bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
John 15
John 15
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 16 →
1
Anin Zabibuu dhugaati, Abbaan kiyya abbaa oobruuti.
2
Damee na keessa jirtu ta midhaan hinbaamne cufaa innii hinballeessa, damee midhaan baaftu cufaa ammoo akka haga qaraallee irra midhaan baaftu innii kolkoleetti midhaassa.
3
Isan marroo dubbii anin isanitti himee suniif qaraa la qulqullooftani.
4
Na keessa taa'aa! Aniilleen isan keessa taa'aa. Akkuma dameen yo muka weyniitti ejjite malee, kophaa ufii midhaan hinbaamnee, akkasuma isaniilleen yo na keessa teettan malee, homaa hindandeenne.
5
Anin muka weyniiti, isan dameelee; nama na keessa taa'ee aniilleen keessa taa'uu callaatti midhaan guddoo baasa; wantii akkanaatiif na malee dandeetanii homaa hintolchitani.
6
Namii na keessa hinteenne, akkuma damee alaattii gatani; duuba hingoga; dameelee sun walti guuraniitti ibiddaatti naqanii gubani.
7
Isan yo na keessa teetanii dubbiin tiyyaalleen isan keessa teete, waan feetan cufaa kadhadhaa, isanii kennanii.
8
Waan isan akkanaan, midhaan guddoo baafatanii jara kiyya taataniif, Abbaan kiyyaa inguddifamaa.
9
“Akkuma Abbaan na jaalatu, aniilleen isan jaaladha; jaalala tiyya keessa taa'a!
10
Akkuma anin seera Abbaa kiyyyaa cufaa guutee, jaalala isaa keessa taa'uu, isaniilleen seera kiyya cufaa yo guutan jaalala tiyya keessa teettani.
11
Akka gammadii kiyya isan keessa taa'ee, gammadii keessaniilleen guutamuu anin waan kana cufaa yaayyuu isanitti hime.”
12
“Seerii kiyya kanaa, akka anin isan jaaladhe isaniilleen waljaaladhaa!
13
Namii tokkolleen jaalala hagana irraa hinqabu, ta namii marroo jaallan ufiitiif du'u.
14
Waan anin isanitti hime yo guuttan, isaniilleen jaallan tiyya.
15
Armaa achi tisseelee isaniin hinjedhu; marroo tissichii waan abbaan tolchu hinbeenneef. Anin ammoo jaallaan tiyya isaniin jedha, waan dubbii Abbaa kiyya irraa dhaga'e cufaa isanitti himeef.
16
Isan na hinfoohanne, ammoo natti isan foohate; akka deemtanii midhaan baaftaniif, midhaan keessaniilleen akka hinhamaanneef, tanaaf waan maqaa kiyyaan kadhattan cufaa Abbaan isanii kenna.
17
Waan kana duuba anin isanitti himaa, waljaaladhaa!” jedhe.
18
Yesus itti dabree, “Yo namii lafaa isan jibbee, akka adoo isan hinjibbin, na jibban beekaa!
19
Adoo isan nama lafa tanaa taatanii, namii lafa tanaa akkuma waljaalatu isaniillee jaalata; ammoo waan isan nama lafaa hinta'iiniif ammallee waan anin lafa keessaa isan foohadheef, namii lafaa isan jibba.
20
Dubbii anin, ‘Hojjataan abbaa ufii ka hojjachiifatu irra hinjiru’ isaniin jedhe tana qaabadhaa! Namii yo qaraa na gaargalchee, isaniillee ingaargalcha; namii yo jecha kiyya guutee, keessaniillee inguuta.
21
Ammoo waan nama na erge hinbeenneef, waan kana cufaa marroo maqaa kiyyaatiif isan tolchan.
22
Adoo silaa anin dhufee warratti himuu dhibaadhee, cubbuu hinqaban; ammoo ammatana waan cubbuun dhoffatan hinqabani.
23
Namii na jibbu Abbaa kiyyaallee hinjibba.
24
Adoo silaa anin hujjii namii tokkolleen jiddu warratti hintolchin tolchuu dhibaadhee, cubbuu hinqaban; amma ammoo warrii naafi Abbaa kiyyaallee ya argee jibbe.
25
Wantii kunin cuftii akka dubbiin seera warraa keessatti barreessan ta, ‘ufumaa na jibban’ jettu guutamtuuf taati.”
26
“Ammoo qarqaarsii anin gara Abbaa kiyyaatii ergu yo dhufuu, hafuura dhugaa ka gara Abbaa kiyyaattii ba'u suniitti naa dhugeesa.
27
Isaniilleen waan haguma duriitii na waliin jirtaniif naa dhugeesitan” jedhe.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21