bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 4
Matthew 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 5 →
1
Jennaan hafuurii, akka sheexanii laallatu Yesus lafa gammoojjii geesse.
2
Innii guyyaa afuratamaatii fi halkan afurtamaa sagalee malee taa'ee jennaan, beela'e.
3
Jennaan sheexanii dhufee, “Atin yo dhuguma ilma Waaqaa taate, dhakaa kanaan, ‘Qixxaa ta'i’ jedhi” jedheen.
4
Yesus ammoo deebisee, “Barreessii qulqulloo keessatti ‘Namii qixxaa callaan hinjiraatu, dubbii afaan Waaqaa keessaa baatu cufaan jiraataa’ waan jedhaa la barreessan” jedheen.
5
Jennaan sheexanii dira Qulqulloo isa geessee, fiixee mana Waaqaa gubbaa isa baasee,
6
“Atin yo dhuguma ilma Waaqaa taate, arma irraa gad ufi dhiis, waan barreessiin, ‘Waaqii ergamtoota ufii sii erga, warrii akka dhakaan miila kankee hindhoomne harka ufiitiin ol si qaba’ jettuuf” jedheen.
7
Yesus deebisee, “Ammallee barreessiin, ‘Aabboo Waaqaa kankee hinlaallatin’ jetti” jedheen.
8
Ammallee sheexanii gaara guddaa tokko isa korsiisee, guddinna lafa cufaatii fi dansooma isii garsiisee,
9
“Yo atin gad jettee naa sagadde waan kana cufaa anin sii kenna” jedheen.
10
Jennaan Yesus, “Sheexana na biraa deem! Barreessiin ‘Aabboo Waaqaa kankee callaa sagadii, isuma callaa Waaqeffadhi!’ jettii” jedhe.
11
Jennaan sheexanii isa lakkissee, ergamtootii dhuftee isa qarqaarte.
12
Akka Yoh. aannis qaban dhageennaan Yesus Galiilaatti deebi'e.
13
Naazireetii ba'ee Qifirnaahom dhaqee dhaattuu galaanaa lafa Zebuloonii fi Niftaalem keessa taa'e.
14
Tulleen akka wantii raagii Isaayaas ta,
15
“Lafa Zebuloonii fi lafa Niftaalem, gara galaana, moggaa Yordanos, Galiilaa ta gosa dhibii!
16
Namii dukana keessa taa'uu ya ibsee guddoo arge; warra gandidduu du'aa keessa tataa'uu ibseen ya itti mullatte” jettu guutamtuuf.
17
Guyyaa sunii jalqabee Yesus, “Mootummaan Waaqaa ya dhi'aattee Cubbuu irraa deebi'aa!” jedhe. Oduu dansaa haasa'e.
18
Adoo Yesus dhaattuu galaana Galiilaa deemuu, obbooleeyyan lama, Simoon ka Phexros jedhanii fi obbooleessa isaa Indriiyas ka xuruuraa qurxummii gaalana keessatti darbachuutti jiru arge; warrii guurtuu qurxummiiti.
19
Innii warra yaamee, “Na gula koottaa! Anin guurtuu namaa isan tolchaa” jedheen.
20
Yoma sun xuruuraa lakkisanii isa gula yaa'an.
21
Yesus artii deemnaan ilmaan Zabdewos ta obbooleeyyanii lamaan, Yaaqoobii fi Yoh. aannis ka abbaa isanii Zabdewos waliin hoboloo keessa tataanii xuruuraa isannii midhaaffatan argee yaamee,
22
jennaan warrii yoma sun hoboloo fi abbaa ufii lakkisee isa gula yaa'e.
23
Yesus lafa Galiilaa cufa keessa dedeemee manneen Waldeennaa keessatti nama barsiisee, oduu dansaa mootummaa Waaqaa himee, dhukkubaa fi dhibee cufaa nama fayyise.
24
Tanaaf gurrii isaa lafa Sooriyaa cufa ga'ee, nama fayyadhaabee gaargale ka dhukkuba gosa gosaa qabu, ka jinnii qabu, ka gaggabduu qabuu fi ka naafateellee cufa ittiin dhufnaanii warra cufa fayyise.
25
Gumiin guddoon dira kudhanii, ta Galiilaa, ta Yerusaalemii lafa Yihudatii fi ta gama Yordanos keessaalleen cuftii kaatee isa gula yaate.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28