bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 3
Matthew 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 4 →
1
Bara sun Yoh. aannisiin nama cuuphuu lafa gammoojjii ta Yihudaa dhufee nama barsiisee,
2
“Mootummaan Waaqaa ya dhi'aattee cubbuu irraa deebi'aa!” jedhe.
3
Raagi Isaayas waan Yoh. aannis dubbatee, “Qoonqoon nama lafa gammoojjii keessaa iyyuu, ‘Karaa Aabboo kurfeessaa, daandii isaa qajeelchaa’ jetti!” jedhe.
4
Yoh. aannis wayaa rifeensa gaalaa irraa midhaasan uyyifatee, gurdaa gogaa hidhatee, awwaanisaa fi damma nyaata.
5
Namii Yerusaalem jiruu, ka Yihudaatii fi ka arddaa Yordanos cuftii gara Yoh. aannis yaa'e.
6
Warrii cubbuu ufii himanaan innii galaana Yordanos keessatti warra cuuphe.
7
Fariisotaa fi Saduqootii hedduun aadaa cuuphamaa fudhachuu dhumnaan, Yoh. aannis warraan, “Isan ilmaan bofaa-buutii, eentu dallansuu hegerii duraa baqadhaa isaniin jedhe?
8
Midhaan cubbuu irraa deebi'uu teessan agarsiisu baasaa.
9
‘Abbaan keenna Abrahaam’ jettanii waan jalaa baatan ufii hinse'inaa, Waaqii dhakaayyee tana keessaa ilmaan Abrahaam yaasuu danda'aa.
10
Ammumaa Agaraa yayyuu hidda mukaa jala kaa'an; muka midhaan dansaa hinbaamne cufaa muranitti ibidda keessatti jissan.
11
Akka isan cubbuu irraa deebitan, anin bisaaniin isan cuupha; ka faana tiyya dhufu ammoo ka narra jiru, ka anin seemsaa kophee isaallee qabachuu hinmalle. Innii hafuura Qulqulloo fi ibiddaan isan cuupha.
12
Hafareen harka isaa keessa jirti. Oobdii ufii inqulqulleessa, dargaayyee walti qabee kodhootti naqa, qola ammoo ibidda haga jiru hindhaamnetti naqa” jedhe.
13
Jennaan Yesus Galiilaa ba'ee, Yordanos dhufee, akka Yoh. aannis isa cuuphu gara Yoh. aannis dhaqe.
14
Yoh. aannis ammoo isa dhowwuu fedhee, “Atin akkam gara kiyya dhuftee, ‘Na cuuphi’ naan jetta? Ufuufuu sitti na cuuphuu malee” jedhe.
15
Yesus ammoo, “Amma hataatuu, karaa kanaan waan Waaqii fedhu cufaa guunnaa” jedhe. Jennaan Yoh. aannis “Eejedhe” jedheen.
16
Akkuma Yesus cuuphamee bisaan keessaa ba'een, gubbaan Waaqaa isaa banamtee, innii hafuura Waaqaa ka bifa sabaliisaa qabu, ka isa irra taa'u arge.
17
Qoonqoon Waaqaa gubbaa dhuftee, “Kunin ilma kiyya ka anin jaaladhu, innii guddoo na gammachiisa” jette.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28