bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Philippians 2
Philippians 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 3 →
1
Jireenni keessan ka Kiristoo keessaa isan jabeessa moo? Jaalaltii isaa garaa keessan jabeessitii? Hafuura Qulqulloon waldhaqiisa qabduu? Walii naatuu?
2
Herrega tokkoon, jaalala tokkoon, hafuura tokkoo fi qalbii tokkoon na gammachiisaa.
3
Waan tokkollee ufi jaalalaa fi yokaan ufi guddisuun hin tolchinaa, waan nama dhibii irra jirtan ufi hin sehinaa walduratti ufi diqqeessaa.
4
Waan fedhii teessanii callaa hin barbaadinaa, waan fedhii nama dhibiillee barbaadaa.
5
Herregi keessan ka Kiristo Yesus qabu ha ta'uu:
6
Innii haguma jiruu jireennaa Waaqa, ammoo akka irreen haga Waaqaatiin ufi ga'uu hin herrenne.
7
Ammoo fedhii ufiitiin waan cufaa lakkisee tissee ufi tolche. Akka namaa ufi tolchee, fakkeenna namaatiin mullate;
8
ufi diqqeessee du'a fannoo gubbaatti du'ellee ee'ee jedhee fudhate.
9
Mar. roo waan kanaatiif Waaqii fulaa fulaa cufa irra guddoo, ta gubbaa isa geessee, maqaa maqaa cufa irra jiru isaa kenne.
10
Akka marroo ulfinna maqaa Yesusiitiif, waan gubbaa jiraatii, ka lafa jiraatii fi ka lafa jala jiraa cuftii jilbiiffattee,
11
namii cuftii maqaa Waaqaa Abbaa guddise diidessee, Yesus Kiristoosiin Aabboo jedhuu,
12
Tanaaf obboleeyyaan tiyya, akkuma gaafa durii anin isan waliin jiru na caqaftanii, ammallee adoo ani isan waliin jiraachuu baadheellee hagasillee irraa na caqasaa. Akka baafamii keesan qixaa'uu, sodaa fi hollachaan hojjadhaa.
13
Wanti akkanaatiif Waaqii yo cufaa akka isan fedhii isaa guuttanii fi akka isan feesisee dandeesisuu jidduu teesaniitti hojjachuu jira.
14
Akka ijoollee Waaqaa dadansaa, wallaalaa fi cubbuu hin qamnee, ammoo ta dhaloota hamaa fi ka dabaa keessa teteetuu,
15
waan cufaa dubbii fi gungumsuu malee tolchaa, akka urjiin gubbaa ibsitu jidduu warraatti ibsaa.
16
Akka gaargala kiyyaa fi hujiin tiyya bilaasha hin taanee, dubbii jireennaa jabeessaa itti himaa; yo isan akkas tolchitanii, anin guyyaa dhufiisa Kiristoos, waan keessan dansaa ka dubbadhu qaba.
17
Yo dhiga kiyyaallee akkasuma aadaan teessan marroo dhugeeffachaatiif sooriyo Waaqaa baaftuu baasanii, anilleen gammadeettii isanii cufa waliin qiliixama.
18
Akkasuma isanilleen gammaddanii, na waliin qiliixamtani.
19
Anin akka Ximotewos isanii erguu Yesus irra abdii keeyyadha, akka annilleen yo oduu teessan dhagaye gammadu.
20
Isa callaatti waan anin herregu herregee waan keessan qorqorata.
21
Namii kaan cuftii waan ufii callaa herrega, namii waan Yesus Kiristoo herregu hin jiruu.
22
Isan akka Ximotewos guddoo wa tolchee inbeettan, ammallee akka naa fi innii marroo oduu dansaatiif akka abbaa fi ilmaa taanee waliin hojjannee inbeettan.
23
Akkuma waan keessa jiru hubadheen, akka dhiyottuu isa gara keessan erguu yaa herrege,
24
yo Aabboon jedhe, anuu dhiyottuu gara keessan dhufa ufi sehaa.
25
Ani Ephafrodixos, obboleessa keenna kaa waa'ela naa tahee na waliin hojjate, ka isaniilleen akka innii na qarqaaru ergattan, sunii deebisee gara keessani erguu male.
26
Waan isan isaa fayya hin tahin dhageetanii jennaan, guddoo naataniifii innii guddoo laaleefatee isanii cufa arguu fedha.
27
Dhugumaa inniilleen fayyaa dhabee diqumaa hin du'in, Waaqii ammoo guddoo isaa nahe; isa callaanitii nallee akka ani hagas irra hin laaleffanne naa nahe.
28
Tanaaf anin akka isan yo isa argitan gammadanii naasuun tiyyaalleen badduu isa guddoo gara keessan erguu fedha.
29
Maqaa Aabbootiin gammachuun guddoon isa dhi'eessaa, nama akkanaa kana cufaa ulfeessaa!
30
Wanti akkanaatiif innii akka qarqaarsa isan naa keennu hindandeene naa keennuu, marroo hujjii kiristootiif lubbuu ufii baasee diqqumaa hin du'in.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4