bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 2
Romans 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
1
Jaala kiyya, atin wallaala namaatti murtaa? Abbaa feete taanaaniillee, yo wallaal namaatti murtee, ammoo waan warrii tolchu tolchitee, araaramaa hinargatu; atin wallaala namaatti murteen ufiitti inmurta.
2
Nu akka Waaqii yo warra waan akkanaa kana tolchu wallaala itti muru, innii dhugaa qabu inbeenna.
3
Jaala kiyya! Ati yo warra wallaala tolchuutti murtee, ufii ammoo deebitee wallaaluma sun tolchituu, waan muraa Waaqaa jalaa baatu ufi seetaa?
4
Hegerii arjooma, naasuufi obsa isaa tuffattaa? Arjooma Waaqaa akka innii daba irraa si deebisuu fedhu hinbeettuu?
5
Ammoo garaan kankee jabaa hamaa. Tanaaf atin murtii tantee, ta gaafa dallansuu fi murtiin Waaqaa ta dhugaa mullattuullee, itti darachuu jirta.
6
Waaqii nama cufaa hujii innii hojjate gula gatii kennaaf.
7
Namii garii waan dansaa tolcheetti, guddinna, ulfinnaa fi jireenna hindhumanne barbaadata; nama akkanaa kana Waaqii jireenna bara baraa kennaaf.
8
Namii garii ammoo ufoo, waan qajeelaa dideetti waan hamtuu gula yaa; warra akkanaa kana Waaqii dallanuu fi dheekkama garsiisa.
9
Warra hameenna tolchu cufaa gaargalaa fi dhukkubsachaatti eegata, wantii kun qaraa fiixee Yihudii eegii sun ammoo gosa dhibiitti dhufti.
10
Waaqii ammoo warra dhugaa tolchuu, guddinna, ulfinnaa fi nagayaa kenna, qara Yihudii, keennee eegii sun ammoo gosa dhibiillee keenna.
11
Wantii akkanaatiif Waaqii nama wal hin caalchisu.
12
Namii Yihuudii hinta'in ka seera hinqamne cuftii, seera malee daba tolchee bada. Nama adoo seera qabuu daba tolchuu cufaa, seeraan itti muran.
13
Mar. roo seera dhaga'aniif Waaqaa duraatti dhugaa hin argatanii; ammoo marroo waan seerii fedhu tolchaniif dhugaa argatan.
14
Gochitii dhibiin seera hinqabdu; ammoo yo fedhi ufitiin waan seerii fedhu tolchituu, adoo seera qabaachuu dhibaateellee warrumaatti seera ufii ta'a.
15
Adabii warraa akka waan seerii fedhu garaa warraa keessaatti barreessan garsiisa. Qalbiin warraa akka wantii kunin dhugaa garsiifti, waan yo garii herregii warraa warra himatee yo garii warraa dubbatuuf.
16
Akka oduu dansaa anin himu gula, wantii kunin guyyaa Waaqii, Yesus Kiristoon, waan garaa namaa keessaa jiru muru taati.
17
Atin ammoo “Ani Yihudii” ufiin jetteetti, seera dhaabbattee, “Waaqaa beeka” jettee ufi guddifta;
18
waan Waaqii sirraa fedhu inbeetta, ammallee akka qajeeluma foohatan, ya seera irraa baratte;
19
atin akka nama ballaan deemtee, nama dukkana keessa jiruu ibsee taatu, ufi beeta.
20
Ammallee akka gowwoota qajeelchitee nama wa hinbeenneellee barsiiftu inbeetta. Ammallee akka seera keessa hubachaa fi dhugaan jirtu inbeetta.
21
Atin ka nama barsiiftu maaf ufi hinbarsiimne? Atin ka “Hin hatinaa!” jettee nama barsiiftu ufiifuu in hattaanii?
22
Ati ka “Dhiiraa fi nadheen walbaratee gaarayyuu walhintolfatin!” jettuu ufiifuu intolchitaanii? Atin ka waaqoota dharaa ka harkaan bocan jibbituu, Manneen Waaqaa keessaa wa hattaa?
23
Atin ka “Seera Waaqaa qaba” jettee ufi guddiftuu, seera isaa cabsiteetti Waaqaa ceersitaanii?
24
Wantii akkanaatiif barreessanii “Mar. roo isan Yihudiitiif gochitii dhibiin maqaa Waaqaa arabsiti” jetti.
25
Yo seera guute dhaqaanqabaan tantee wa sii baati; ammoo yo seera cabsitee dhaqaanqabaa qabachuun kee akka waan hinqabatiniitti herregamti.
26
Yo gochitii dhibiin ta takka dhaqaanqabaa hinqabatin seera Waaqaa guutee, Waaqii akka nama dhaqaanqabaa qabatee warra hinherreguu?
27
Duuba gochitii dhibiin ta adoo dhabaanqabaa hinqabatinuu waan seerii jedhu guutuu, isanii Yihudii murti, isan adoo seera barreefatanii, dhaqaanqabaa qabataniillee seera cabsitan.
28
Laali Yihudiin dhugaa ta dhaqaanqabaa qabatee eennu; nama dhaqaanqabaa qabatee alaan Yihudii fakkaatunitii;
29
ammoo Yihudiin dhugaa nama garaan isaa dhugumaan Yihudii ta'u, ka garaan isaa dhaqaanqabaa qabate, wantii kunin hujii hafuura Waaqati, hujii seera beerreesaniittiin. Namii akkanaa kunin Waaqaa irraa ulfinna argata malee nama irraa hinargatu.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16