bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 28
Matthew 28
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
1
Eegii guyyaan Sanbataa dabre, guyyaa qaraa ka torbaan sunii, laftii bariinaan Maariyaam Magdalaa fi Maariyaamiin taan awwaala laaluu dhaqan.
2
Jennaan yoma tokkoon laftii chochotee, ergamaan Aabboo tokko Waaqaa gubbaa gad bu'ee dhakaa gangalchee gubbaa taa'e.
3
Fuulii isaa akka angaassuu ibsee, wayaan isa akka caamaa addaatte.
4
Warrii waraanaa akka takka hinargin sodaatee, akka waan du'anii ta'an.
5
Ergamaan nadheen taaniin, “Anin akka isaan Yesus ka fannotti fannisan barbaaddan hinbeekaa, hinsodaatinaa!
6
Innii arma hinjiru, yaayyu akkuma jedhee ka'ee koottaa, fulaa reeffa isaa ciifsisan laalaa.
7
Deemaa hurrisaa, jara isaatti himaa, ‘Innii yaayyuu du'aa ka'ee, amma isan duratti Galiilaa dhaqaa, achitti isa argittan’ jedhaa itt himaa! Dhaamsa kiyya kana hindedhiinaa” jedhe.
8
Jennaan yoma sun ka sodaa fi gammachuu guddoo qaban ka'anii awwaala kaan biraa yaa'anii ori'anii jara Yesusiiti himan.
9
Yesus tassa warratti gad ba'ee, “Bultiin isaan nagaa?” jedheen. Itti dhi'aatanii, miila isaa qabatanii sagadaniif.
10
Jennaan Yesus warraan, “Hinsodaatinaa, dhaqaa obbooleeyyan tiyyaan, ‘Galiilaa dhaqaa achitti na argitanii’ jedhaan” jedhe.
11
Nadheen itti dhaabannaan, warrii waraanaa ka awwaala eegu hagii garii dira dhaqee, waan cufa qaallolee gugurdotti hime.
12
Qaallolee gugurdoo fi jaarroleen walwaldeettee mari'attee, horii guddaa warra waraanaatti kennitee,
13
“Jara isaatti halkan, adoo nu rafuu jiruu, dhufee reeffa isaa hate jedhaa biyyatti himaa!
14
Yo hayyuun waan kana dhaga'e, nutti itti himaa, homa tokkoollee hinsodaatinaa” jedhan.
15
Warrii waraanaa kaan horii fudhatee, waan tolchaa jedhaniin tolche. Yihudiin arraallee dubbuma tana dhageettee dhugeeffatti.
16
Jarii kudhanii tokkoo gara gaara lafa Galiilaa keessaa, ka Yesus warratti himee dhaqe.
17
Isa arginaan ulfeessaanii, namii garii ammoo mame.
18
Yesus warratti dhi'aatee, “Jabeenna cufa, ka lafaa fi gubbaallee, ya natti kennaan.
19
Tanaaf fulaa cufa yaa'aa, gosa cufaa nama kiyya tolchaa; maqaa abbaatiin, ka ilmaatii fi Hafuura Qulqullotiin nama cuuphaa,
20
waan anin isanitti hime cufa akka guuttan warra barsiisaa! Beekaa, haga guyyaa muummeellee anin isan waliin jiraa” isaaniin jedhe.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28