bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 6
Matthew 6
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 7 →
1
Yesus, “Nama ufi garsiisuufi jettani akka hujii teessan dansaa namii argu fuula namaa duratti hintolchine ufi Eegadhaa! Yo akkas tolchitan Abbaa keessan ka gubbaa jiru galata irraa hinargattan.
2
Tanaaf yo hiyyeessa qarqaartu, magalata ufi duratti hindha'an, akka namii kijibaan akka namii silaa warra guddisuuf, manneen waldeenaatiif karaa keessaalleetti tolchu. Anin dhuguma isanitti himaa warrii sun gatii ufii ya argate.
3
Ammoo yo hiyyeessa qarqaartan harkii bitaachii waan harkii mirgichii tolchu hinbeekin!
4
Akka qarqaarsii kee waan dhossaa ta'uu, duuba Abbaan kee ka waan atin dhossaan tolchitu argu galata sii baasaa” jedhe.
5
Yesus ammallee dubbatee, “Yo Waaqaa kadhattan, akka nama kijibuu hinta'inaa! Wantii akkanaatiif warrii akka namii warra argu manneen waldeennaa keessaaf dhaattuu karaa ejaajjee kadhachuu fedha. Dhugumaa, waan anin isaniin jedhuu, warrii sun gatii ufii ya argate.
6
Atin ammoo yo Waaqaa kadhattu mana kee keessa seennii, balbala cufadhuu Abbaa kee ka dhosaa jiru kadhaadhu! Abbaan kee ka waan atin dhossaan tolchitu arguu galata sii baasaa.
7
Kadhachaa keessatti akka warra Waaqaa hinbeennee hinta'inaa, dubbii homaa hinbaane hindheeresinaa; warrii waan marroo dubbii hedduutiif kadhachaa dhaga'aniif se'a.
8
Akka warraa hinta'inaa! Abbaan keessan adoo isan homaa jechuu baataniillee waan isan feetan cufaa inbeeka.
9
Duuba yo kadhattan, ‘Abbaa keenna ka Waaqaa gubbaa jirtu; maqaa kankee qulqulloo ha guddisanii;
10
Mootummaan tantee ha dhuftuu; fedhii tantee lafatti ha guutanii akkuma Waaqaa gubbaalleetti guutan.
11
Soora teenna ta ardhaa nuu kenni.
12
Cubbuu teenna nuu araaraam, akkuma nulleen nama nutti cubbamee araaraamne.
13
Ilaallachaa nuttiin hindhufini, waan hamtuu nurraa dhowwi; Ameen’ ” Jedhaa kadhadhaa.
14
“Yo isan wallaala namaa araaramtan, Abbaan keessan ka Waaqaa gubbaalleen isanii araaramaa.
15
Ammoo yo isan wallaala namaa hinarraaramne, Abbaan keessaniilleen wallaala isanii hinarraaramu” jedhe.
16
Yesus, “Yo Waaqaa kadhachaaf agabdan, akka warra kijibaa fuula hin yakkatinaa! Warrii akka namii agabuu warraa arguuf fuula yakkata. Dhugumaa, waan anin isaniin jedhuu warrii sun gatii ufii ya argate.
17
Atin ammoo yo agabdu fuula dhiqadhuu, mataa filadhu,
18
akka namii agabuu tantee hingarre; akka Waaqii dhossaa jiru callaan si argu! Abbaan kankee ka waan dhossaallee argu galata sii baasaa” jedhe.
19
Yesus ammoo, “Horii keessan lafa hinkeeyyatinaa, fulaa dholdholee fi dandiin hin nyaaneef, yokaan fulaa hattuun cabsitee hin hanneef Waaqaa bira ol keeyyadhaa!
21
Fulaa horiin keessan jiru garaan keessaniilleen jira” jedhe.
22
Yesus, “Iltii ibsee nafaatii; yo iltii tantee dansaa taate, naaf kankee cuftii ibsee qaba.
23
Ammoo yo iltii tantee dansaa hinta'in, naaf kee cuftii indukkanaa. Tanaaf yo ibseen si keessa jirtu dukkanoofte dukkantii in guddaatti” jedhe.
24
Yesus ammallee, “Namii tokkoolleen danda'ee abbootii lama hinhojjatu, wantii akkanaatiif, heger tokko jibbeetti kaan jaalata, yokaan tokkoon waldhaqeetti kaaniin waldhaba, Waaqaa fi horii hojjachuu indandeettan;
25
Tanaaf anin isanitti himaa jireenna yokaan nyaataa dhugaatiin, yokaan waan nafatti uyyifattan hindhindhisinaa. Jireennii liqimsaa irra hinjiru? Yokaan naafii wayaa irra hinjiru?
26
Simphirree laalaa; midhaan hinfacaaftu, hinmurtu, yokaan kodhootti hingalchitu; ammoo Abbaa keessan ka gubbaa jirutti isiillee soora, isan simphirree irra hinjirtanii?
27
Isan keessaa eennuutti adoo dhindhiseellee, danda'ee ganna jireenna isaa irratti haga gabaabaa yokaan dheera ufii irratti dhundhuma tokko darachuu dandaa?
28
Maaf waan uyyifattan dhindhistan? Me akka daraaraan diidaa ba'u herregaa; innii hinhojjatu yokaan wayaa hindhatu,
29
ammoo waan anin isaniin jedhu, Solomoonniilleen guddinna ufii keessatti wayaa akka daraaraa midhaaddu hinuyyifanne.
30
Waaqii yo buuyyoo ardha jirtu ta bor ibiddatti gatan akkana uyyise, innii hagas irra isanii hinuyyisuu? Dhugeeffachan teessan akkam waan diqqoo!
31
Tanaaf dhindhistanii, ‘Maan nyaanna? Maan dhunna? Yokaan Maan uyyifanna?’ jettanii hin yaada'inaa!
32
Warrii Waaqaa hinbeenne waan kana cufa barbaada! Abbaan keessan ka gubbaa jiru akka isan waan kana cufa feetan inbeeka.
33
Ammoo qaraa fiixee qajeeluma moottumma Waaqaa barbaadaa, duuba waan isanii barbaachisaa cufaa isanii kennanii.
34
Tanaaf waan bor hindhindhinsinaa, waan bor, haborummaan ufi dhindhistuutii; guyyaan cuftii gaargala ufii qaba” jedhe.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28