bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 7
Matthew 7
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 8 →
1
Yesus, “Namatti hinmurinaa akka isaniilleetti hinmure;
2
Muritii isan namatti murtaniin isaniilleetti muran! Ammallee kiila isan safartaniin isaniillee safaran.
3
Atin maaf filliida ila obbooleessa keetii keessa jiru laalta ka ufiiftuu jirma ila tantee keessa jiru hinargine?
4
Yokaan akkam dandeettee obbooleessa keetiin, ‘Filliida ila keessaa sii fuudha’ jetta, ka ila teetuu keessa jirmii jiru?
5
Kijibaa! Akka ila obbooleessaa keetii keessaa filliida fuutuu qaraa fiixee jirma ila tantee keessaa fudhadhu, achiin duuba akka dansaa lafa argitaa” jedhe.
6
“Gargaltee akka isanuma hin nyaanneWaan qulqulloo saree hinkennina. Ammallee dooqa booyyee dura hinbuusinaa, akka isiin miilaan irra hinejaajjanne” jedhe.
7
Yesus, “Kadhadhaa, isanii kennaanii; barbaadaa inargattanii; balbala dhadhaa'aa, isan duraa banaanii.
8
Namii kadhatuu inargata, namii barbaadu inarga, ammallee nama balbala dhadha'uu inbananiif.
9
Eentu yo ilmii isaa qixxaa kadhate dhakaa kennaaf?
10
Yokaan yo innii qurxummii kadhate bofa kennaaf?
11
Yo isanuu ka hammeenna qabdan waan dansaa ilmaan teessanii kennuu beettanii, Abbaan keessan warra isa kadhatuu hagas irra waan dansaa kenna!
12
Akkuma akka namii waan dansaa isanii tolchu feetan, ufiillee akkasuma waan dansaa namaa tolchaa; tunin dubbii seeraatiif fi ta raagaatii” jedhe.
13
Yesus ammallee, “Balbala dhiphoon olseenaa! Balbala balloo fi karaan laafaan gara badii nama geessaa, namii achi deemuulleen hedduu.
14
Balbala dhiphoo fi karaan jabaan jireennaatti nama geessa, namii argatuulleen diqqaa” jedhe.
15
Yesus, “Raagota dharaa eegadhaa, ta hoolaa fakkaachuuf gogaa hoolaa uyyifattee gara keessan dhuftu, keessii isanii ammoo akka ya'ii beellooftee jira.
16
Midhaan warraatiin warra beettan. Midhaan Wayinii qoraattii irraa inguuranii? Yokaan dheekkaa irraa mogorree inguuranii?
17
Mukii dansaan midhaan dansaa baasa, mukii hamaan ammoo midhaan hamoo baasa.
18
Mukii dansaan midhaan hamoo danda'ee hinbaasu; mukii hamaalleen midhaan dansaa danda'ee hinbaasu.
19
Mukaa midhaan dansaa hinbaamne cufa muranitti ibidda keessa buusan.
20
Tanaaf midhaan warraatiin warra beettan” jedhe.
21
Yesus ammallee dubbatee, “Nama fedhii Abbaa kiyyaa ka Waaqaa gubbaa jiruu guutu malee, namii ‘Aabboo, Aabboo’ naan jedhu cuftii Mootummaa Waaqaa hinargatu.
22
Guyyaa sun namii hedduun, ‘Aabboo, Aabboo, nu maqaa keetiin wa himnee, maqaa keetiin jinnii baamnee, maqaa keetiin waan mamaa hedduu tolchineeni?’ jedha.
23
Anin ammoo diidesseetti, anin fuula isan hinbeekuu na biraa fagaadhaa! Isan warra waan hamtuu hojjatuu jedheenii, warratti hima” jedhe.
24
Yesus, “Duuba namii dubbii tiyya tana dhaga'ee guutu nama qalbii qabu ka dhakaa gubbatti mana jaarratte fakkaata.
25
Bokkeennii roobee, lolaan guddaan dhufee, bubbeen bubbiftee mana sun dhooftee, waan yayyabii isaa dhakaa gubbaa ta'eef manii ammoo jiguu dide.
26
Namii dubbii tiyya tana dhaga'ee hinguunne, nama daallee mana isaa maansaa irratti jaarratte fakkaata.
27
Bokkeennii roobee, lolaan guddaan dhufee, bubbeen bubbiftee mana kaan dhooftee, manii jige. Jigisii mana sunii waan guddaa!” jedhe.
28
Yesus dubbii tana barsiimnaan, namii cuftii guddoo waan barsiisa isaa mamee,
29
“Innii akka jara seera beekuu nama hinbarsiimnee, ammoo akka nama jabeenna qabuu barsiise” jedhan.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28