” jedhee gaafate.
6
Yesus deebiseef, “Karaan, dhugaa fi jireenniilleen ana; anaan yo ta'e malee namii tokkolleen gara Abbaa hindhaqu.
7
Adoo silaa na beettanii, Abbaa kiyyaallee inbeettan; armaa achi isa inbeettani ammallee isa ya argitani” jedheen.
8
Filiphos ammoo, “Aabboo, Abbaa nu agarsiisi, nu inquumnaa” jedheen.
9
Yesus deebisee, “Ilaa Filiphos, nu guyyaa hedduu waliin teennee, ammallee na hinbaraannee? Namii na arge Abbaallee la arge; atin akkam, ‘Abbaa nu garsiisi’ jetta ree?
10
Isii Filiphos, akka anin Abbaa keessa jiru, Abbaalleen na keessa jiru hindhugeeffannee? Anin dubbii isanitti dubbadhu cufaa yaada kiyyaan hindubbadhuu, ammoo abbaa na keessa jiruutti hujjii ufii hojjata.
11
Akka anin Abbaa keessa jiru, ammallee akka Abbaan na keessa jiru, dhugeeffadhaa! yo akkasi hindhugeeffannee, marruma hujiitiif na dhugeeffadhaa!
12
Anin dhuguma, dhugaatiin isaniin jedhaa, namii natti dhugeeffatuu, waan anin tolchu cufaa inniilleen intolcha, waan anin gara abbaa kiyyaa galuuf, ta hagana irra jirtuullee intolcha.
13
Akka guddinnii Abbaa ilma keessatti mullatu waan isan maqaa kiyyaan kadhattan cufaa ani intolcha.
14
Yo isan waan tokkollee maqaa kiyyaan kadhattan, anin intolcha.”
15
“Yo na jaalattan, seera kiyya inguuttani.
16
Anin Abbaa kadhadhaa, duuba innii qarqaarsa dhibii ka haga jiruu jireennaallee isan waliin jiru isanii erga.
17
Innii hafuura dhugaati, biyyitii lafaa waan isa hingarreef yokaan isa hinbeenneef, dandeettee isa hinfudhattu, isan ammoo waan innii isan waliin taa'ee haga hegeriillee isan keessa taa'uuf hinbeettan.
18
Anin kophaatti isan hindhiisuu; isanitti deebi'a.
19
Bultii diqqoon duuba namii lafaa deebi'ee na hinarguu, isan ammoo na gartani, waan anin jiruuf isaniilleen injiraattan.
20
Guyyaa sun akka anin Abbaa kiyya keessa, isan ammoo na keessa, anilleen isan keessa jiru inbeettan.
21
Namii seera kiyya fudhatee guutu na jaalata. Nama na jaalatu Abbaan kiyyaalleen injaalata; anilleen isa jaaladheetti isa ufii beesisa” jedhe.
22
Jennaan Yihudaa ka Keriyoti adoo inta'in tokko dhibiin, “Aabboo akkam ufi nu beesiftee nama lafaa ufi hinbeesifne ree?” jedheen.
23
Yesus deebisee, “Namii yo na jaalate dubbii tiyya guuta, Abbaan kiyyaalleen isa jaalata, ammallee nu isaatti dhumnee fulaa isaa teenna.
24
Namii na hinjaalannee dubbii tiyya hinguutu, dubbiin isan dhageettan ta abbaa na ergee malee tiyyaaniti” jedheen.
25
“Anin adoo walumaam jiruu waan kana cufaa yaayyuu isanitti hime.
26
Ammoo namii isan jabeesu, ka Hafuura Qulqulloo jedhan, ka Abbaan maqaa kiyyaan ergu, waan cufaa isan barsiiseetti waan anin isaniin jedhe cufaa isan qaabsiisa.
27
Nagayaan tahaa, nagaa kiyya isanii kennaa; akki anin isanii kennu akka namii lafaa walii kennuuniti, garaa keessan keessa raafamtanii, hinsodaatinaa!
28
Akka anin, ‘Deemeetti isanitti deebi'a’ jedhe, la dhageettani; adoo silaa na jaalatanii, waan anin gara abbaa kiyyaa deemuuf ingammaddan; Wantii akkanaatiif Abbaan kiyya narra guddaa.
29
Adoo guyyaan hinga'in, akka yo guyyaan sun ga'ee dhugeeffattan, anin ya isanitti hime.
30
Armaa achi anin guddoo isaniin hindubbadhu, maaliif hayyuun lafa tanaa dhufuutti jira, haa ta'u malee innii jabeenna homaatuu ka wa'iin na tolchu hinqabu.
31
Ammoo namii lafaa akka anin Abbaa jaaladhu beeku malee, tanaaf anini waan cufaa akkuma innii tolchi naan jedhe tolcha. Ka'aa armaa nu yaasaa!” jedhe.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21