bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 3
Romans 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
1
Yihudiin gosa dhibii irra jirti ree? Yokaan dhaqaanqabaan homaa namaa baatii?
2
Karaa cufaan guddoo wa baati! Qaraa fiixee Waaqii dhaamsa ufii Yihudiiti dhaamate.
3
Yo warrii garii hindhugeeffanne hoo? Dhugeeffachaa dhabuun isaan dhueeffatamuu Waaqaa hanqisaa ree?
4
Hiyyoo, akkasiiniti! Yo namii cuftii dhara dubbateellee, Waaqii kama dhugaati. Akkuma barreessin, “Yo dubbattu akka ati dhugaa dubbattu arguu malan, yo si qoraan dhugaa argachuu malte” jettu.
5
Yo dhartii nu tolchine dhugaa Waaqaa agarsiifte hoo, Maan jenna? Yo Waaqii nu gaargalchu innii nu hinqajeelchine jennaa? (Tana akka yaada namaa dubbachuutti jira.)
6
Hiyyoo akkasiiniti. Waaqii yo waan dhugaa hintolchinee, akkamiin lafatti mura?
7
Ammoo yo dhartii tiyya dhugaa Waaqaa guddiftee isi mulliftee, maaf nama dabaa naan jedhan ree?
8
Yo akkasii, maaf “Koottaa, akka dhugaan mullattu hammeenna tolchinaa hinjenne” ree? Namii garii ya waan kana jedhee dubbii dharatiin na himate! Warra akkasii wallaali itti muran qajeela.
9
Yoos, nuun warra Yihudii gosa dhibii irra goomnaa? Hiyyoo, akkasiiniti! Anin ya qara akka Yihudii fi gochitii dhibiilleen jabeenna dabaa jala jirtu agarsiise.
10
Barreessin: “Namii dhugaa qabu tokkolleen hinjiru,
11
namii hubachaa qabu hinjiru, namii Waaqaa barbaadu hinjiru.
12
Namii cuftii ya karaa irraa gore, cuftii ya wallaale. Namii waan dansaa tolchu hinjiru, tokkolleen hinjiru.
13
Lubbuun warraa akka awwaala qotanii jirti. Dhartii arraba warraa irraa baati, dubbiin hamtuun, ta akka hadhaa bofaa jirtu, afaan warraa keessaa baati.
14
Afaan warraa ya dubbii hamtuun guutaman.
15
Akka nama madeessan ijeesan kurfoo jiran.
16
fulaa warrii ba'e cufaa badii fi gaargalatti jira.
17
Karaa nagayaa inbeekan,
18
yokaan Waaqaa sodaachuu hinbaranne.”
19
Akka wantii seerii jedhu cuftii waan warra seera jala jiruun jedhanii, akka maltee nama cufaa dhowwanii lafa cufaa murtii Waaqaa duraan dhufan nu inbeenna.
20
Namii tokkolleen marroo waan seerii fedhu tolchuuf qajeelaa hin ta'u; seerii akka namii daba tolchu callaa nama garsiisa.
21
Amma ammoo dhugaan Waaqaa ya mullatte, seera irraa homaa hinqabdu. Seeraa fi raagootii karaa kana ya dhugeessan:
22
Waaqii marroo Yesus Kiristoo dhugeeffataniif nama cufaa dhugaa herregaaf. Waaqii nama Kiristootti dhugeeffate cufaa waan kana intolcha waldabraan hinjirtu:
23
namii cuuftii ya daba tolchee guddinna Waaqaa hanqate.
24
Ammoo marroo tola eebba Waaqaatiif, karaa Kiristoo Yesus ka nama cufaa baasuun, ya dhugaa herreganiif.
25
Waaqii ya isa sooriyyoo namaa tolche, akka marroo dhiiga isaatii fi daba namaa arraaraman. Araarama kana yo dhugeeffatan argatan. Wantii Waaqii Kiristoo sooriyyoo tolcheef, akka dhugaa ufii agarsiisu. Durii Waaqii obsee wallaala bira namaa dabre;
26
amma ammoo innii dhugaa ufii garsiisa. Karaa kanaan Waaqii akka qajeelaa ta'e ufi garsiisee ammallee nama Yesus dhugeeffatu cufaa qajeelooma herregaaf.
27
Wantii nu ufi guddimnuuf maan ree? Hinjirtu! Maaf akkana? Waan namii seera gula deemuufii? Hiyyoo, ammoo waan innii dhugeeffatuuf.
28
Nu akka namii dhugeeffachaa callaan Waaqaa duraatti qajeelaa ta'u la gare, seera guutitiin homaa keessa hinjirtu.
29
Waaqii ka Yihudii callaa? Gosa Yihudii hin ta'inii Waaqaa hinta'uu? Innii Waaqaa gosa cufaati.
30
Waaqii tokko callaa; innii marroo dhugeeffachaa warraatiif warra dhaqaanqabaa qabate dhugaa herregaaf, akkuma sun warra dhaqaanqabaa hinqabatiniillee marroo dhugeeffachaa warraatiif dhugaa herregaaf.
31
Nu dhugeeffachaan seera balleessinaa ree? Hiyyoo, hinballeessinuu! Seera injabeessinaa male.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16