bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 3
Luke 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 4 →
1
Ganna kudhanii shaneessoo ka Qiisar Xiberiyos lafa fide, Phonxos Philaaxos lafa Yihudaa bulche; Herodis ammoo hayyuu Galiilaa, obboleessii isaa Filiphos hayyuu lafa Ixuriyaa fi Xraakonixisitti, Lisaanyasiileen hayyuu lafa Abiliiniyatti,
2
Bara hanaasii fi Qayyafan qaallolee gugurdoo ta'an, dubbiin Waaqaa lafa gammoojjii keessatti Yoh. aannis ilma Zakaariyasiitti dhufte.
3
Yoh. aannis lafa cufa ta dha'attuu galaana Yordaanos keessa deemee, “Cuuphamaa, cubbuu irraa deebi'aa, Waaqii cubbuu teessan isanii araaramaa” jedhee labse.
4
Akkuma kitaaba raaga Isaayaasii keessatti barreessanii, “Qoonqoon nama lafa gammoojjii keessaa iyyuu, ‘Karaa Aabboo midhaassaa, daandii isaa qajeelchaa!
5
Baleen cuftii haguutamtuu; gaarreenii fi goorollee cufa ha dirirsanii; fulaa dabdu cufa ha qajeelchanii, karaa kakkattee cufa ha walqixeessanii;
6
namii cuftii baafama Waaqaa ila ufiitiin arga’ ” jette.
7
Yoh. aannis gumii cuuphamuuf gara isaa dhufte gorsee, “Isan ilmaan bofaa-buutii! Eentuu akka isan dallansuu dhuftu duraa baqattan isanitti hime?
8
Hujjii namii cubbuu irraa deebi'e hojjatu hojjadhaa malee, ‘Abbaan keenna Abrahaam’ ufiin hinjedhinaa. Waaqii dhakaa kana keessaa ilmaan Abrahaamii kaasuu danda'aa.
9
Ammumaayyuu agaraa ya hidda mukaa jala ka'aanii, muka midhaan dansaa hinbaamne cufaa muraniitti ibidda keessatti jisan” jedhe.
10
Jennaan gumiin, “Nu maan tolchina ree?” jettee Yoh. aannis gaafate.
11
Innii deebiseefii, “Namii kootii lama qabuu nama tokkoollee hinqamnee ha kennuu, ammallee ka sagalee qabuulleen akkasuma warra dhabee ha kennuu” jedhe.
12
Jarii qaraxaa guuruulleen cuuphamuu dhufee, “Aabboo, nu maal tolchuu malle?” jedhee gaafate.
13
Innii deebisee warraan, “Haga qaraxaa guuraa jedhan hindabarsinaa” jedhe.
14
Warrii waranaalleen, “Nu ammoo maal tolchuu malle?” jedhe. Innii, “Horuma isanii kennan sifeefadhaa malee nama tokkoollee irreen yokaan karaa dharaatiin horii irraa hinfudhatinaa” jedhe.
15
Biyyitii adoo waan dhufaa eedduu, “Yoh. aannisii kunuu Kiristoo ta'iinnaa badaa” jettee garaatti herredde.
16
Innii warra cufaan, “Dhugumaa anin bisaaniin isan cuupha, ammoo nama narra jiruu tokkootti dhufa ka seemsaa kophee isaallee anin hiikuu hinmaliin. Innii Hafuura Qulqulloo fi ibiddaan isan cuupha.
17
Innii hafaree harkaa qaba, akka fulaa dargaayyee itti hafarsan qulqulleessee dargaayyee kodhootti galfatu; qola isii ammoo fulaa ibidda hindhamneetti guba” jedhe.
18
Sun maleellee Yoh. aannis dubbii hedduun biyya gorsee oduu Waaqaa dansaallee namaatti hime.
19
Yoh. aannis hayyuu biyya Galiilaa Herodis waan innii wasiilaa ufii Herodiyaas barateef, ammallee waan innii cubbuu dhibii hedduu tolcheef, mittisee,
20
jennaan Herodis haga qaraallee irra waan hamtuu tolchee, Yoh. anniisllee hidhe.
21
Duuba eegii namii cuftii cuuphame Yesus cuuphame. Adoo innii kadhatuu, gubbaan Waaqaa banamtee,
22
Hafuurii Qulqulloon ka bifa sabaliisaa qabu isa irra bu'ee, qoonqoon Waaqaa gubbaa dhuftee, “Atin ilma kiyya, ka anin jaaladhu, guddoo na gammachiifta” jette.
23
Yesus Gaafa hujii isaa jala qabe gannii isaa gara soddomaa kana, namii ilma Yoseefii isa se'e; hidda dhaloota isaa yo hennee, Yoseef ilma Elii,
24
Eliin ka Maataat, Maataat ka Lewwii, Lewwiin ka Malkii, Malkiin ka Yanaay, Yanaayiin ka Yoseef,
25
Yoseef ka Maataatiyas, Maataatiyas ka Amos, Amos ka Naahom, Naahom ka Eslii, Eslii ka Naagee,
26
Naageen ka Maa'atii, Maa'atin ka Maataatiyas, Maatatiyas ka Seeme'i, Seeme'iin ka Yoseef, Yoseef ka Yihudaa,
27
Yihudaa ka Yo'anaan, Yo'anaan ka Resaa, Resaan ka Zarubaabel, Zarubaabel ka Salati'el, Salati'el ka Nerii,
28
Neriin ka Melkii, Melkiin ka Adii, Adiin ka Qosam, Qosam ka Elmaadaam, Elmaadaam ka Eerii,
29
Eeriin ka Yoshu'aa, Yoshu'aan ka Elii'ezaar, Elii'ezaar ka Yooraam, Yooram ka Maataat, Maataat ka Lewwii,
30
Lewwiin ka Simi'oon, Simi'oon ka Yihudaa, Yihudaan ka Yoseef, Yoseef ka Yoonaam, Yonaam ka Eliyaqim,
31
Eliyaqim ka Meleya, Meleyan ka Maayinaan, Maayinaan ka Maaxaataa, Maaxaataan ka Naataan, Naataan ka Daawit,
32
Daawit ka Iseyi, Iseyiin ka Yoobeed, Yoobeed ka Boaz, Boaz ka Salmoon, Salmoon ka Nahasoon,
33
Nahasoon ka Aminaadaab, Aminaadaab ka Aaram, Aaram ka Hesrom, Hesrom ka Faares, Faares ka Yihudaa,
34
Yihudaan ka Yaaqoob, Yaaqoob ka Yisihaq, Yisihaq ka Abrahaam, Abrahaam ka Taaraa, Taaraan ka Naahor,
35
Naahor ka Seruug, Seruug ka Raagaawu, Raagaauun ka Feleg, Feleg ka Ebeer, Ebeer ka Shala,
36
Shalan ka Qaaynam, Qaayinam ka Arfaaksaad, Arfaaksaad ka Seem, Seem ka Nohi, Nohiin ka Lamek,
37
Lamek ka Mat. usaala, Mat. usaalan ka Henok, Henok ka Yaared, Yaared ka Mahalalel, Mahalalel ka Qaayinaan,
38
Qaayinaan ka Enosh, Enosh ka Sheet, Sheet, ka Addaam, Addaam ka Waaqaa.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24