bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 8
Matthew 8
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 9 →
1
Yesus gaara irraa gad buunaan, gumiin guddoon isa gula yaate.
2
Namichii qomaaxaa qabu tokko isatti dhufee, duratti jilbiiffatee, “Aabboo, atin yo feete na fayyisuu indandeetta” jedheen.
3
Yesus harka diriirfatee, isa tuqee, “Infedhaa fayyi!” jedhee, innii yoma tokkoon dhukkuba sun fayye.
4
Jennaan Yesus, “Caqasi! Waan tokkoollee namaan hinjedhinii, ammoo dhaqii, qaallicha ufi garsiisii, sooriyoo Museen mure baas, akka namii cuftii akka atin fayyite argu” jedheen.
5
Yesus Qifirnaahom seennaan, shuumichii gosa Roomaa tokko gara isaa dhufee, qarqaarsa kadhate,
6
“Aabboo, hojjataan kiyya tokko fayyaanitii mana keessa ciisee gaargaluutti jiraa, chocho'uullee hindanda'u” jedhe.
7
Yesus, “Anin dhufeetti isa fayyisa” jedheen.
8
Shuumichii kaan, “Atin mana kiyya seenuu hinmallee ammoo afaanumaan jedhi, hojjataan kiyya infayyaa.
9
Anin nama jala hojjadha, warra waraanaatti na jala jira, yo anin nama tokkoon ‘Deem’ jedhuu, indeema; yo kadhibiin ‘Kootti’ jedhu indhufa. Ammallee hojjataa kiyyaan, yo anin ‘Waan kana tolchi’ jedhuu, intolcha” jedhe.
10
Yesus waan kana dhageennaan mamee, warra isa gula yaa'uun, “Dhugumaa, waan anin isaniin jedhuu, dhugeeffachaa akkanaa tana Israa'el keessaalleetti anin takka hingarre.
11
Mee laalaa, namii hedduun mirgaa bitaa dhufee Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob waliin Mootummaa Waaqaa keessa tata'an.
12
Nama ammoo mootummaa sunitti dhalatee dukkana alaa keessa buusan; achitti namii boo'ee ilkaan qara” jedhe.
13
Yesus shuumichaan, “Been! Wantii atin dhugeeffatte sun sii ta'inaa!” jedhee, jennaan hojjataan yoma sun fayye.
14
Yesus mana Phexros seennaan, jaartii soddaa isaa ta qandhoo qabdu arge.
15
Innii harka isii tuqee, jennaan qandhoon isii lakkiftee, isiin kaatee warra gololchite.
16
Galgala sun nama hedduu jinnii qabu Yesusittiin dhufanii jennaan innii jecha tokkoon jinnii baasee, nama dhukkuba qabullee cufa fayyise.
17
Wantii kunin akka himanii raagii Isaayas, “Innii dhukkuba keenna fudhatee, fayyadhaba keennaallee baate” jedhe guutamu garsiifti.
18
Yesus gumii isa marsitu arginaan akka jari isaa gama galaanaa kaanitti taakku ajaje.
19
Namichii seera beeku tokko gara isaa dhufee, “Aabboo, anin fulaa atin deemtu cufaa si gula deema” jedheen.
20
Yesus ammoo, “Geedaltii boolla qabdii, simphirreelleen mana qabdii, ilmii namaa ammoo fulaa mataa ufii keeyyatuu hinqabu” jedheen.
21
Jara isaa keessaa namii tokko, “Aabboo, eegii qara dhaqee aabboo awwaalaa!” jedhe.
22
Yesus ammoo, “Du'aan ha du'aa awwaaluutii, ati na gula kootti” jedhen.
23
Yesus hoboloo seennaan, jarii isaa isa gula yaa'e.
24
Bubbeen guddoon galaana dhooftee, dhawwaan hoboloo roraafte, Yesus ammoo rafuu jira.
25
Warrii dhaqee isa dammassee, “Aabboo, nu baas! Nu baduutti jirraa” jedhe.
26
Jennaan Yesus warraan, “Maaf akkana sodaattan? Dhugeeffachaan teessan waan diqqoo” jedheen. Jennaan Yesus ka'ee, bubbee fi galaana callisiisee, wantii cuftii qabbanoofte.
27
Biyyitii maadeffattee, “Kunin nama akkam, ka qilleensaa fi galaaniilleen sarmuuf?” jette.
28
Innii gama galaanaa, gara lafa “Gadaraa” jedhanii taakkinaan, namii lama ka jinnii qabu awwaala keessaa yaa'e isaan ba'e. Jarii guddoo bineensa'ee, namii tokkoolleen karaa sun gula yaa'uu dadhabe.
29
Warrii iyyee, “Atin maan nurraa qabda, Ee ilma Waaqaa? Adoo guyyaan hinga'in nu gaargalchuu dhuftee?” jedhe.
30
Mana booyyeetti diqqoo warra irraa fagoo dheeduutti jira.
31
Jennaan jinniin, “Yo ka nu baaftu taatee, gara booyyee sunii nu ergi” jetteen.
32
Yesus, “Beenaa yaa'aa!” jennaaniin warra keessaa yaatee booyyee taan duudde. Duuba booyyeen oriitee, bisaan keessa duuddee, bisaan liqimsan.
33
Tissituun baqaattee, dira dhaxxee waan warrii jinnii qabu ta'e cufaa haasofte.
34
Duuba dirii cuftii haguma ga'uunuu Yesus arguu dhufe; arginaan akka innii lafa warraa keessaa deemu kadhatan.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28