bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Matthew 9
Matthew 9
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 10 →
1
Yesus hoboloo keessa seenee galaana taakkee, dira lafa ufii dhaqe.
2
Jennaan jarii tokko namicha naafa tokko siree irra ciibsisee isattiin dhufe. Yesus dhugeeffachaa warraa arginaan namicha naafa kaaniin, “Garaa jabaadhu, gurbaa kiyya; cubbuu tantee ya sii araaramanii” jedheen.
3
Jennaan jarii seera beeku tokko, “Namii kunin Waaqaa arrabsa!” waliin jedhe.
4
Yesus herrega warraa beennaan, “Maaf garaa keessan keessatti hammeenna akkanaa kana herreddan
5
Cubbuu tantee ya sii araaraman jechuu fi ka'ii deem jechuu tamiitti irra laaftuu?
6
Ammoo akka ilmii namaa lafa irratti jabeenna cubbuu namaa araaramuun qabu hubadhaa!” jedheen. Jennaan innii namicha naafa kaaniin, “Ka'ii, siree tantee fudhadhuu, warra keetti gali!” jedhe.
7
Duuba innii ka'ee warratti gale.
8
Biyyitii waan kana arginaan sodaattee, Waaqaa ka jabeenna akkanaa kana namaa kenne guddifte.
9
Yesus achii deemnaan, nama tokko ka Maatewos jedhan, ka fulaa mana qaraxaa taa'uu argee, “Na gula kootti!” jedheen. Jennaan Maatewos ka'ee, isa gula deeme.
10
Innii sagalee nyaataa teennaan, jarii qaraxa guuruu fi warrii cubboolleen hedduun isaa fi jara isa waliin tataa'e.
11
Duuba fariisotii waan kana arginaan jara isaatiin, “Barsiisan keessan maaf nama qaraxa guuruu fi nama cubbicha waliin sagalee nyaata?” jette.
12
Yesus dubbii taan dhageennaan, “Namii fayyaa qabu cireessa hinbarbaadu, nama fayyadhabe callaatti barbaada.
13
Beenaa, waan jecha kanaa hubadhaa, anin naasuu fedhaa, sooriyoo hinfedhu. Anin cubbicha malee, nama qajeelaa yaamuu hindhumne” jedheen.
14
Jennaan jarii Yoh. aannis gara Yesus dhufee, “Nuu fi Fariisotii maaf Waaqaa jennee ufi agabsina, ka jarii kankee ufi hinagabsine?” jedhe.
15
Yesus warraan, “Keessumaan fuudhaa haga abbaan fuudhaa warra waliin jiru laaleffachuu dandeettii? Guyyaan abbaa fuudhaa warra biraa fuudhan indhufa, duuba yo sun warrii ufi agabsa” jedheen.
16
“Namii wayaa haareettii kootii dullatiitti erbu hinjiru; erbaan sun wayaa dullattii taan intarsaaftii, tarsaalleen haga qaraa irra guddaatti.
17
Daadhii oowituu gorjoo dullattiitti hinnaqan. Yo akkas tolchan, gorjoon tarsaateetti, daadhiiilleen jiddee gorjoon baddi. Yo daadhiii oowituu gorjoo haareettitti naqan, duuba lachuu guyyaa hedduu teetti” jedheen.
18
Adoo Yesus waan kana dubbatuu, motichii tokko dhufee, duratti jilbiifatee, “Intaltii tiyya ammumaan tana doote; ammoo koottii, harka kankee isii irra kaa'i, isiin injiraattii” jedheen.
19
Jennaan Yesus ka'ee, jara ufii waliin isa gula deeme.
20
Niitiin, ganna kudhanii lamaa cufa dhiigii keessaa yaa'ee cituu didee rakkise takka isa dudda duubaan dhuftee, handaara wayaa isaa tuxxe.
21
Isiin garaa ufii keessatti, “Anin yo wayaa isaa callaa tuqeellee infayya” jette.
22
Yesus ufirra garagalee, isii arginaan, “Intala garaa jabaadhu, dhugeeffachaan tantee la si fayyiftee” jedheen; isiin yoma sun fayyite.
23
Yesus mana motichaa kaan seennaan jara mi'a sirbaa ka yo lubbuun namatti galtu dha'an dha'uu fi biyya boo'uu jirtu arginaan,
24
“Alaatti ba'aa, intaltii hindoonee rafuu jirtii” jedhe. Jennaan, warrii isa koblee,
25
ammoo, eegii biyyitii alaatti baate, innii olseenee harka intala olfuunaan, intaltii kaate.
26
Oduun tunin lafa sun keessa fulaa cufaa geette.
27
Yesus achii deemnaan jarii ballaan lama isa gula yaa'ee, “Ilma Daawiti, nuu naa'i!” jedheen.
28
Innii mana olseennaan jarii ballaan kaan gara isaa dhufee, Yesus warraan, “Akka anin waan kana tolchuu danda'uu indhugeeffatanii?” jedheen. Jarii, “Ee'ee Aabboo indhugeeffana” jedhe.
29
Jennaan Yesus ila warraa tuqee, “Akka dhugeeffachaa teessan ha isanii taatuu!” jedhe.
30
Duuba iltii warraa banamte, Yesus ammoo, “Nama tokkoolleetti hinhimnaa” jedhe, warratti seere.
31
Warrii ammoo yaa'ee, lafa sun cufa keessatti waan isaa hime.
32
Adoo warrii yaa'uu nama jinnii duuda qabu Yesustiin dhufan.
33
Innii jinnii keessaa baase jennaan namichii duudaan kaan dubbate. Biyyitii maadeffattee, “Waan akkanaa kana takka Israa'el keessatti hingarre” jette.
34
Fariisotii ammoo, “Innii jabeenna guddaa jinnitiin jinnii baasa” jette.
35
Duuba Yesus achii deemee dira, ollootaa fi manneen Waldeennaa keessatti oduu dansaa mootummaa Waaqaa, haasaa'ee dhukkubaa fi fayyadhaba cufa fayyise.
36
Gumii arginaan, marroo isiin qarqaarsa dhabdee dadhabdee hooliyyee tissituu hinqamnee fakkaateef na'eef.
37
Jennaan Yesus jara isaatiin, “Midhaan muran guddoo, namii midhaan muru ammoo diqaa.
38
Tanaaf akka innii nama midhaan muru oobruutti ergu abbaa midhaan sunii kadhadhaa!” jedhe.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28