bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 2
Luke 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 3 →
1
Bara sun akka nama lafa Roomaa keessa jiru cufaa maqaa barreessan seerii gara Qiisar Awgusxosiitii ba'e.
2
Barreessiin tun ta qaraa, ta gaafa Qereenewos lafa Sooriyaa fidee.
3
Jennaan duuba namii cuftii akka dira ufiitti maqaa barreeffatu yaa'e.
4
Yoseefiilleen waan dhaloota Daawit ta'eef dira Naazireetii ka biyya Galiilaa keessaa ba'ee, lafa Yihudaa keessa, dira Daawiti ka Betlihem jedhaniin ba'e.
5
Maariyaam Intala kadhate waliin akka barreessan deeme, isiin ammoo garaacha qabdi.
6
Adoo warrii Betlihem jiruu ji'ii isii alaa hobba'e.
7
Isiin ilma angafa deettee, waan mana keessummaa keessaa fulaa dhabaniif wayaa itti uyyiftee gonboo keessa rafifte.
8
Ardaa sun keessa tissituun halkaniin horii tissaa bulti.
9
Ergamaan Aabboo tassa warratti mullatee, guddinnii Aabboo dhaattuu warratti ibsee jennaan, warrii guddoo sodaatee,
10
ergamaan ammoo, “Hinsodaatinaa! Anin oduu dansaa nama cufa gammachiiftuun isanii dhufee.
11
Ardha dira Daawiti keessatti Fayyisaan Kiristoo Aabboo jedhan la isanii dhalate.
12
Waan kanaatti akeeka isanii ta'a. Daa'ima gonboo keessa rafisanii wayaa itti uyyisan argitan” isaaniin jedhe.
13
Jennaan ergamaa sun waliin duulii ergamtoota Waaqaa hedduun tassa dhufee Waaqaa guddisee,
14
“Guddinnii Waaqaa guddaa gubbaa jiruu ha ta'uu, lafa irratti nageennii jara innii eebbisuu ha ta'uu” jedhanii Waaqaa faarsan.
15
Ergamtootii warra biraa yaatee gubbaatti oldachatee jennaan tissituun, “Beenaa, haga Betlihem nu yaasaa, waan Waaqii nu beessise ka ta'e kana laallaa” waliin jette.
16
Hariifachaa yaa'anii Maariyaam, Yoseefii fi daa'ima gonboo keessa rafisan argan.
17
Daa'ima kaan arginaan oduu isaa ta ergamtoota irraa dhaga'an taan haasa'an.
18
Namii dhaga'e cuftii waan tissituun itti himte guddoo mame.
19
Maariyaam ammoo dubbii taan cufa garaa qabattee herredde.
20
Tissituun dachaatee, marroo waan cufaa ka argitee dhageetteellee Waaqaa guddichee faarsite. Wantii cuftii akkuma ergamtootii warratti himte taate.
21
Guyyaan saddeettessoo, ka mucaa dhaqaanqabaa qaban geennaan, akkuma ergamaan Waaqaa adoo haatii hingaraacha'inuu himee, maqaa isaa Yesus baasan.
22
Akka seera Musee gula Guyyaan qulqullaa'uu geennaan, Yoseefii fi Maariyaam Yerusaalem isa geessanii, Aabboo Waaqaa duratti dhi'eessan.
23
Wantii akkanatiif seera Waaqaa keessatti, “Ilma angafa cufa Aabboo Waaqaa baasuu malan” jedhanii ya barreessan.
24
Ammallee warrii sooriyoo baasuu deemee, akka seera Aabboo Waaqaa keessatti himan, “Sabaliisa didiqqaa lama yokaan gugurdaa lama” dhi'eessuuf isa fide.
25
Bara sun nama tokkootti ka Simi'oon jedhan ka Yerusaalem taa'uu jira, innii nama qajeelaa Waaqaa sodaataa baafama Israa'el eegatu, ammllee innii Hafuura Qulqulloo qaba.
26
Hafuurii qulqulloon duraanuu akka innii haga Kiristoo Ilma Waaqaa arguutti hindoone isa beessise.
27
Hafuurii qulqulloon geessee, Mana Waaqaa olseene. Maariyaamii fi Yoseef akka aadaa seeraa guutaniif Yesus daa'ima qabatanii manaan olduudan.
28
Simi'oon mucaa olhamphaaree, Waaqaa faarsee,
29
“Amma lama Aabboo, akkuma qaraa dubbatte, hojjataa kankee nagaan deemsis!
30
Maaliif fayyisaa tantee iltii tiyya yaayyuu garte,
31
ka atin fuula gosa cufaa duratti qopheessite,
32
Ibsee gosa dhibiilleetti ibsituu, ammallee ta guddinna gosa tantee ta Israa'elitii kennitu” jedhe.
33
Abbaa fi haatiilleen dubbii Simi'oon waan mucaa dubbate guddoo maman.
34
Simi'oon warra eebbisee haadha isaa Maariyaam, “Mucaa kankee kana yaayyyuu foohatan, namii Israa'el keessaa hedduun isaan jiga, ka garii ammoo isaan ka'a; ammallee akka akeeka waan namii hedduun jibbuu ta'u,
35
akka herregii garaa nama hedduu ka dhokate mullatuu fi akka laalaattii akka goraadee onnee tantee si waraantu” jedhe.
36
Jaartii raagaa tokkootti ta dubra Faanu'el gosa Asher ta Annaa jedhan jira. Isiin haga fuudhanii dhiirsa isii waliin ganna torba teette,
37
dhiirsii isii irraa doonaan haga ganna saddeettamii afurii cufa haadha hiyyeessaa taatee teette; Mana Waaqaa keessaa hinbaatuu, halkanii guyyaallee isiin agabdee guddiftee Waaqaa kadhatte.
38
Isiilleen yoma sun dhuftee Waaqaa galata deebiftee, waan mucaa diqqaa kaanii nama baafama Yerusaalem eegatuu cufaatti himte.
39
Yoseefii fi Maariyaam akka seera Aabboo gula waan aadaa ka hojjachuu malan cufa guutannaan, gara biyya Galiilaa dira warraa ka Naazireet jedhaniitti dacha'an.
40
Mucaalleen guddatee, jabaatee; guddoo qaroome; ammallee eebba Waaqaa qaba.
41
Haadhaa fi abbaan isaa ganna cufa marroo Jila Dabarsaatiif gara dira Yerusaalem dhaqan.
42
Gannii isaa kudhanii lama geennaan akkuma aadaa warraa gula jila dhaqan.
43
Jiltii hobbaatee jennaan, adoo warrii gara mana isaanii galiisaa yaa'uu, Yesus ka haadhaa fi Aabbaan quba hin qabnee Yerusaalemiitti hafe.
44
Waan innii gumii waliin jiruu se'anii, eegii yaasuma guyyaa tokkoo cufa yaa'an, fiixaa isaanitii fi warra ilaan beekaniillee iyyaafatan.
45
Dhamnaan isa barbaaduuf Yerusaalemiitti dacha'an.
46
Eegee bultii sadiin duuba, adoo innii jidduu qaallolee taa'ee ufiillee caqasee warraallee wa gaafatuu, Mana Waaqaa keessatti argan.
47
Namii isa dhaga'e cuftii beekumaa fi deebii deebisuu isaa guddoo maadeeffate.
48
Isa arginaan haadhaa fi abbaalleen guddoo mamanii, haatii, “Gurbaa atin maaf akkana nu tolchite? Ka naa fi abbeelleen guddoo yaaddomnee si barbaannee” jette.
49
Jennaan innii, “Maaf na barbaaddan? Akka anin mana Abbaa kiyyaa keessa taa'uu malee hinbeettanii?” isaaniin jedhe.
50
Warrii ammoo dubbii innii jedheen hinmidhaffanne.
51
Jennaan innii warra waliin deebi'ee Naazireetitti galee, warraa ajajame. Haatii isaa ammoo dubbii sun cufa garaatti qabate.
52
Yesus olguddatee, qalbii horatee, Waaqaa fi namiilleen isa eebbise.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24