bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 4
Luke 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 5 →
1
Yesus Hafuura Qulqulloon guutamnaan Galaana Yordaanosiitti deebi'ee, Hafuurii sun lafa gammoojjiitti isa geessee,
2
haga bultii afurtamaa sheexanii isa laallate. Innii haga sun cufa sagalee malee taa'ee, guyyaa muummee guddoo beela'e.
3
Sheexanii isaan, “Atin Yo dhugumaan Ilma Waaqaa taatee, dhakaa kanaan, ‘Qixxaa ta'i’ jedhi” jedhe.
4
Yesus ammoo deebiseefii, “Qoonqoon Waaqaa, ‘Namii qixxaa callaan hinjiraatu’ jette” jedheen.
5
Jennaan sheexanii gaara dheeraa tokko isa korsiisee marroo tokkoon guddinna lafa tanaa cufa garsiisee,
6
“Waan akka anin abbaa fedhuu kennu harka kiyyatti kennaniif, jabeenna lafa tanaa cufaa fi horii isiillee cufa sii kennaa,
7
duuba yo atin jilbiiffattee naa sagadde wantii kun cuftii kankee taati” jedhe.
8
Yesus ammoo deebisee, “Qoonqoon Waaqaa, ‘Aabboo Waaqaa kankee callaa sagad, isuma callaa Waaqeffadhi’ jetti” jedheen.
9
Jennaan Sheexanii Yerusaalem isa geessee, fiixee Mana Waaqaa irra dhabee,
10
“Akka si tissitu Waaqii ergamtoota ufiitti himaa.
11
Ammallee, akka miilii kee dhakaatti hinguffanne warrii harka ufiitiin si qabaa wantii jedhaa la barreeffamte; atin yo dhuguma Ilma Waaqaa taatee, arma irraa ufi gad lakkis!” jedheen.
12
Yesus deebisee, “Qoonqoon ‘Aabboo Waaqaa kankee hinlaallatin’ jetti” jedheen.
13
Sheexanii laallachaa ufii ta Yesus laallate cufa fixanaan haga yo dhibii laallatuu asi isa biraa deeme.
14
Jennaan Yesus jabeenna Hafuura Qulqullootiin ka'ee Galiilaatti deebi'ee; gurrii isaa ardaa sun cufaa ga'e.
15
Innii achitti manneen waldeennaa keessatti nama barsiisee; namii cuftii isa saade.
16
Yesus Naazireet fulaa itti guddate dhufee, akkuma amala isaa guyyaa Sanbataa mana waldeennaa dhaqee, olejjee dubbii Waaqaa dubbise.
17
Kitaaba raaga Isaayaas itti kennaanii jennaan, saaqee fulaa dubbii tana itti barreessan arge.
18
“Hafuurii Aabboo na gubbaa jira; akka anin oduu dansaa hiyyeeyiitti himu innii ya na muude. Akka warra hidhaniitti waan hiikaansaa himu; akka ballaalleen lafa argu; akka warra gaargalchan gaargala keessaa baasu;
19
akka bara Waaqii gumii ufii baasuu himu innii ya na erge” jedhe.
20
Yesus kitaaba cufee nama mana waldeennaa sun eeguutti kennee taa'e. Namii mana waldeennaa kaan keessa jiru cuftii ila isaatti qabee isa laale.
21
Innii dubbii fuudhee, “Dubbiin kitaabaa ta dhageettan tun ardha ya ila teessan duratti guutamte” jedhe.
22
Namii isa caqase cuftii dhugaa isaa galchee, dubbii dansaa afaan isaa keessaa baate maadefatee, “Kunin ilma Yoseefitiinitii?” jedhe.
23
Innii ammoo warraan, “Isan silaafuu mammaassa kana natti mammaattaniitti, ‘Ee cirreessa, qara ufi fayyisii, waan lafa Qifirnaahomitti tolchitte ta nu dhageenne sun akkasuma arma lafa tantee keessaalleetti tolchi’ naan jettan” jedhe.
24
Ammallee innii, “Dhugumaa waan anin isanitti himuu, Raagii lafa ufii keessatti dhugeeffatan hinjiru.
25
Bara Eliyaas, ka bokkeennii ganna sadii fi ji'a ja'a oolee, beeltii guddoon lafa cufaa dhuftee, lafa Israa'el keessa nadheen dhiirsii irraa du'e hedduutti jira.
26
Eliyaas ammoo, niitii dhiirsa hinqamnee takka ta ollaa Saraaphtaa, ta lafa Sidoon keessa jirtu malee, nama tokkoolleetti hinergamne.
27
Ammallee bara raaga Elsaa'i lafa Israa'el keessa nama hedduutti ka qomaaxaa qabu jira; Na'amaan ammoo namiicha lafa Sooriyaa sun malee, warra kaan keessaa namii tokkoolleen hinfayyine” jedhe.
28
Namii mana waldeennaa keessa jiru cuftii dubbii taan dhageennaan guddoo dallane.
29
Jennaan ka'anii dira keessaa isa gussanii, gara gaara dira isaanii gubbaa jaaranii isa geessan, akka silaa fiixee gaaraa irraa darbatan,
30
innii ammoo jidduu warraatii ba'ee ka'ee itti dhabate.
31
Jennaan Yesus gara dira Qifirnaahom ka Galiilaa keessaa gad bu'ee; guyyaa Sanbataa biyya barsiise.
32
Waan dubbiin isaa jabeenna qabduuf waan innii barsiise sun guddoo maman.
33
Nama tokkootti ka jinnii hamtuu qabu mana waldeennaa sun keessa jira; innii qoonqoo olfudhatee iyyee,
34
“Eeyyaa, Yesus Naazireet, atin maan nurraa qabda? Nu balleessuu dhuftee? Anin eennu akka atin taate si beeka; atin Qulqulloo Waaqaatii” jedhe.
35
Yesus ammoo isa dubbachuu dhowee, “Callisii, isa keessaa ba'i!” jedheen. Jennaan jinniin taan jidduu biyyatti namicha kaan lafaan dhooftee adoo waan tokkoollee isa hindhukkubsinuu, keessaa baate.
36
Biyyitii cuftii maadeffattee, “Dubbiin tun maan? Innii humnaa fi jabeennaan jinnii seera, duuba isiin nama keessaa baate” waliin jette.
37
Gurrii isaa ardaa sun cufa keessa fulaa cufa ga'e.
38
Yesus mana waldeennaa keessaa ba'ee mana Simoon seenee; haatii niitii Simoon qandhoo qabdii, jennaan waan isii Yesusiitti himan.
39
Yesus isii bira ejjee, “Qandhoo irraa gal!” jedhee jennaan, qandhoon taan irraa galtee, isiin yoma sun kaatee warra gololchite.
40
Galgala sun eegii aduun dhiite, nama fayyadhabee dhukkuba gosa gosaatiin gaargalaa ture, cufa isaattiin dhufanii, innii harka irra kaa'ee fayyise.
41
Jinniilleen waan akka innii Kiristoo ta'e beettuuf qoonqoo guddoon iyyitee, “Atin Ilma Waaqaa” jechaa nama hedduu keessaa yaate. Innii ammoo “Callis!” jedhee isii dubbachuu dhowe.
42
Laftii bariinaan innii ka'ee lafa moggaa ta namii hinjirre dhaqe. Biyyitii isa barbaaddee arginaan, akka innii warra lakkisee biraa hindeemne kadhattee,
43
innii ammoo warraan, “Anin oduu dansaa Mootummaa Waaqaa dira dhibiilleetti himuu male; waan tanaaf na erganiif” isaaniin jedhe.
44
Duuba dhaqee manneen waldeennaa ta Yihudaa keessatti nama barsiise.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24