bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 22
Matthew 22
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 23 →
1
Yesus ammallee mammaassaan biyyatti dubbatee,
2
“Mootummaan Waaqaa hayyuu ilma ufii dubra fuusise fakkaatti.
3
Innii hojjatoota keessummaa yaamtu ergee, ammoo keessummaan dhufu didde.
4
Ammallee hayyuun kaan hojjatoota dhibii ergee, ‘Mirgoolee fi jiboota gagabboo yaayyuu qalan, wantii cuftii ya kurfooftee, keessummaan jila fuudhaa, Koottaa jedhaan’ jedhe.
5
Keessummaan cuftii ammoo dhufuu didde; tokko oobruu ufii dhaqe, tokkoolleen daldala ufii dhaqe;
6
ta garii hojjatoota guurte dhaantee fixxe.
7
Hayyuun guddoo dallanee, warra waraanaa ka ufii ergee, warra nama ijjeesee sun cufa fixee dira warraalle gube.
8
Jennaan hojjatoota ufii gad yaamee, ‘Jiltii tiyya kurfoo jirti, ammoo warrii anin yaame jilaa himmalee,
9
karaa diraa gula yaa'aa, namuma gartan yaamaa’ jedheen.
10
Hojjatootiilleen karaa gula yaatee nama garte cufa dansaa fi hamaallee yaamtee, namii mana fuudhaa guute.”
11
“Hayyuun mana fuudhaa olseenee keessumma laalee jennaan, nama tokko ka wayaa fuudhaa ufirraa hinqamne argee,
12
‘Isii abboo atin akkam wayaa fuudhaa malee arma seente?’ jedhee gaafatee namichii kaan waan jedhu dhabe.
13
Hayyuun hojjatootaan, ‘Harkaa fi miila walti hidhaa, alaatti darbadhaa! Ha achitti boo'ee ilkaan qaruutii’ jedhe.
14
Wantii akkanaatiif, Namii yaaman hedduu, ka foohatan ammoo diqqaa” jedhee dubbii taan fixe.
15
Fariisootii yaatee akka Yesus afaan fuutu walmari'atte.
16
Jara warrattii fi jara Herodis waliin Yesusitti erganii, “Barsiisaa, akka atin nama dhugaa taate, karaa Waaqaallee akka dhugumaan barsiiftu, waan namii jedhuullee akka hin yaallee ammallee nama hinsodaanne nu inbeenna.
17
Me, herrega kee nutti him; akkii gibira hayyuu Roomaatii baasan aadaa moo aadaanti?” jedhanii gaafatan.
18
Yesus cubbuu warraa beennaan, “Isan kiyibdoollee! maaniif afaan na fuudhu feetan?
19
Qarshii tokko na garsiisaa” jedhe. Warrii qarishii tokko garsiisee
20
jennaan innii, “Mat. aa fi maqaa eennuu irratti barreessan?” jedhe.
21
Warriilleen, “Ka hayyuu Qeesarii” jedhe jennaan Yesus, “Yoos hayyuu waan isaa male baasaaf, Waaqaallee waan maleef baasaaf” jedhe.
22
Waan kana dhageennaan mamanii, biraa yaa'anii itti dhaabatan.
23
Guyyuma sun Saduqoonnii, warrii du'a ka'isii hinjiru jedhu gara Yesus dhufee,
24
“Aabboo, waan Museen barsiise, ‘Yo namii ilmaan malee du'e, obbooleessii isaa niitii isaa dhaalee, obbooleessa ufiitii ilmaan dhaluu male’ jedhe.
25
Duuba obbooleeyyan torbaatti ta waliin teettu jira, angaftichii dubra fuudhee ilmee malee du'e. Niitii taan obbooleessii lammeessoo dhaalee,
26
inniilleen akkasuma ilma malee du'e, ka sadeessoolleen isii fuudhee akkasuma du'e, duuba eegee obbooleeyyan hafte taalleen cuftii akkasuma raawwatte.
27
Eegee niitiin taalleen doote.
28
Duuba warrii torbaanuu ya isii fuudhee, gaafa warra du'e kaassan niitiin tunin ta eennuu taati?” jedhanii isa gaafatan.
29
Yesus ammoo warraa deebisee, “Isan marroo barreessii fi jabeenna Waaqaa hinbeenneef, guddoo wallaaltan.
30
Warrii du'e, yo kaassan, akka ergamtoota Waaqaa jira, dhiiraa fi nadheen wal hinfuudhan.
31
Ammoo waan ka'iisa warra du'ee, waan Waaqii isaniin jedhee hindubbimnee? Innii,
32
‘Anin Waaqaa Abrahaam, Waaqaa Yisihaqii fi Waaqaa Yaaqoob, akkas jechuun, innii Waaqaa warra jiruu malee Waaqaa warra du'etiinti’ ” isan jedhe.
33
Gumiin waan kana dhageennaan waan barsiisa isaa guddoo mamte.
34
Fariisootii akka Yesus Saduqootaa callisiise dhageennaan walti dhufte.
35
Jennaan qaallichii seera beeku tokko isa laalachuuf wa isa gaafatee,
36
“Seerii seera cufa irra jabaa kamii kana?” jedhe.
37
Jennaan yesus, “ ‘Aabboo Waaqaa kankee garaa kankee cufaan, Lubbuu tantee cufaan, qalbii tantee cufaan jaaladhu’
38
Seerii cufa irra jabaa ka qaraa kana.
39
Ka lameessootiin walfakaata, ‘Akkuma ufi jaalattu nama jaaladhu’ jedhe.
40
Seera Museetii fi barsiisan raagaa cuftii seera kana lamaan callaan guutamti” jedheen.
41
Fariisootii walwaldeennaan Yesus warraan,
42
“Waan Kiristoos maan hereddan? Innii ilma eennuu?” jedheen, jenaann, “Innii ilma Daawiti jedhanii” jedhanii deebisaniif.
43
Yesus deebisee, “Akkamiin ree daawit, hafuura Waaqaatiin, ‘Aabboo’ jedhee isan yaame?”
44
“Aabboon Abbaa kiyyaan, haga anin nyaapha kankee miila kankee jalatti deebisuutti, mirga kiyya taa'i la jedhe” jedhee dubbate.
45
“Yo Daawit, ‘Aabboo’ isan jedhe, Kiristoon akkam ilma Daawit ta'a ree?” jedhee isaan gaafate.
46
Namii tokkoolleen deebisuu dadhabe; haga guyyaa sunitii jalaqabee namii tokkoolleen gaafii tokkooyyuu isa gaafachuu sodaate.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28