bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 5
Matthew 5
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 6 →
1
Yesus gumii arginaan gaara koree gubbaa taa'e. Jennaan jarii isaa gara isaa dhufee,
2
innii warra barsiisee.
3
“Warri akka jireenna afuuraatiin hiyyeeyyii ta'an garaa keessatti ufi beeku warra badhaadhe; mootummaan Waaqaa ta warraatii!
4
Warrii waan hamtuu laaleffatu ka badhaadhe, Waaqii garaa warraa jabeessaa!
5
Warrii ufi diqqeessu ka badhaadhe, lafa dhaalaa!
6
Warrii qajeelumaa jedhee beela'ee dheebotuu ka badhaadhe, warrii akkanaa inquufaa!
7
Warrii naasuu namaa qabuu ka badhaadhe, warraa ina'anii!
8
Warrii garaa qulqulloo qabuu ka badhaadhe, Waaqaa inargaa!
9
Warrii nagaa tolchu ka badhaadhe, ilmaan Waaqaa jedhaniinii!
10
Warrii dhugaaf gaargalchan ka badhaadhe, mootumaan Waaqaa ta warraatii!
11
Yo namii marroo tiyyaaf dharaan isan arrabsee, himatee, isan gaargalechee, waan hamtuu cufa isaniin jedhee, isan ya badhaatan.
12
Yo sun gammadaa qiliixamaa; gatiin teessan ta gubbaa jirtu waan guddoo, marroo raagoota duriillee akkuma kana gaargalchaniifi” jedheen.
13
Yesus ammalle, “Isan soodda lafaati, soodda yo innii bushaa'e, yo alaatti gadgatanii miilaan irra ejaajjatan malee, maaniin kura itti deebisan? Waan tokkoollee wa hinba'u.
14
Isan ibsee lafaati, dirii gaara gubbaa jiru hinda'atu,
15
Ibsee bobeessanii qorii itti hingombisani, akka namii mana keessa jiru cuftii argu olfannisan” jedeen.
16
“Akkasuma ibseen teessan ha nama duratti ibsituu, akka hujiin teessan dansaan mullattee Abbaa keessan ka gubbaa jiru guddisan” jedheen.
17
Yesus, “Waan anin barsiisa seeraatii fi ka raagaa balleessuu dhufe hinse'inaa. Anin akka balleessuu hindhumnee, akka qixxeesuuf dhufe.
18
Dhugumaa, waan anin isaniin jedhuu, haga lafaa fi gubbaan dabartuutti, haga seerii cuftii guutamuutti cophi seeraa tokkoolleen hindabru.
19
Tanaaf namii seera didiqqaa kana tokko caphsee ammallee akkasuma namaallee barsiisee, mootummaa Waaqaa keessatti maandhaa ta'a. Namii ammoo seera guutee, akkasuma namaallee barsiise, mootummaa Waaqaa keessaalleetti hangafa ta'a.
20
Anin isanitti himaa, yo qajeelummaan teessan ta jara seera beekuutii fi ta Fariisotaa irra hinjirree, dandeettanii mootummaa Waaqaa hinargattan” jedeen.
21
“Akka warra duriitiin ‘Nama hinijjeesinaa, nama nama ijjeesu cufaa fuula warra wa muruu duratti itti muran’ jedhan, ya dhageettan.
22
Ammoo waan anin amma isanitti himuu, namii obbooleessa ufiitti dallanu murtii argachuu male. Nama obbooleessa ufii arrabsu, kora itti baasuu malan; ammallee nama obbooleessa ufii tuffatee, ‘Daallee dabaa!’ jedhuun, ibidda qilee ka barabaraa keessa buusuu malan.
23
Tanaaf yo akka galata Waaqaa galchitu, fulaa sooriyoo itti qalan dhuftee, akka obbooleessii kankee garaa keessa si hinquumne qaabattee, fulaa sooriyoo sunitti,
24
waan galataa baaftu lakkisii qaraa fiixee ka'ii deemii, obbooleessa kankee araara kadhadhu, achiin duuba deebi'ii galata kankee baas.
25
Yo namii si himatee koraatti si yaaman, hurrisii waldhaqiin yokaan innii jaaroleetti si kenneetti, jaarroleen warra waraanaatti si kennitee, warrii waraanaalleen mana hidhansaa keessa si buusaa.
26
Dhugumaa, waan anin siin jedhuu, haga beessee cufa baaftuutti hidhaansa keessaa hinbaatu” jedheen.
27
“Malaa akka durii ‘gaarayyuu hinbaratinaa’ jedhan ya dhageettan.
28
Ammoo waan anin isaniin jedhuu namii dharraan nadheen millatu yaayyuu garaa ufii keessatti waan hamtuu tolche.
29
Yo iltii tantee mirgittiin si wallachifte, ufi keessaa baasii gati! Fulaa nafa kankee cufaa ibidda keessa buusan, yo ila tokko dhabde irra sii jirtii.
30
Ammallee yo harkii kankee mirgichii si wallaalchise, ufirraa kutii gati! Fulaa nafa kankee cufaa ibidda keessa buusan, yo harka tokko dhabde irra sii jirtii” jedheen.
31
“Ammallee durii, ‘Namii niitii ufii lakkisuu fedhu ha waraqata lakkisuun kennuufii’ ya jedhan.
32
Waan ammoo anin isanitti himuu, namii niitii ufii ta dhiira dhibii hinbaraatin lakkise, ya cubbuu keessa isii seensise; namii isii fuudhuulleen ya cubbuu hojjate” jedheen.
33
“Akka warra duriitiin, ‘Dharaan hinkakatinaa’ jedhan, ammallee ‘akka kakuu teessan Waaqaa duratti guutaa’ jedhan ya dhageettan.
34
Ammoo waan anin isanitti himuu, diqqumaallee hinkakatinaa! Maaliif yo jettanii gubbaan barcumaa Waaqaatii,
35
laftii, fulaa Waaqii miila irra dhaabatu; Yerusaalemiilleen dira Hayyuu guddaati.
36
Ammallee mataa keessaniilleen hinkakatinaa, rifeensa keessan tokkoollee dandeettanii hinadeesitanii, yokaan hingurraattesitanii.
37
Wantii isan jettan cuftii ha ‘Ee'eetii-hiyyootii’ callaa taatuu, wantii tana irraa gore waan sheexana keessaa ba'aat” jedheen.
38
“Akka durii ‘Nama ila namaa basse, ila isaallee ha baassanii; ka ilkaan nama cabse, ka isaallee ha cabsanii’ jedhan ya dhageettan.
39
Ammoo waan anin amma isanitti himuu, nama waan hamtuu isan tolchu haaloo hinfuudhinaa. Yo boqoo mirgittii si dhabanaasan bitaattiillee itti garagalfadhu.
40
Ammallee yo namii tokko si himatee hubbaara kankee sirraa baafatee, kootiillee baafadhuuf.
41
Ammallee yo namii si dabsee irreen haga gabaabaa si deemsisee haga fagoo gula deem.
42
Nama wa si kadhatuu kenni; ka wa si liqeefatuu indhowwatin” jedhe.
43
“Ammallee akka durii, ‘Obbooleessa kankee jaaladhuu, nyaapha kankee jibbi!’ Jedhan ya dhageettan.
44
Waan anin ammoo amma isanitti himuu, akka ilmaan Abbaa keessan ka gubbaa jiru taatan, nyaapha keessan jaaladhaa Nama isan gaargalchuu Waaqaa kadhadhaa.
45
Innii aduu nama hamaamaa fi dadansaallee baaseetti, bokkaallee nama qajeelaa fi nama qajeelaa hinta'iniillee rooba.
46
Yo nama isan jaalatu callaa jaalattan gatii maal Waaqaa irraa argattan? Warrii qaraaxa guuruulleen akkasuma tolchaanittii?
47
Yo obbooleeyyan teessan callaa nagaa fuutan, nama dhibii maan irra jirtan? Warrii Waaqaa hinbeenneelleen akkasuma tolchani!
48
Isan akkuma abbaan keessan ka gubbaa jiru qixxee, qixxee ta'uu maltan” jedhe.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28