bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Romans 7
Romans 7
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
1
Obboleeyyan tiyya isan waan anin jechuu fedhu inuma beettan, isaniin cuftii seeraallee inbeettan: seerii haga namii jiru callaa jira.
2
Fakkeennaa jennee, seera gula, niitiin fuudhan haga dhiirsii jiru callaa ta isaati; ammoo yo innii du'e, isiin abbaa ufiiti.
3
Yo isiin adoo dhiirsii isii jiru nama dhibii waliin bulitee, isiin waan hamtuu taate jedhan; ammoo yo dhiirsii du'e, isiin waan feetu taati, yo namii dhibiin fuudheellee isiin homaa hin yakkine.
4
Obboleeyyan tiyya isaniilleen akkasuma. Isaniilleen gama seeratiin ya dootan, waan mittaa nafa Kiristoo taataniif; amma isan ka isaati, ka akka nu Waaqaa duraatti wa baanu du'a keessaa kaasan isa.
5
Gaafa nu dharraa nafa keennaa gula yaanee, dharraan cubbuu ta seerii tutuqee kaateetti nu keessa hojatee du'aan dhufte.
6
Amma ammoo seera jalaa hinjirru, marroo waan durii nu hidheen dooneef. Ituma deebinee seera barreessan ka durii jala hinteennu, ammoo karaa haraa hafuuraatiin teenna.
7
Maan jenna ree? Seerii cubbicha jennaa? Hiyyoo, akkasiiniti. Ammoo seeraatti akka cubbun jirtu na barsiise jenna. Wantii akkanatiif adoo silaa seerii, “Homaa hindhara'iin” naan hinjedhiin, anin dharraayyuu waan hinbeeku.
8
Cubbuun akka dharraa gosa cufaa na keessaatti hojattu seera keessa qoommii argate. Fulaa seerii hinjirre cubbuun waan du'e.
9
Anin durii seera malee jiraadhe; ammoo seerii dhumnaan cubbuun kaatee,
10
jennaan anin du'e. Seerii anin waan innii jireennaan naa dhufu se'e, du'aan naa dhufe.
11
Wantii akkanatiif cubbuun qoommii argatteetti, seera keessa seentee na sobdee, karaa seeratiin cuubbuun na ijjeefte.
12
Seerii cuftii qulqulloo, qajeelaa fi dansaa.
13
Yoos waan dansaati na ijeesee? Hiyyoo, akkasiiniti. Cubbuutti na ijeese; cubbuuti akka wantii isii cuftii mullattu waan dansaa fuudhee du'aan natti dhufe. Tanaaf cubbuun marroo seeraatiif haga duriille irra hammaate.
14
Nu akka seerii seera hafuuraa ta'e inbeenna; anin ammoo namumaa, akka tissee cubbuutti na gurguraatan.
15
Anin waan tolchu hinbeeku; wantii akkanaatiif anin waan tolchuu fedhu hintolchuu, ammoo waan tolchuu hinfeene tolcha.
16
Anin yo waan tolchuu hinfeene tolchu akka seerii qajeelaa agarsiisa.
17
Tanaaf namii waan kana tolchu anaanitii, ammoo cubbuu na keessa jirtuutti waan kana na tolchisiisa.
18
Anin akka wantii dansaan tokkolleen na keessa yokaan nafa kiyya keessa hinjirre inbeeka. Adoo waan dansaa tolchuu fedheellee danda'ee hintolchu.
19
Waan dansaa ka tolchuu fedhu hintolchuu, ammoo hammeenna tolchuu hinfeene tolcha.
20
Anin yo waan tolchuu hinfeene tolchee, yoos namii wa tolchu anaanitii; ammoo cubbuu na keessa jirtuutti tolcha.
21
Tanaaf anin akka seerii kun hujii hojjatu inarga; yo anin waan dansaa tolchuu fedhuu waan hamtuu callaatti natti gadbaha.
22
Garaa kiyya keessaatti seerii Waaqaa na gammachiisa.
23
Ammoo akka seerii dhibiin mittaa tiyya keessa hojjatu arga, seerii ka seera qalbiin tiyya feetu jibbu. Innii tisse seera nafa kiyyaa keessa jiruu na tolcha.
24
Anin guddoo gaargala qaba! Eentu nafa du'atti na geessu kana keessaa na baasa?
25
Mar. roo Aabboo Yesus kiristootiif Galatii Waaqaa hinbadiin! Wantii anin keessa jiru tana; ufii tiyyaa seera Waaqaa qalbii tiyya callaa keessaatti guuta, ammoo nafii kiyya seera cubbuu guuta.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16