bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 4
Romans 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 5 →
1
Waan abaaboo keenna Abrahaam ka nu dhalee maan jenna ree?
2
Innii yo silaa waan tolcheef qajeelooma (dhugaa) Waaqaa irraa argatee waan ufi guddisuuf inqaba. Ammoo Waaqaa duraatti ufi guddisuu hindanda'u.
3
Barreessin, “Abrahaam Waaqaa dhugeeffatee, marroo dhugeeffachaa isaatiif Waaqii ‘Nama dhugaa’ isaan jedhe” jette.
4
Namii hujii hojjatu horii argata; horiin sun akka galataatti hin herregamuu, ammoo waan hojjate argate.
5
Namii akka seerraa gula hin hojjanne ammoo yo akka Waaqaa irraa fagaate beekee, Waaqaa qajeelaa nama tolchuutti dhugeeffatee, dhugeeffachaan isaa qajeelummaatti in herregamtiif.
6
Namii adoo waan seerii ajajuu hin hojjatin Waaqii qajeelummaa herreguuf, gammachuu akka qabuu Daawit la dubbatee:
7
“Warrii cubbuu isaanii araaramaniifii wallaala isaanii biraa deemaniif ka eebbifame;
8
warrii Waaqii cubbuu isaan itti hin herrenne ka eebbifame” jedhe.
9
Gammadii Daawiti dubbate kunin ka warra dhaqanqaabaa qabate caalaa? Hiyyoo ka warra dhaqaanqabaa hinqabatiniillee. Wantii akkanatiif nu ya waan barreessin jettu himnee, “Abrahaam Waaqaa dhugeeffateetti, marroo dhugeeffachaa sunitiif Waaqii nama qajeelaa isaan” jedhe.
10
Wantii kunin yoom taate? Eegii Abrahaam dhaqaanqabaa qabate moo, adoo innii hinqabatin? Egii innii qabateenii adoo innii hinqabatin.
11
Innii egii sun dhaqaanqabaa qabate, dhaqaanqabaan suniin beesisa Waaqii adoo innii dhaqaanqabaa hinqabati marroo dhugeeffachaa isaatiif qajeelumaa herregeef agarsiifti. Tanaaf Abrahaam, Abbaa warra Waaqaa dhugeeffatee ka adoo dhaqaanqabaa qabachuu dhibaataniillee Waaqii qajeelummaa herregeefii cufa.
12
Ammallee innii warra dhaqaanqabaa qabate cufaallee Aabbaa; waan warrii dhaqaanqabaa qabateefinitii, ammoo waan warrii faana dhugeeffachaa ta Abbaan keenna Abrahaam, adoo dhaqaanqabaa hinqabatin gula deeme gula yaa'eef.
13
Waaqii Abrahaamii fi dhaloota isaatti kakatee, lafa cufa sii kenna jedheen, wantii kakuu tana kennaaniif waan Abrahaam seera jabeesseefiinitii, ammoo waan innii dhugeeffannaan Waaqii qajeelummaa isaa herregeef.
14
Yo waan Waaqii kakate silaa warra seera jabeessee kennanii, dhugeeffachaan namaa homaa keessa hinjirtu, ammallee kakuun Waaqaa homaa hinbaatu.
15
Seerii dallansuu Waaqaatiin dhufa; ammoo fulaa seerii hinjirre seera cabsiitilleen hinjirtu.
16
Wantii kakuun dhugeeffachaa qabaachuu malteef, akka kakuun sun tola taatee, ilmaan Abrahaam cufaa geettu, ilmaan seera guutu callaanitii ammoo ta akka Abrahaam dhugeeffatee dhugeeffateelle. Wantii akkasiitiif Abrahaam abbaa nuu cufaati.
17
Barreessiin, “Anin yaayyuu abbaa gosa hedduu si tolche” jettuu la barreeffamte. Tanaaf seerii sunin fuula Waaqaa duraatti dansaa, Waaqii Abrahaam dhugeeffate sun Waaqaa warra du'e jiraachisee waan durii hinjirre lafaan dhufu.
18
Abrahaam gaaf durii abdiin hinjire dhugeeffatee abdate; tanaaf Abbaa gosa heedduu ta'e. Akkuma barreessin “Ilmaan tantee heeddu taati” jettu.
19
Gaafas gannii isaa diqquma dhibba tokko hingahin ammoo taatuullee dhugeeffachaan isaa diqqoollee hinlaamne. Wantii akkasiitiif innii nafa isaa ka diqqumaa hindu'inii fi akka saraan masseena taateellee hinherrenne.
20
Dhugeeffachaan isaa diqqumaallee hin laamne, inniilleen kakuu Waaqaa hindharreeffanne, ammoo dhugeeffachaan isaa jabeenna isaa kennitee, innii Waaqaa faarse.
21
Innii akka Waaqii kakuu ufii guutu akka dansaa dhugeeffate.
22
Tanaaf Waaqii dhugeeffachaa isaa akka qajeelummaatti herregeef.
23
Jecha, “Waaqii qajeelummaa herregeef” jedhu kana isa callaa hinbarreesine.
24
Ammoo marroo teennaallee ya barreessan, nuu Waaqaa Yesus Aabboo keennaa du'a keesaa kaase dhugeeffannuulle qajeelummaa herregan.
25
Mar. roo cubbuu teennaatiif isa ijeessan, ammallee akka qajeelummaa nuu herreganiif isa kaassan.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16